Waraana Tigraay: Waraanni Itoophiyaa haleellaan qilleensarraa namoota nagaarratti qiyyaafate hin raawwanne jedhe

Namoota miidhaman irra qaqqabee Maqaleetti yaalaman

Madda suuraa, Aider Referral Hospital

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota miidhaman irra qaqqabee Maqaleetti yaalaman

Waraanni Itoophiyaa haleellaa xiyyaaraa Kibxata darbe ganda naannoo Tigraayitti argamtu, Togogaatti raawwatameen namoota nagaarratti hin qiyyaafanne jedhee waakkate.

Dubbi Himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Geetinnet Adaanee ibsa Kamisa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, haleellaan qilleensarraa kan irratti xiyyeeffate "hidhattoota garee finciltootaa" guyyaa wareegamtootaa kabajuuf walitti qabamanidha.

Haata’u malee, haleellaa sana booda dubartoonnifi daa’imman madaa’an wal’aansa atattamaa Hospitaala Riferaalaa Ayidaar Maqaleetti argachuu ragaalee agarsiisan BBCn ilaaleera.

Hakiimni hospitaalichaa BBCtti akka himetti, yoo xiqqaate namoonni 60n ajjeefamuun, kanneen 40 ol ta'an madaa’aniiru.

Lafa haleellaan xiyyaaraa itti raawwate

Namoota miidhaman keessaa muraasni madaa cimaa yeroo dho’insi qaqqabutti boombii ciccitee nama argatuun kan miidhaman fakkaatu.

Narsiin hospitaalichaa BBCtti akka himanitti, wayita haleellaan boombii sun qaqqabu namoonni dhaqaanillee dhakaa dhodho'ee tureen madaa'aniiru.

Kana malees, loltoonni Itoophiyaa ambulaansonni Togogaa akka hin qaqqabne dhorkaa akka turan BBCtti himame. Ambulaansota lama qofatu garasittti akka qaxxaamuran eeyyamame.

Namoonni miidhamanii hospitaala qaqqaban akka himanitti, namoonni biroon bakkuma isaan itti miidhamanii kukkufanii lafa ciisaa turan - du’uufi of wallaalusaanii garuu hin beeknu jedhu.

Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil-Addunyaa dhimma kun na yaaddesse jechuun ibsa akkas jechuun baaseera: ''Ergamni gama wal’aansa fayyaa hangam kabajamuufi yeroo hunda eegamuun barbaachisaa akka ta’e cimsinee hubachiisuu barbaanna,'' jedhe.

Namoota hospitaalatti yaalamuuf geeffaman

Madda suuraa, Aider Referral Hospital

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota hospitaalatti yaalamuuf geeffaman

Hogganaan Imaammata Dantaa Alaa Gamtaa Awurooppaa Jooseef Boorel akka jedhanitti, namoota miidhaman iddoo itti miidhamanii kaasuun yoo hin danda’amu ta’e, seera idiladdunyaa haala yaaddeessaan kan sarbuudha jedhan.

Haleellaa lafa gabaatti mudateera jedhame kana ilaalchisee BBCn kan dubbise dubbi himaan Raayyaa Ittisa Itoophiyaa Koloneel Geetinnat Adaana, haleellaan namoota nagaarratti raawwatame hin jiru jechuun himan..

Koloneel Geetinnat akka himanitti: ''Iddoo gabaatti haleellaa xiyyaaraa hin gaggeessine. Kun akkamiin tahuu danda'a? Waraanni keenya iddoowwan barbaadu qiyyaafatee haleeluuf kan dandeettii qabudha,'' jedhan.

''Haleellaa qilleensaa gaggeessineerra, garuu iddoowwan adda bahan muraasatti. Garuu inni gabaa keessatti raawwatame jedhamee kan haasawamu dhugaarraa kan faagateedha,'' jedhan.

Dabalataan dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Diinaa Muftii, ibsa US fi Gamtaa Awurooppaa baasan balaaleffataniiru.