Lola Tigraay: 'Zaraay Asgadoom dabalatee qondaalonni TPLF afur yoo ajjeefaman sagal to'ataman'

Madda suuraa, The Reporter
Direektara olaanaa Abbaa Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa kan turan Obbo Zaraay Asgadoom dabalatee qondaalonni TPLF afur yoo ajjeefaman sagal to'annoo jala oolfamuu Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa beeksise.
Obbo Zaraay Asgadoom hogganaa miidiyaa biyyaalessaa ETV ta'uunis kan tajaajilan yoo ta'u qabsaa'ota gameeyyii TPLF keessaa nama tokko.
Qondaalli olaanaan biraa ajjeefame dubbi himaa TPLF ture kan jedhame Obbo Seekkuturee Geetaachoo ta'uu hogganaa bobbii waraanaa Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Tesfaayee Ayyaleewu waabeffachuun Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.
Kanneen ajjeefaman lamaan hafan hogganaa Dimtsii Wayyaanee kan ture Abbabaa Asgadoom fi hogganaa Biiroo Maallaqaa naannoo Tigraay kan turan Daani'eel Asaffaa nama jedhamanidha.
Hogganoonni kunneen tarkaanfii Raayyaan Ittisaa ajaji Kaabaa fudhateen kan ajjeefaman ta'uu Birgaader Jeneraal Tesfaayee Ayyaleewu himaniiru.
Kanneen ajjeefamaniin alatti hogganoonni biirolee naannichaa garagaraa namoonni sagal to'annoo jala oolfamaniiru jedhan.
Raayyaan Ittisa biyyaa torbee tokko duras nama ajjeechaa magaalaa Lixa Tigraay Maayikaadiraatti raawwatame qindeessaa ture jedhame koloneel Yamaane dabalatee ajajoota waraana TPLF hedduu ajjeesuu beeksisee ture.
TPLF dhimma hogganoota isaa ajjeefamanii fi to'annoo jala oolanii irratti waan jedhe hin qabu.
Erga yeroo dhiyoo as hogganoota TPLF irraa wanti dhagaa'ame jiraachuu baatus torbanoota dura dubbi himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa ammallee lolaa jirra jechuun tiwiitarii irratti barreessanii turan.
Ka'umsi maal ture?
Lolli Tigraay Sadaasa 04 bara 2020 haleellaa humnoonni TPLF Raayaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa irratti raawwatan hordofuun ture kan eegale.
MM Abiy Ahimad 'sararri diimaan darbameera' jechuun Raayyaan Ittisaa TPLF irratti tarkaanfii akka fudhatu ajaja kennan.
Lola kanaan namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman yoo ajjeefaman kumoota hedduun kan lakkaa'aman ammoo qe'ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa'aniiru.
Erga lolli kun eegalee kaasees lammiileen Itoophiyaa 56,000 caalan daangaa qaxaamuruun gara Sudaan baqataniiru jedha UNHCR.
Dhaabbatichi guyyoota muraasa dura ibsa baaseen, erguma barri 2021 seenee as guyyoota jalqabaa muraasa keessatti namoonni 800 ta'an Tigraay irraa gara Sudaaniitti baqataniiru jedhe.
Baqattoota kanneen qubachiisuu akka eegalees himunsaa ni yaadatama.














