Lola Tigraay: Tigraay keessatti haleellaan saalaa raawwatamu isa yaachisuu UN beeksise

Piraamilaa Paateen

Madda suuraa, UN GENEVA

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka lolli jirutti ergamaa addaan dhimmoota haleellaa saalaa Piramilaa Paateern, naannoo Tigraay keessatti haleellaawwan saalaa yaachisaan raawwatamaa akka jiran gabaasni isaan qaqqabuu ibsan.

Qondaalli kun magaalaa Maqalee dabalatee dubartoota hedduun haleellaan saalaa yakka dirqiin gudeedduu raawwatamuu, himanni dhagahamaa jiras jedhan.

Ibsa guyyaa Kamisaa Jenevaatti kennaniin qaamoleen hunduu haleellaan saalaa akka dhaabatuufi muddamni akka tasgabbaawu hojjechuu qabu jechuun waamicha dhiyeessan.

''Himatni Maqalee keessatti namootni dirqiin gudeedamuufi guutummaa Tigraay keessatti himatni haleellaa saalaa raawwatamaa jira jedhu akkaan na yaachiseera,'' jedhan.

Itti dabaluunis ''namootni miseensa maatii isaanii waliin osoo hin hafiin saalqunnamtii akka raawwatan irqisiifamaa jiraachuu ragaalee nama rifaasisan dhagahamaa jiru,'' jedhan Paateen.

Dubartootni tokko tokko deeggarsa bu'uuraa argachuuf loltoota waliin saalqunnamtii akka raawwatan dirqisiifamuu ragaan argamuu Paattan ibsaniiru.

Dhaabbilee fayyaa waabeffachuunis namootni qoricha to'annoo ulfaa bitataniifi dhibeewwan saalqunnamtiin daddarbaniif qorannoo taasisan dabaluu himaniiru.

''Kunis wayita lolli jirutti haleellaan saalaa raawwatamuuf agarsiistuudha,'' jedhan.

Buufataalee baqattootaa keessatti dubartootni dirqiin gudeedamaa jiraachuu ragaaleen agarsiisan heddummachaa jiraachuunis ibsameera.

Haalli nageenyaa naannoo Tigraay keessa jiru yaachisaa ta'uu, naannicha keessa bakka hunda qaqqabuun rakkisaa ta'uufi haalli namoota kaampii baqattootaa keessa jiranii hammaataa ta'uunis ibsameera.

''Dhiyeessitootni deeggarsa namoomaa fi dhaabbileen mirga namoomaa walabaa naannicha keessa guutummaatti akka socho'an hayyamamuu qaba'' jedhan hooggantuun UN'tti garee dhimma haleellaa saalaarratti hojjetu kanaa.

Buqaatotni naannicha keessa jiran atattamaan tajaajila fayyaa, xiinsammuufi eegumsi akka godhamuufis gaafataniiru.

Naannoo Shireetti baqattootni Eertiraa 5,000 ta'an lafarra ciisaa akka jiran, nyaataa fi dhugaatiis akka hin qabne dubbataniiru. Dabalataanis waayee lammiilee Itoophiyaa lola kanaan gara Sudaanitti baqatan 59,000 ta'aniis kaasaniiru.

Kanneen haleellaan saalaa irraa gaheef deeggarsi barbaachisaan hin geenyes jechuun hanqinni meeshaalee waldhaansaa jiraachuu dubbataniiru.

Labsii namoomaa idila addunyaarratti hundaa'uun kanneen haleellaa saalaa raawwatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu hubachisaniiru.

Mootummaan namoota nagaa haleellaa saalaa fi rakkoowwan biroorraa akka eegus waamicha dhiyeessaniiru. Haleellaan saalaa qaama walabaan akka qoratamu akka hayyamamus gaafataniiru.

Dhibeewwan hedduun Tigraay keessatti hammaachuu malu

Sababa lolaan tajaajiloonni bu'uura fayyaa jeeqamuu isaaniitiin naannoo Tigraay keessa dhibeewwan akka busaa, Covid-19, Koleeraa, gifiraa fi kaaniis hammaachuu akka danda'an Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa akeekkachiiseera.

Gargaaraan hoogganaa olaanaa dhaabbatichaa dhimma gargaarsa yeroo balaa Ibraahim Soosee Fool ibsa Jeneevaarraa kennaniin Hospitaalonniifi kilinikoonni gariin qofa hojjeechaa jiraachuufi kaan ammoo cirumaa cufamuu himaniiru.

''Hojjettootni fayyaa uummata waliin qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru,'' jedhan.

Dhaabbatichi torbanoota darban deeggartoota isaanii waliin ta'uun dhaabbilee fayyaa naannicha keessa jiraniif qorichaa fi wantoota barbaachisan biroo ergaa akka ture himaniiru.

Deeggartootni isaanii kaaniis yeroo qaqqabamummaan naannichaa argamu gargaarsa gochuuf fedha akka qaban ibsan.

Ammatti tajaajila fayyaa cimsuuf ''achi (Tigraay) galuun danqaa guddaa'' akka ta'e dubbatan.