Samaantaa Paawor: 'Finciltoonni TPLF Amaaraafi Affaar keessaa, humnoonni naannoo Amaaraa ammoo Tigraay Lixaa keessaa bahuu qabu'

Madda suuraa, USAID
Finciltoonni Humna Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) naannoo Amaaraafi Affaar keessaa, humnoonni naannoo Amaaraa ammoo Lixa Tigraay keessaa ba'uu qabu jechuun Samaantaa Paawor akeekkachiisan.
Roobii har'aarraa kaasee Itoophiyaa daawwachuuf kan jirtu gaggeessituun USAID, Samantaa Paawor, loltoonni Ertiraa Tigraay keessa jiranis hatattamaan yeroo dhumaatiif bahuu qabu jechuun ejjennoo biyyasaanii ibsaniiru.
Tarkaanfiin humna loltuutiin fudhatamu walitti bu'insaaf furmaata ta'uu waan hin dandeenyeef, "namoota Tigraay keessatti gargaarsi namoomaa barbaachisu qaqqabsiisuun akka danda'amuuuf, qaamoleen hunduu lola dhaabuu qabu," jechuun fuula tiwiitara isaaniirratti baasaniiru, Samaantaa Paawor.
Imbaasiin US Finfinnee jirus gama isaatiin qaamoleen lola kaaba Itoophiyaa keessaatti hirmaatan hundi lola dhaabuun mariin waliigaluun dhukaasa dhaabuu akka jalqabamuuf irra deebiin waamicha dhiyeesseera.
"TPLF humnoota waraanaasaa naannolee Amaaraafi Affaar keessaa atattamaan akka baasan ni gaafanna. Haaluma walfakkaatuun, humnoonni mootummaa naannoo Amaaraa atattamaan Tigraay Lixaa keessaa akka baasan, mootummaan Ertiraa ammoo loltoota isaa guutummaatti Itoophiyaa keessaa akka baasaniif irra deebiin waamicha dhiyeessina," jedheera Imbaasichi.
Kanaan duras, Ameerikaa dabalatee biyyoonni gama Lixaa humnoonni Ertiraafi naannoo Amaaraa Tigraay gadhiisanii bahuu qabu jechuun gaafataa turaniiru.
Ameerikaan hoggantuu USAID kana gara Itoophiyaatti kan ergaa jiruuf gargaarsi namoomaa naannoo Tigraay danqaa tokko malee akka qaqqabu taasisuuf dhiibbaa dippilomaasii gochuufidha jedhameera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Daawwannaa Samaantaa kana ilaalchisuun USAID ibsa kanaan dura baasee tureenis, "hoggantuun kun gara Itoophiyaatti kan imalaniif naannoo Tigraay keessatti beelli akka hin hammaanneef gargaarsi namoomaa dhorkaa tokko malee akka qaqqabuuf mootummaa Itoophiyaarratti dhiibbaa gochuuf," jedheera.
Samaantaa Paawor turtii isaanii Finfinneetti taasisaniin aanga'oota olaanoo Itoophiyaa waliin kan wal arguuf jiran yoo ta'u, hojii gargaarsa namoomaa USAID fi dhaabbileen michoota USAID ta'an Itoophiyaa keessatti hojjechaa jiranis ni daawwatu jedhamee eegame.
Samaantaan turtii isaanii Sudaanitti taasisaniin dhalattoota Tigraay lola Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame baqachuun achitti dahatanii jiraatan akka daawwatan, USAID, ibsa kaleessa baaseen eereera.
USAID baqattoota kanneeniif gargaarsa taasisaa akka jiru kan ibsame yommuu ta'u, Aadde Samaantaa Paawor ammoo buqqaatota kana waliin dubbataniiru.
"Hoggantuun kun dubartoota buufata baqattootaaa Uumaa Raakubaa keessatti dahatanii jiran waliin dubbataniiru. Seenaawwan miidhaa saalaa baay'ee garaa nama hammeessu namoota hidhataniin raawwatamanis dhaga'aniiru," jedheera USAID gabaasa isaatiin.
Samaantaa Paawor turtiishee Sudaaniin tajaajila gargaarsa namoomaatiif kan oolu maallaqa dabalataa dolaara miliyoona 56 akka deggaran ifa godhaniiru.
Dabalataanis Sudaan miseensa Mana Murtii Adunyaa (ICC)tti makamuuf murteessuu ishees Samaantaan ifa gootee jirti.
Samaantaa Paawor eenyudha?
Samaantaa Paawor gara aangoo dhaabbata gargraasaa guddaa kanaatti osoo hin dhufiin dura gaazexeessituu turan. Waraana Yugoozilaaviyaa duraanii keessatti gaggeeffamaa ture bal'inaan gabaasaa turteetti.
Bara bulchiinsa pirezident Baaraak Obaamaa gorsituu olaantuu pirezedaantichaa, akkasumas Mootummoota Gamtoomaniitti (UN) ambaasaaddara Ameerikaa ta'uunis tajaajilteetti.
Samaantaan bulchiinsa Obaamaa keessatti gahee guddaa akka qabaachaa turte kanneen agarsiisan keessaa, gaggeessaa duraanii Liibiyaa Mahaamur Gadaafii aangoorraa buusuudhaaf Ameerikaan waraana akka filannootti akka gargaaramtuuf bulchiinsa Obaamaa irratti dhiibbaa gochuun isaanii tokko ture.
Samaantaan barruu Foorbiis keessatti bara 2016 keessa tarree dubartoota 100 dhiibbaa uuman keessa galuu dandeesseetti.
Dubartiin umuriin ishee ganna 50 ta'e kun yeroo ammaa dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa, USAID, olaantummaan gaggeessaa jiru.













