Lola waraanaa Tigraay: 'Haati warraakoo bosona bakka dhokannetti lakkuu deessee duute'

Ijoollee lakkuu

Lola waraanaa hamaa Tigraayi keessatti adeemaa jiruun haati warraasaa ijoollee lakkuu dubaraa lama bosona keessatti da’uuf akka dirqamteefi guyyoota muraasa boodas lubbuun akka darbe abbaan warraashee BBC’tti dubbateera.

Lola sana baqachuunis dhalattuuwwan lamaan korojoo keessa kaa’ee gara Sudaanitti akka baqate dabaluun hime.

Yeroo ammaas dooktara Ameerikaatiin lakkuuwwan sanaaf bakka kunuunsi taasifamuufitti ilmasaa ganna shaniifi obboleessa haadha warraasaa waggaa 14 waliin da’annoo baqattootaa keessa jira.

Lolli Tigraayiin to’achuuf taasifamu baatii sadaffaa keessa galee jira. TPLF fi mootummaan federaalaa lola aangoof taasisan akkuma itti fufanitti jiru.

Namoonni miiliyoona lama ta’an qe’eerraa kan buqqa’an yoo tau, kanneen 60,000 ta’an ammoo gara biyya ollaa Sudaanitti baqatanii jiru.

Baqattoonni hunduu odeessa himan qabu, guyyaa jalqaba sagalee rasaasaa itti dhaga’anirraa kaasee akkamiin holqa keessa dhokachaa akka turaniifi boombiin itti roobuu, akkasumas qoccollaan saalaa irra ga’uu dubbatu.

Bakka nagaan jiru ga’uufis dararaa karaa irratti isaanirra ga’e akka keessa dabran ni dubbatu, nyaataafi bishaan malee imaluu dabalatee.

Kuni odeessa Abrahaa Kinfeeti, nama haadha warraan jalaa duute:

Short presentational grey line

Ani ganna 40. Haati warraakoo isheen duute, Lattaay Tsaggaay ganna 29 turte. Waggaa 13 dura gaa’ela hundeessine, ijoollee sadiis waliin horanneerra.

Lafa qonnaa dhiyeenya Maayi-Kaadraa Lixa Tigraayitti argamtu keessa jiraanna turre. Sadaasa 10, loltoonni mootummaa qe’eefi mana keenyarra darbanii deemani. Nu hin agarre ture, sunis boqonnaa nuuf kenne.

Abrahaa Kinfee

Madda suuraa, Geezsat

Sana booda bosona dhiyoo keenya jirutti olloota keenya afur waliin dhokachuuf deemne. Haati warraakoo miixuun akka malee ishee miidhaa ture. Garuu kiliinika Maayi-Kaadraa jirutti geessuuf nan sodaadhe.

Gargaarsa dubartii nu waliin dhokachaa turteen, haati warraakoo ijoollee dubaraa lakkuu deesse. Sanaaf Rabbiin nan galateeffadha.

Takka turree gara manaatti deebine. Kan nama gaddisiisu Lettaayi wal’aansa da’umsaan boodaa hin arganne. Qoricha dhiiga irraa dhaabu argachuu hin dandeenye.

Guyyoota 10 booda Lettaayi lubbuun darbe. Akka malee qalbiin nacabe. Olloota keenya afur waliin maasiidhuma keenya keessatti awwaalleen.

Osoon gara kiliniikaatti geesseenii nan hawwa ture. Garuu magaalattiin akka malee burjaajoftee namni hunduu oliif gadi fiigaa ture. Amma magaalaa namuu keessa hin jirredha.

Waggoota shan dura aniifi maatiinkoo sababa walitti bu’iinsaan magaalaa Matammaarraa buqqaanee turre.

Jireenya keenya lafaa kaasnee tolfachuuf gara naannoo Maayi-Kaadraatti godaanne. Bulchaa bakka sanaarraa lafti qonnaa nuuf kenname.

Lafa haaraa keenyarratti mukaafi dhoqqeen mana xiqqoo ijaarranne. Anaafi haadha warraakootiif bakka mijataa ture. Ilmi keenya achitti dhalate. Ijoolleen lakkuun dubara keenyas achumatti dhalatani, guyyoota 20 booda irraa buqqaane malee.

Haati warraakoo yoo duutu addunyaan natti dukkanaa’e. Hammadheen boo’ichaan maraadhe. Waraana dhiiga dhangalaase dararaa hin taane nutti fide sana akka maleen jibbe.

Haati warraakoo jaalatamtuun, haati ijoollee kootii, sababa wal’aansa salphaa dhabdeef qofa lubbuun darbe.

Lixi Tigiraay bakka jalqaba waraanaan miidhamedha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lixi Tigiraay bakka jalqaba waraanaan miidhamedha

Haalli hammaataa waan tureef olloonnikoo Sudaanitti baqatani. Ani ijoollee lakkuu, ilmakoo hangafaafi obboleessa haadha warraakoo waliin boodattan hafe.

Loltoota yoo agarru daggala keessa deemnee dhokachaa turre. Ijoollee lakkuu bakka ollaanillee hin jirretti kophaa kunuunsuun baay’ee rakkisaadha.

Daa’imman umurii sanatti harma hodhuuf haatisaanii nibarbaachiftiini. Bishaaniifi sukkaara itti kennaa, akkasumas waan akka shoorbaa wayii qubaan cuubee hoosisaan lubbuun turseeni.

Guyyoota 20 booda, bakka buufata waraanaa federaalaa naannoo sanaa deemeen daa'immankoo lakkuu sana kilinika Humaraa keessatti argamu tokko geeffachuun nan danda'aa jedheen gaafadhe. Humaraan magaalaa biraa dhiyeenyatti argamudha.

Akka carraa ta'ee akkan darbuuf naaf hayyaman. Ani garuu gara Laga Bishaan Takkazeetti darbeen bidiruudhaan Hamdayit kan Sudaan keessa jiruttin ce'e. Daa'imman lakkuu kachootti qabadheen ture. Ijoolleenkoo biroon lamas ana waliin turan.

Amma kaampii baqattootaa Hamdaayit keessatti bakka da'oo arganneerra. Fannoo Diimaarraa kan dhufe doktora Ameerikaa tokkotu daa'imman lakkuu sana kunuunsaa jira.

Wantoota barbaachisaa dhiyeessaaf jirti doktorri kun. Guyyaa sadii sadiinis guddina isaanii ni hordoti. Qajeelummaa ishee kanaafi deeggarsa baqattoota hundaaf dhiyeessituuf Waaqayyo ishee yaa eebbisu.

Milishoota naannoo Amhaaraa Maayi-Kaadiraatti, Sadaasa 21, 2020.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Humnoonni naannoo ollaa Amhaaraa, magaalota akka Maayi-Kaadraa to'ataniiru

Cuuphaa daa'imman lakkuu

Daa'imman lakkuu kun amma umuriin isaanii ji'a lama guuteera. Kiiloon isaaniis dabalaa akka jiru argaan jira.

Ilmikoo umurin isaa waggaa shan ta'e garuu haadha isaa dhabuutti gaddeeera. Osoo walirraa hin kutiin na gaafata.

Kun ammoo baayyee qalbiikoo na cabsa. Guyyaa tokko dhuftee nutti makamti jedhee sobuu hin barbaadne.

Maaliif Lattaay akka hin deebinetti nu biraa dhabamte keessakoo amansiisuun na rakkisaa jira. Jireenya baayyee ulfaataadha.

Daa'immankoo lakkuun na waliin jiru. Isaan haadha warraakoo ishee harkakoorratti duute yeroo hunda na yaadachiisu.

Baqattoonni nu waliin jiran haalakoo kana hubatanii na jajjabeessuuf yaalu.

Daa'imman lakkuu kanaafis maqaa Eden jedhuufi Tirefii jedhu moggaasaniif. [Eden yeroo jedhan seenaa Kitaaba Qulqulluu keessaa waa'ee Eden Gannat keessaa hari'amuu] waliin walqabsiisanii yoo ta'u, Tirefii ammoo raajii Waaqayyoon hafuu dandeesse jechuudha Afaan Tigrinyaan.

[Afaan kun Tigiraay keessatti, akkasumas biyya ollaa Ertiraa keessatti baayyee dubbatama].

Akka aadaa Mana Amantii Ortodoksiitti, ijoolleen durbaa dhalatanii guyyoota 80tti cuuphamuu qabu. Guyyaan isa dhiyaataa jira. Haata'u malee, kaampii keessa tajaajilli bataskaanaa hin jiru.

Ammallee gaddaan rakkachaan jira. Waaqayyo jabinsa isaa naaf kennee bakka nagaa ta'etti ijoolleekoo akkan guddisu akka na gargaaruuf nan kadhadha.

Walitti bu'insi fokkisaa hin malle kun dhaabbatee, hundi keenya bakka irraa dhufnetti deebinee jireenya ni jalqabna jedheen abdadha.

Keessoon koo ammallee maaliif nagaafi tasgabbii dhabe jedhee yaada. Maaliif rakkinni hangana gahu nu mudatee?

Warri kaan osoo nagaan jiraatanii nuti maaliif nagaan jiraachuu dhorkamne. Warreen gadda kana fakkaatu nutti fidan galateeffatamanii itti tolee tasgabbiin jiraatu. Maaliif?

Yaaddoofi sodaa tokko malee ijoollee ofii guddifataa jiru. Ijoolleen kan isaanii mana ho'aa keessa jiraatu. Maatii isaaniitu isaan kunuunsa. Kan isaanii ijoolleen mana barumsaa isaanii ni deemu ijoollee ollaa waliin taphatu.

'Gaddi isaa guddaadha'

Qalbiinkoo waggaa shan dura Matammaa gadhiisee yeroo Maayi-Kaadiraatti gale na yaadatti. Jabaadhee hojjedhee hawaasa keessatti of cimsuuufan tattafachaa ture. Ganamaa hanga galgalaatti hojjedhee maatiikoo sirriittin gargaaraa ture.

Lafa qonnaa naaf kenname qotachaan ture. Isa irraa hafe ammoo kireeffadheen galiin argataa ture. Omisha salixaafi bishingaa gaariin galfadhan ture.

Amma garuu hojii tokko maleen as jira kunoo. Lafti qotan hin jiru, haati warraa jaallatan hin jiru, ummanni waliin hawwaasummaa qabaatan hin jiru, bataskaanni deeman hin jiru.

A family of Ethiopian refugees who fled the Tigray conflict rests in a makeshift shelter at the Border Reception Centre in Hamdayet, eastern Sudan, on December 8, 2020

Madda suuraa, Getty Images

Midhaan osoon sassaabuuf jedhuu irraa baqannes nan yaada. Wantan gochuu danda'u hin jiru amma. Jireenya kaampii keessaa kana wallaansoo qabaa jireenya dabarsine, qabeenya qabaataa turreefi akkamitti ijoolleen keenya akka itti taphachaa turten yaada.

Gaddi isaa guddaadha. Ijoolleekoof kun hin malu ture.

Sababa walitti bu'insa sabaa ummata Amaaraafi Tigiraay gidduutti uumameen wanti jiru hundumtuu takkaatti na jalaa fudhatame.

Kaampiiwwan Sudaan keessa jiran keessa baqattoota kumaan lakkaa'amanitu jiru. Hundi isaanii ammoo Tigiraay irraati. Walitti bu'insichaan akka malee miidhamneerra.

Waraanni kun amma dhaabbata jedheen abdadha. Biyya keenya lafa abbaafi akaakayyuu keenyatti deebinee jireenya keenya ni jiraanna ta'a jedheen hawwa.