Waraana Tigraay: EU fi US haleellaa xiyyaaraa Tigraayitti namoota nagaarratti raawwate cimsinee balaaleeffanna jedhan

A man who was injured in Ethiopia's reported air strike is treated at Aider hospital in Mekelle, Ethiopia. Photo: 23 June 2021

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa xiyyaaraa kanaan namoonni 40 ol miidhamuun gabaafameera

Gamtaan Awurooppaa (EU) fi US haleellaa xiyyaaraa Waxabajjii 22 naannoo Tigraayitti namoota nagaarratti raawwate jedhame cimsanii kan balaaleeffatan ta'uu beeksisan.

Gamtaan Awurooppaa (EU) haleellaa xiyyaaraa 'itti yaaduun' naannoo Tigraay keessatti namoota nagaa irratti tibbana raawwate jedhame cimseen balaaleeffadha jedhe.

Gamtaa Awurooppaatti Bakka Bu'aa Olaanaa Dhimmoota Alaafi Imaammata Nageenyaa Jooseep Boreel Fronted fi Komishinarri To'annoo Balaa Awurooppaa Janez Lenaricic ibsa waloo Roobii galgala baasaniin [Afaan Ingiliizii], ''haleellaa xiyyaaraa itti yaadamuun naannichatti namoota nagaa irratti raawwate kana cimsinee balaaleeffanna'' jedhan.

Haleellaa lafa gabaatti mudateera jedhame kana ilaalchisee BBCn kan dubbise dubbi himaan Raayyaa Ittisa Itoophiyaa Koloneel Geetinnat Adaana, haleellaan namoota nagaarratti raawwatame hin jiru jechuun haalan.

Koloneel Geetinnat akka himanitti: ''Iddoo gabaatti haleellaa xiyyaaraa hin gaggeessine. Kun akkamiin tahuu danda'a? Waraanni keenya iddoowwan barbaadu qiyyaafatee haleeluuf kan dandeettii qabudha,'' jedhan.

''Haleellaa qilleensaa gaggeessineerra, garuu iddoowwan adda bahan muraasatti. Garuu inni gabaa keessatti raawwatame jedhamee kan haasawamu dhugaarraa kan faagateedha,'' jedhan.

Haaluma walfakkaatuunis ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa dhimma kanarratti baaseen [Afaan Ingiliizii], haleellaan xiyyaaraa naannoo Tigraayitti lafa gabaa ollaa Idaagaa Seluu kan dhiheenya Togogaa Aanaa Doguu Tambeen keessati Waxabajjii 22 raawwatameen cimsee yaadda'uu beeksise.

EUn ibsa baaseen ammoo haleellichaan ''gochaa naasiisaa itti fufiinsa sarbama seera namoomaa idil-addunyaa fi mirgoota namootaa, ajjeechaafi beelaafi gudeeddii akka meeshaa waraanaatti fayyadamuuti,'' jedheera.

Itti dabaluunis Komishinarri To'annoo Balaa Awurooppaa Janez Lenaaricic, toora Tiwitarii isaaniirratti ''yeroon hawaasni addunyaa ka'uun tarkaanfii itti fudhatus amma'' jedhaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

''Itti yaaduun namoota nagaarratti xiyyeeffachuu EUn cimsee balaaleeffata. Kunis gocha karaa kamiinuu kan hinfudhatamnee fi gocha faallaa seera namoomaa idil-addunyaati,'' jedheera.

Kana malees ajjeechaawwan kunneen akka Itoophiyaan jettutti kan tokkummaa daangaa eegsisuuf fayyadu ta'uu hindanda'u jedha EUn ibsa isaa kanaan.

Haleellaa raawwatameen boodas humnootiin nageenyaa hojjattoonni fayyaa namoota miidhaman akka hingargaarreef danqaa turuusaanii gabaasaaleen nu qaqqabaniiru jedhan EU fi US ibsa baasan kanaan.

Keessattu Gamtaan Awurooppaa ''haleellaa raawwatameen booda yaalii ambulaansiiwwan namoota miidhamaniif deeggarsa wallaansaa dhiyeessuuf gochaa turan danquun yoo mirkanaa'ee fudhatama hinqabu. Gochaan akkasiis Konveenshinii Jeneevaa fi sarbama Seera Namoomaa Idil-addunyaa ta'a,'' jedheera.

Dhukaasa dhaabuun atattamaan raawwatee kanneen naannicha keessatti waraaanaan miidhaman hundaaf deeggarsi namoomaa hindaangoofne akka qaqqabuuf qaamooleen lamaanuu irra deebiin waamicha taasisaniiru.

Kana malees ''mootummaan Itoophiyaa namoota miidhamaniif wallaansa fayyaa guutuu fi kan hindanqamne akka argatan akka taasisuuf ni gaafanna.

Akkasumas qorannoon atattamaafi walabaa gaggeeffamuun kanneen itti gaafatamoo ta'an irratti tarkaanfiin akka fudhatamu gaaffana'' jetteetti Ameerikaan ibsa gama Ministeera Dhimma Alaasheetiin baasteen.

Bakka bu'aa Olaanaan EU gamasaanitiin, walgahii Mana Maree Dhimmoota Alaa Adooleessa gaggeeffamurratti biyyoota miseensa EU waliin dhimma Itoophiyaarrati mari'achuuf ajandaawwan jalqabaa keessatti qabachuu himeera.

Relatives of Togoga residents wait for information about their loved ones outside Aider hospital in Mekelle, Ethiopia. Photo: 23 June 2021

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Firaafi maatiin jiraattota Togoogoo haleellaa kanaan miidhamanii hospitaala Ayidaritti eegaa jiru

Waraanni Naannoo Tigraay kan Sadaasa 04, 2020 eegalamee erga baatiiwwan torbaan booda torban kana keessa ammoo muddamni akka haaraatti eegaluun dhagahame.

Sababii waraanaa kanaatinis lammiileen kumaatama hedduu ta'an lolicha baqachuun gara Sudaan kan imalan yoo ta'u, kanneen miliyoonaan lakkaa'aman bakka jireenyaa isaaniirra buqqa'uun gabaafameera.

Kanneen 350,000 ta'an ammoo hir'ina nyaataa cimaa keessatti kan argaman ta'uu dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhiheenya himaniiru.