Waraana Tigraay: Humnootiin TPLF deebiisanii Maqalee to'atan

Madda suuraa, AFP
Humnootiin TPLF magaalaa guddoo Naannoo Tigraay, Maqalee to'achuu isaanii maddeen qabatamoo ta'an BBCf mirkanneessan. Ummanni magaalattiis daandiitti bahuun gammachusaanii ibsachaa jiraachuus jiraattonni BBCtti himaniiru.
Jiraattoonni magaalaa Maqalee akka himaniitti, humnootiin Adda Bilasa Baasaa Tigraay (TPLF) daandiiwwanii fi buufata xiyyaaraas to'ataniiru.
Wiixata guyyaa humni raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa magaalattii gadhiisee bahaa jiraachuufi jiraattoonni ammoo muddama keessa jiraachuu arguu jiraattoonni BBCtti himan.
Miidiyaa mootummaa kan ta'e FBC galgala keessa akka gabaaseetti, mootummaan federaalaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan Waxabajjii 28 irraa kaasee hojiirra ooluu Tigraay keessatti labseera.
Labsiin dhukaasa dhaabuu kun hojii qonnaa waqtii gannaa fi hojii deeggarsa namoomaaf jecha gaaffii bulchiinsi yeroo Tigraay dhiyeesseen kan labsame ta'uu mootummaan federaalaa Itoophiyaa ibsus, TPLF garuu injifannnoo dirree waraanaa irratti argateen magaalaa Maqalee deebisee to'achuu ibse.
Kunis jijjirama ejjannoo mootummaan erga Sadaasa 2020 waraana naannicha irratti banee as ifatti taasiseedha.
Mootummaan Itoophiyaa yeroo garaa garaatti waamicha deegarsa namoomaatiif dhukaasa dhaabuun akka taasifamuuf biyyoota idil-addunyaatiin taasifamaafii ture cichuun didaa turun isaa ni yaadatama.
Jijjirama amma jiru ilaalchisees hanga gabaasa kana qindeessineetti kan miidiyaalee biyya keessatiin gabaafameen alatti mootummaa Itoophiyaatti ibsi bahe omtu hin jiru.
Guyyoota muraasa darban keessa ammoo, lolli cimaan naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamuufi humnootiin TPLF magaaloota hedduu qabachunsaanii gabaafameera.
Gareen humnootii TPLF konkolaataawwan waraanaa barbadeessuufi loltoota mootummaa hedduun boji'aniiru.
Mootummaan Itoophiyaa kan loltoota biyya ollaa Ertiraatiin deeggaramuun Sadaasa 04, 2020 ture paartii naannicha bulachaa ture TPLF irratti haleellaa banuun naannicha to'achuu labsee kan ture.
Mootummaan Itoophiyaas humnootiin TPLF loltoonni bakka ciisaa jiraniitti ajjeessuun meeshaa waraanaa saamuun himachuun gachaan isaa kun mootummaan tarkaanfii seera kabachiisuu akka fudhatuuf dirqisiisuu hima.
Haata'u malee, TPLF haleellaan mootummaan raawwatame kan dursee itti yaadameedha jedha.
Erga waraanni naannichatti eegale baatii saddeettan darbanii kaasee namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ajjeeffamanii, kanneen miliyoonaan lakkaa'aman ammoo bakka jireenyaasaanitii buqaafamaniiru.
Dhukaasa dhaabuu ykn 'Ceasefire' jechuun maali?
Dhukaasa dhaabuu ykn 'Ceasefire' jechuun yeroof jecha waraana dhaabuudha akka UN hiikaa itti kennetti.
Dhukaasa dhaabuun sababoota adda addaan kan labsamu wayita ta'u, hanga guutummaatti waraana ykn lola dhaabuuf waliigalteen tolfamuutti yeroof labsamuu mala.
Sababni biraan waraana dhaabuun labsamuuf waraana keessatti lammileen nagaa hedduun yoo miidhamaniifi deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf haalli rakkisaa yoo uumame, 'humanitarian casefire' ykn hojii deeggarsa namoomaaf waraana dhaabuun ni labsama.
Dura taa'aan UN Antooniyoo Gutereez wayita weerarri Covid-19 mudatu guutuu addunyaatti vaayirasicha loluuf jecha qaamoleen wal-waraanaa jiran dhukaasa akka dhaaban labsii baasanii turan.
Akka galmeen jechoota seera idil-addunyaa Oksifoord jedhutti dhukaasa dhaabuun yeroo hedduu waliigaltee qaamolee wal waraanaa jiraniin kan labsamu yoo ta'u, jidduu seentummaa qaama sadaffaan ta'a.
Kana jechuun wayita waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun cabu itti gaafatamni ni jiraata.
Haa ta'u malee dhukaasa dhaabuun qaamolee wal waraanaa jiran keessaa gama tokko qofaan labsamuu danda'a. Kuni dhukaasa dhaabuu gam-tokkee ykn 'Uniateral Ceasefire' jedhama.
Kana jechuun qaamni dhukaasa dhaabuu labse, duub-deebii qaama isaan lolaa jiruu osoo hin eegiin dhukaasa dhaabu jechuudha.
















