Waraana Tigraay: Mootummaan haaldureewwan TPLF dhiyeesse irratti maal jedhe?

Madda suuraa, ADDIS FORTUNE
Janaraal Tsaadiqaan Gabratansaa'i turtii Wiixta BBC News Hour waliin taasisaniin, gareen TPLF dhiheenya kana maaliif naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraatti haleellaa babalisaa akka jiru, akkasumas eegeereen Tigraayiifi ummata naannichaa maal akka ta'urratti dubbataniiru.
Janaraal Tsaadiqaan akka jedhaniitti, lolli humnootiin Tigraay gaggeessaa jiran hundi kaayyoo lamaaf jechuun dubatan.
Isaanis ulaa gargaarsaa mootummaa Federaalaatiin ummata Tigraayitti cufame cabsuufi haalduree dhukaasa dhaabuu naannichi dhiyeesse akka fudhatuuf mootummaa Federaalaa dirqisiisuu ta'uu dubbataniiru.
Dhimma kanarratti mootummaarraa yaada akka nuuf kennaniif Obbo Zaadiig Abirahaa, sadarkaa ministeeraatti Itti-gaafatamaa dhimmoota dimokraasii waliin turtii taasifneerra.
BBC: Himannaa mootummaan Federaalaa ulaawwan gara naannoo Tigraay geessan cufuun, deeggarsi namoommaa akka ummata Tigraay hin qaqabne gochaa jira jedhurratti maal jettu?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Nuti gonkumaa deeggarsa namoomaa hin dhorkine. Dhugaan jiru, mootummaan keenya hanga waliigalaa deeggarsa dhaabbilee gargaarsaa biraatiin dhiyaatuu olitti dhiyeesseera. Bajata biyyattii harka shan keessaa tokko kan ta'u ramadneerra akka deggarsi namoomaa qaqabuuf.
Garuu deegarsa namoomaa kan tuxuqaniif [gareen TPLF] hawaasa addunya dabalatee miidiyaan dhimma kanaaf xiyyeeffannaa akka kennu waan beekaniifidha. Yeroo amma kanatti deeggarsi namoommaa haalli kan hin mijannee yoo ta'e, sababiin isaa amma naannoo Tigraayiin ala naannoolee Affaariifi Amaaraa keessa socho'aa jiru.
BBC: Janaraal Tsaadiqaan akka jedhaniitti, sababiin isaan Tigraayiin ala Affaar fi Amaaraa seenanii lolaniif ulaa cufaman cabsuudhaaf jedhan.
Obbo Zaadiig Abirahaa: Dhugaan jiru isa miti. Gonkumaa cufaan hin jiru. Ammaan konkolaataawwan deeggarsa namoommaa fe'an 100 ol gara naannoo Tigraayiitti darbaa jiru. Amma akka deeman gadhiifneera, nuti gonkuma deeggarsa kamuu hin dhorkine.
Kun hawaasa addunyaatiif ajandaa guddaa waan ta'eef ittin qabata godhatanii fayyadamu.
BBC: Jecha mootummaa Itoophiyaa dhugaadha jedhanii fudhachuun rakkisaa ta'e; sababiin isaa ammoo yeroo darban keessatti Ministirri Muummee dhugaa hin dubbanneef.
Jalqaba mootumaan wayita Maqalee to'ateetti namni nagaa tokkolleen hin ajjeefamne jedhan, garuu soba ture. Itti aansee, haleellaa TPLF irratti gaggeeffame keessatti Ertiraan hin hirmaannee jedhan, garuu innis soba ta'ee argame.
Akkasuma, naannicha keessa beelli hin jiru jedhan, garuu Mootummoonni Gamtoomaanii (UN) kanatti walii hin galu. Kanaafuu, haala kanneen irratti hundaa'uun waan mootummaan Itoophiyaa jedhu fudhachuun rakkisaa ta'a. Waan badaa hin fudhattanii?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Lakkii, mootummaan Itoophiyaa mootummaa sirna qabeessaafi filatamedha. Mootumma qalbiifi onnee ummata mo'ateedha. Haala itti dhimmoota xinxalluufi odeeffannoo irratti gara garummaa qabaachuu dandeenya. Kana jechuun garuu mootummaan Itoophiyaa dhara dubbata jechu miti.
Hawaasa addunyaatiif kabaja qabna. Sababii kanaan haalli nuti ittiin hojiiwwan keenya gaggeessinu kan miira gaariifi naamusa irratti hundaa'eedha. Kanaafuu waanti sun amalaafi eenyummaa dhuunfaa MM kan bakka bu'u miti.
BBC: Mootummaan Itoophiyaa naamusaan hojiisaa raawwataa jette. Ministira Muummee kee kan ummata Tigraay akka lammilee Itoophiyaa kaanii irraa adda ta'aniitti ilaaluun, aramaa akka deebii'ee hin biqilleeetti buqqifamuu qabu jedhuuf falmita.
Obbo Zaadiig Abirahaa: Kan inni jedhee ture akkas miti. Inni kan jedhe waa'ee aanga'oota TPLF lakkoofsaan 45 gadi ta'aniiti. Gonkumaa guutummaa ummata Tigraay jechuu miti. Ummanni Tigree uummata keenya, ummata Itoophiyaati. Isaanis qaama hawaasa Itoophiyaa gaariidha. Namni sammuu sirrii kana jedhus hin jiraatu.
BBC: TPLF akka barbaadeetti yaadulleen, MM biyya tokkoo ummata lammii isaa ta'an, biyyattiin diinatu mudataa jira innis kansarii Itoophiyaati jechuun isaa sirriidha jettee? Ummata Tigraay akka weeraruutti fudhachuun ni gargaara jettee yaaddaa?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Gonkumaa ummanni Tigray hundaan akkas hin jenne. Osoo jedhee jira ta'ee isaaf hin falmuun ture. Inni kan jedhe kana waan hin taaneefan isaaf falmaa jira.
BBC: Yoo MM biyya tokkoo garee tokkoo ilaalchisuun akkas jedhu, ummanni Itoophiyaa baayyeen haalli ummata Tigraay akkasitti ialaaluun/fudhachu hin danda'anii? Kun ammoo biyyattii tokkomsuu caalaa garaa adda adda bahuutti geessuu miti?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Mootummaan kun erga aangootti dhufee kaasee seerri ittiin bulmaataa seera federeshiniifi bulchiinsa uummataa jaalala, nagaafi wal simachuutiin. Kun amala mootummicha ibsuudha. Mootummaan kun tokkommaa balleessa jedhamuun kan himatamu miti. Kun faallaadha. TPLFtu kana raawwata.
Yoo waa'ee sobaa kaafne TPLF ibsa. Fakkeenyaaf, BBC waggaa 40 dura akka gabaaseetti TPLF deegarsa namoomaatiin meeshaa waraanaa bitachaa ture.
Waa'ee dhimma haasaa MM ilaalchisee ani Amaariffa isaan dubbisaa jira, ati ammoo hiikaa dogongoraa isaa dubbiifte ta'a.
BBC: Itaamaajoor shuumii raayyaa ittisa biyyaa kan ture Janaraal Tsaadiqaan bara 2019 keessaa MM fi TPLF jidduu jaarsummaa deemaa ture. Gama TPLF goree waraanudhaaf kan deeme, sababii MM nagaa buusuudhaaf fedhii hin qaban jedhee waan yaadeef.
Obbo Zaadiig Abirahaa: Dubbiin akkas hin turre. Janaraal Tsaadiqaan MM waliin dubbachuuf haamlee hin qabu. MM dhimmicha karaa nagaatiin furuudhaaf yeroo baayyee gube. Rakkoo karaa nagaa furuuf dandeettii akka qabu ani mataan koo nan beeka.
Rakkoo karaa nagatiin furuun amala MMti. Kunis mala isa ibsuufi duudhaa inni siyaasa Itoophiyaa keessatti fidedha. Haata'u malee, rakkoo TPLF irraa kan ka'ame lolatti seename. TPLF kan danda'u waraana. Kanaaf marii dhiisanii mootummaan akka lolatti seenu godhan.
BBC: Dhukaasa dhaabuun gamtokkee mootummaan Itoophiyaa labsee hojjetaa jiraa?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Ummata keenya kaaba jiraniif boqonnaa akka argataniifi akka qotatan gochuuf dirqama qabna. Waggaa keessatti waqtii barbaachisaa waan ta'eef, akkasumas gargaarsi namoommaa akka seenuuf jecha tarkaanfii dhukaasa dhaabuu fudhanne. Kun sababa lammaaffaa itti Maqalee keessaa baanedha.
BBC: Maqalee ofiin gadhiifnee baanee jettu isin. Garuu erga waraanni cimaan gaggeeffameen booda Maqaleen harka TPLF galte.
Obbo Zaadiig Abirahaa: Lakkii akkasi miti. Akkuma dura jedhe ummanni keenya akka hin beeloofne gochuuf itti gaafatamummaatu nurra jira. Sababii inni guddaa isa ture. Haata'u malee, TPLF waranuudhaaf dandeettii guutuu qabna turre.
BBC: Ifaan ifatti lafarratti mo'ataa hin turre. Isaan bakkeewwan to'annoo raayyaa ittisa biyyaa jala turan deebiisanii to'ataa turan.
Obbo Zaadiig Abirahaa: Nuti ammalleen waraannii akka hammaatu hin goone. Milishaafi humna addaa naannooleetiin qofa lolaa jirra. Yeroo obsi keenya dhumuufi wayita barbaachisu ni lollaa, kan isaan jedhan ammoo ni ilaalla.
Amma magaalaa Tigraay kamuu keessaa isaan baasuuf humna gahaa qabna. Garuu nagaaf dursa kennina.
BBC: Janaraal Tsaadiqaan waraanni dhaabbachuuf haaldureewwan akka guutamaniif gaafatu. Isaan keessaa tokko, ulaawwan cufaman akka banaman, dararaan magaalaa guddiittii keessatti Tigroota irratti raawwatamu akka dhaabbatuufi hidhamtoonni siyaasaa hundi akka gadhiifaman gaafatan. Kanneen keessaa kan fudhattan jiraa?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Tokkoolleen hin jiru. Gargaarsi namoomaa dhorkame hin jiru. Sababii isaan waraana gara naannoo Affaaritti babalisaniif deeggarsi namoomaa adda cite. Gama keenyaan namoonni gargaarsa akka argataniif hojjataa jirra.
BBC: Garuu Mootummoonni Gamtoomanii akka jedheetti gargaarsi yeroo dhumaaf Tigraay akka seenu kan hayyamame torban lama dura. Kana ni mormitaa?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Lakkii karaan ittiin nuti deeggarsa gara Tigraayiitti geessuuf turre TPLFn cufame. Waraana kakaasuun karaa sanaan lolli gaggeeffamaa ture.
BBC: Ammas ittuma fuftee hin cufamne jettaa?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Wanti cufame homtuu hin jiru, kana gochuudhaafis nurraa hin eegamu. Ummnni keenya Tigiraay deeggarsa namoomaa akka argatu barbaadna. Hin cufne. Kana wanti raawwannuuf hin jiru. Sababiin isaa ummanni Tigraay ummata Itoophiyaati.
BBC: Waa'ee hidhamtoota siyaasaa gadhiisuu ilaalchisee maal jetta?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Kun yaada dogongoraa TPLF. Hidhamtoonni siyaasaa Itoophiyaa keessa hin jiran. Yeroon itti namoonni ilaalcha siyaasaa isaaniif itti hidhaman darbeera. Innis bara TPLF keessa ture.
BBC: Kanas akkuma yeroo MM loltoonni Eritraa Tigraay keessa hin seennee jedhanii sanatti haa ilaalluu?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Tarii odeeffannoon nuti qabnu adda adda ta'uu mala. Garuu eenyuunuu dogongorsuuf yaadamee kan jedhame homtuu hin jiru. Anis waanuma wal fakkaataan jechaa jira.
Waggaa afuriin dura dubbii himaa MM yeroo sanaatiin ture. Hidhamtoonni siyaasaa bilisa bahuu qabu jenne. Aanga'oonni TPLF garuu sana didanii turan. Kanaafuu, TPLF hidhamtoonni siyaasaa akka gadhiifamaniif gaafachuuf hamilee tokkoolleen hin qabu.
BBC: TPLF waliin marii siyaasaa taasisuuf qophii qabduu?
Obbo Zaadiig Abirahaa: TPLF dhaaba shororkeessaadha. Kana jechuun ammoo eenyuunuu waliin teenyee karaa nagatiin rakkoo hin furru jechuu miti. Taa'anii mari'achuuf fedhii kan qaban yoo ta'e, hayyoonni Tigree hedduutu jira, dhaabileefi paartileen siyaasaa Tigraay keessa hedduun jiru. Isaan waliin gochuu dandeenya.
BBC: TPLF akka shororokeessatti kaasaa jirtan. Tigiroonni hedduun ajjeechaa loltoota Itoophiyaatiin irra gaheen yaaddoo jiraachuufi jiraachuu dhabuu keessa jiru. Kun waa'ee TPLF osoo hin taanee waa'ee ummata Tigraay jedhanii yaadu.
Obbo Zaadiig Abirahaa: Wayita mari'atamutti dogongorri raawwatame yoo jiraate ni sirreessina. Wanti dhoksuu barbaadnu tokkoolleen hin jiru. Ummanni Tigraay ummata keenya. Fedhiin biraa qabnu homtuu hin jiru.
BBC: Hangan hubadheetti atuu Tigreedha miti?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Ani Raayaa bakka wal falmisiisaa ta'e kan ollaa Tigraayiitti argamu irraayi. Ani lammii Itoophiyaati. Kun gahaadha.
BBC: Akka lammii Itoophiyaatti yoo garee ummataa tokkoo raayyaaniifi mootummaan Itoophiyaa waan hamaan nurratti raawwate kun balaa yaaddoo jiraachuu dhabuuti jedhan akkamiin ilaata?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Yoo rakkinni jiraate teenyee ummata Tigraay waliin mariidhaan sirreessuu dandeenya.
BBC: TPLF waliin hin mari'annu jette miti?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Ummanni Tigraay TPLF caala. Baayinaanis TPLF ni caalu.
BBC: Garuu ummanni Tigraay waan TPLF hojjatu akka deegaru ifaadha miti?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Dhaabileen siyaasaa TPLF morman ammoo jiru. Ani mataan koo hiriyoota Tigree hedduu TPLFn morman beeka. Ati sagalee isa guddaa qofaa dhagahaa jirta. Sagaleen adda ta'e jira. Isa sana dhaggeeffachuu barbaadna. Isaan waliin teenyee mari'achuuf, dogongora sirreeffachuu rakkoo homaatuu hin qabnu.
BBC: Janaraal Tsaadiqaan eegeere Itoophiyaarratti rifarandamiin akka gaggeeffamu gaafatan. Kun waan MM fudhatuudhaa?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Kunis miira aangoo sobaati. Irra deebiin yaada dogongoraa irraa kan dhufedha. Baatii saddeetiin duras waraana yoo eegalan akkasuma yaadanii turan. Ammas dhabuuf jiru.
BBC: Ati miira aangoo sobaati jetta garuu haalli qabatamaan lafa jiru, humnootiin TPLF raayyaa dirqisiisuun akka bahan gochaa eddoowwan garaa garaa deebiisanii to'ataa jiru. Kanaafuu, aangoo sobaatiin osoo hin taanee humna cimaa qabaniin dubbataa jiru.
Obbo Zaadiig Abirahaa: Akkuman jedhe nuti dhukaasa dhaabuu keessatti argamna. Obsa yoo fixannee ammoo attamiin akka isaan mandaraafi magaalaa Tigraay hunda keessaa isaan itti ari'anu ni agarta.
BBC: Eessatti isaan baaftu? Erga lammii Itoophiyaa ta'aniitii eessa deemu?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Yoo lola barbaadan ni argatu. Ati waa'ee aanga'oota TPLF dubbataa jirta. Ummanni Tigraay waggaa kuma sadiin duraa kaasee lammiilee Itoophiyaa turan, ammas Itoophiyaanoota. Kana hunda raawwataa kan jiran aanga'oota TPLF. Anis kan dubbadhu waa'ee isaaniti warra akka 'saree maraatu' sanaa malee waa'ee ummata Tigraay miti.
Isaanis miira aangoo sobaa irraa ka'uun haaldureewwan heduu kan barbaadaa jiran.
BBC: Akka saree maraatuutti isa ibsitee?
Obbo Zaadiig Abirahaa: Lamuu namaa akkasiin hin ibsu. Haaldureewwan isaan kaa'aninan akka saree maraatuutti ibse.
BBC: Dubbii akkasii nameenyaa keessaa nama baasuudha kan addunyaa yaaddoo keessa galchaa jiru. MM uummata Tigraayiin osoo hin taanee TPLF ibsuuf jette. Garuu jechoota nameenyaa keessa nama baasuun dubbii hammeessan akkasii fayyadamuun caalaa kan qooduufi jibba cimaa kan uumu ta'uu isaa fudhachu qabda.
Obbo Zaadiig Abirahaa: Ummata keenya araarsuu, uummata bayyanachisuuf asi jirra. Waaggaa sadiif oliif kana hojjataa turre. Eenyu waliinuu waldahbdee dhuunfaa hin qabnu.
Garuu ammoo dubbii barbaacha kan itti fufan yoo ta'e itti agarsiifna. Kana yoon jedhus waa'ee ummata Tigraay dubbachaa hin jiru, ummanni Tigraay ummata keenya. Dubbachaa kanan jiru waa'ee aanga'oota TPLF kan qubaan lakkaa'amaniiti.














