US, Gamtaan Awrooppaa fi Gamtaan Afriikaa hojjettoonni MSF Tigraayitti ajjeefamuu balaaleffatan

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa jaarmiyaalee
Ajjeechaa miseensota dhaabbata gargaarsaa daangaa ce'ee tajaajila fayyaa kennu (MSF) irratti Tigraay keessatti raawwate booda jaarmiyaalee fi biyyoonni addunyaa gaddaa fi balaaleffannaa gocha suukanneessaa sanaa ibsaa jiru.
Miseensonni isaa sadi haala suukanneessaan jalaa ajjeefamuutti baayyee gadduusaa kan ibse MSF, namoonni kunneen dhala namaaf gargaaruuf gatiin kaffalamuufii qabu kana hin turre hin jedhe, ibsa baaseen.
US, Gamtaan Awurooppaa fi Gamtaan Afriikaas ajjeechaa namoota gargaarsa kennuuf deeman irratti raawwatame balaaleffataniiru, gochi raawwatame baayyee gaddisiisaa ta'uus ibsa isaanii keessatti eeraniiru.
Yeroo baay'ee dhibdee Afriikaa keessatti mudaturratti yaada kennuus ta'ee qaama furmaataa ta'uu dhabuusaatiin kan komatamu Gamtaan Afriikaa, naannoo Tigraayitti ajjeechaan hojjettoota gargaarsa kennan irratti raawwatamaa jiruu fi dhibdeen waraanaa hammaachaa jiru baayyee akka isa yaaddessu ibseera.
Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Muusaa Fakii Mahamaat, haalli ajjeechaan sun ittti raawwatame gadi fageenyaan qaratamuu akka qabuu fi qaamoleen waraana keessatti hirmaataa jiran hunduu seera idil-addunyaaf bitamuun hawaasa rakkatee jiruuf daandiin gargaarsaa akka saaqamu gochuu qabu jechuun akeekkachiisan.
Gamtichi biyyattii daandii nageenyaatti fiduuf cichee ni hojjetas jedhan.
Dameen dhimmoota alaa Gamtaa Awurooppaas gamasaatiin ajjeechaa suukanneessaa hojjettoota gargaarsa kennan irra ga'e balaaleffataniiru.
Hojjettoonni MSF sadi handaara Abi Aditti ajjeefamuun kan mul'isu, ammallee waraanni naannoo Tigraay ulfaataa akka ta'ee fi qaamoleen waraanicha keessatti hirmaataa jiran qaamolee gargaarsaa ugguraa jiraachuudha jedhan jaarmiyaaleen Gamtaa Awurooppaa.
Ajjeechaan hojjettoota gargaarsaa irratti raawwate kun erga haleellaan xiyyaaraa bakka gabaarratti raawwatee lubbuu namoota hedduu galaafatee boodadha.
Yeroo dheeraaf jaarmiyaaleen gargaarsa kennan walabaan socho'anii uummataaf qaqqabuu akka hin dandeenye kan eere Gamtaan Awurooppaa, ajjeechaan hojjettoota MSF irratti raawwatemmoo jaarmiyaaleen gargaarsaa hagam xiyyeeffannoo haleellaa akka ta'an ifatti kan mul'iseedha jedheera ibsa isaa keessatti.
Haleellaan uummata nagaa fi hojjettoota gargaarsa kennan irratti xiyyeeffate, komii duraan ''beelaa fi saalquunnamtii akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu'' jedhuuf dhugaa kan ba'uudha jedheera gamtichi.
Mootummaan US's haleellaa hojjettoota MSF irra ga'e kana balaaleffachuun ibsa baaseera.
Dubbi himaan Isteet Dippaartmantii US Ned Price, qaamni ajjeechaa kana raawwate hatattamaan qoratamee itti gaafatamuu qaba jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa hojjettoonni jaarmiyaalee gargaarsaa nageenyummaansaanii eegamee walabaan uummata rakkate akka gargaaran dirqama qaba.
Furmaata waaraa kan ta'u garuu qaamni walwaraanu hunduu dhukaasa dhaabuun gara karaa nagaatti yoo deebi'eedha jedhan.
Waa'ee ajjeechaa hojjettoota MSF
Dhaabbanni gargaarsa Oggeesota Fayyaa Daanga-Maleeyyii, Médecins Sans Frontières (MSF) hojjattoonnisaa sadii Itoophiyaa nannoo Tigraayitti jalaa ajjeefamuu ibseera.
Hojjettoonni kunneen Kamisa darbe osoo gara Tigraay imalaa jiranii sa'a booda quunnamtiin isaan waliin qabu akka adda cite himeera jaarmiyaan kun.
Haala kanaan osoo jiranuu Jimaata reenfi isaanii argame.
Hojjattoota ajjeefaman kanneen keessaa tokko lammii Iseep yoo taatu, lama lammiilee Itoophiyaati.
Hojjettoonni kunneenis:
- Maria Hernandez, lammii Ispeen umrii waggaa 34, bara 2015 irraa egaltee yeroo balaa tasaa qindeessummaan hojjetaa turte.
- Yohaannis halefoom, lammii Itoophiyaa umrii waggaa 31, Guraandhala darberraa kaasee gargaaraa qindeessaa ta'ee hojjetaa ture.
- Teedroos Gabramaariyam Gabramikaa'el, lammii Itoophiyaa umrii waggaa 31, Caamsaa darberraa eegalee konkolaachisaa MSF ture.
Mootummaan Itoophiyaa gama isaatiiin ajjeechaa hojjattoota dhaabbata MSF kanaan gadduu isaa ibsuun, ajjeechaa gaddisiisaa garee itti gaafatama hin qabneen raawatamu akkasii kana hambiisuuf ture mootummaan bakka akkasiitti [namoota gargaarsaaf deeman] gaggeessaan loltootaa akka taasifamuuf gaafachaa kan ture,'' jedheera.
Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa ajjeechicha kana ilaalchisuun ibsa baaseen, hojjattoonni dhaabbatichaa lammii Ispeen tokkoofi lammiilee Itoophiyaa lama Tigraay keessa bakka TPLF bal'inaan socho'u Abii Adiitti ajjeeffaman jedheera
''Haleellaa waayiloota keenyarratti raawwatame kana cimsinee balaaleffanna,'' kan jedhe MSF, maal akka uumame hubachuuf ammoo duubatti akka hin jenne beeksiiseera.
"Mariyaa, Yohaannis fi Teedroos naannoo Tigraay keessatti uummataaf gargaarsa dhiyeessaa turan. Hojii kanaaf ammoo lubbuu isaanii wareeguun isaanii waan hin yaadamnedha."













