US fi UN: Itoophiyaatti ajjeechaa hojjettoota deeggarsa namoomaarratti raawwatu balaaleeffatan

UN baatiiwwan jahan darban Itoophiyaatti hojjeettonni deeggarsa namoomaa 9 ajjeefamu hime

Madda suuraa, US EMBASSY, UN

Ibsa waa'ee suuraa, UN baatiiwwan jahan darban Itoophiyaatti hojjeettonni deeggarsa namoomaa 9 ajjeefamu hime

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi Ameerikaan bakkeewwan Itoophiyaa garaagaraa keessumaa Tigraayitti ajjeechaa hojjeettoota deeggarsa namoomaarratti raawwatu balaaleeffatan.

Guyyaa kaleessaa, Kamisa, dhaabbileen lamaan ibsa baasaniin hojjeettoota deeggarsa namoomaaf eegumsi akka taasifamu gaafataniiru.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii gama waajjira isaa Itoophiyaa jiruun ibsa baasen baatiiwwan jaha darbanitti hojjettoonni deggarsa namoomaa sagal ajjeefamuu hime.

Ajjeechaan kuni Naannoo Tigraayiifi Benishaangul Gumuuzitti raawwate jechuun ibsan.

Itoophiyaatti qindeessituun deeggarsa namoomaa dhaabbatichaa Dr Kaatiriin Sozi ibsa baasaniin ajjeechaa raawwate balaaleeffataniiru.

Maatii hojjettoota deeggarsa namoomaatti ergaa isin haa jajjabeessu kan ergan qondaalli kuni akkaataa seera idil addunyaas ta'e biyyaa keessa jirutti hojjettoota deeggarsa namoomaaf eegumsi taasifamuu qaba jechuun dhaamaniiru.

Ajjeechaan raawwatan qaamolee walabaan akka qoratamaniifi kanneen ajjeechaa keessa qooda fudhatan akka seeratti dhihaatan mootummaa Itoophiyaa gaafataniiru.

Akka lammata hin mudanneefis mootummaan akka hojjetu gaafatan.

Ameerikaan maal jette?

Mootummaan Itoophiyaa nageenya siiviilotaa, hawaasa gargaarsa namoomaa dabalatee eeguu irratti itti gaafatamummaa guddaa qaba, jedheera Imbaasiin Finfinnee jiru ibsa baasen.

Sanarra darbeemmoo, qaamoleen hidhatan hunduu itti gaafatamummaa seerota namoomaa idil-addunyaa eeguu qabu jedhame.

Qaamoleen hidhatan hundinuu namoota gargaarsi barbaachisu hunda bira ga’amee hojiin akka dalagamuuf tumsa danqaarraa bilisa ta’e, walitti fufaa ta’e gochuurra darbee, hojjettoota arjoomaaf sosochii nagaa qabu mirkaneessu qabu jedheera ibsi mootummaa US.

Sadaasa 2020 irraa kaasee, hojjettoonni gargaarsa namoomaa torba Naannoo Tigraayi keessatti qofa kan ajjeefaman yoo ta’u, namni dabalataa tokkos kutaa biyyattii biraa keessatti du’eera, akka ibsa kanaatti.

Hundisaanii kan ajjeefaman namoota gargaarsa fedhaniif hojii lubbuu baraaruu wayita raawwachaa turanittidha. Ajjeechaa hojjettoota gargaarsa namoomaa cimsinee balaaleffannas jedheera ibsi kun. Dhaabbachuu qaba, warri kana raawwatanis haqaaf dhiyaachuu qabu jedhe.

Imbaasii US Finfinneetti argamu

Madda suuraa, US EMBASSY ADDIS ABABA/FB

Taatee dhiyeenya kana raawwateen, hojjetaan dhaabbata USAID, Tigraayi naannoo Qollaa Tambeenitti gaafa Eebla 28, 2021 loltoota Eertiraafi Itoophiyaatiin ajjeefamuutu himama, jedha dabaluudhaan ibsi kun.

Akka namoonni iaan argan himanitti, namni kun hojjetaa gargaarsa namoomaa ta'uusaa ifatti himachuun lubbuusaa akka maaraniif kadhatus, loltootaan ajjeefameera, Embasiin US ibsasaatiin akka jedhutti.

Haalli taateen kun itti mudates kan mul’isu, nageenya hojjettoota gargaarsa namoomaaf haalaafi naannoon mijataan jiraachuu dhabuufi Itoophiyaa keessatti bilisaan sochoo’anii hojjechuuf haalli jiru guyyaa guyyaan daran badaa dhufuu isaati jechuun hima.

Akkasumas rakkoon dhiittaa mirga namoomaa hammaachaa dhufuu isaa mul’isa, jedheera embasichi.

‘‘Gumaacha hojjettoota namoomaa hunda, akkasumas warreen lubbuu oolchuuf dirree waraanaa fuuldura hiriiranii jiraniifi warreen namoota gargaarsa fedhaniif deeggarsa gochaa haala nama gaddisiisuun lubbuu isaanii gabbaran hundaaf kabaja guddaa qabna’’.

Maatii, warreen isaan jaalataniifi miiltoowwan isaaniif jajjabina hawwinas jedheera ibsichi.

Mootummaan Itoophiyaas dhimma kana atattamaan qorachuun, ajjeechaa hojjettoota kanaafi siiviilota irratti raawwatu akka balaaleffatuufi warreen kana raawwatan seeratti dhiyeessuuf tarkaanfii ifa ta’e akka fudhatu gaafanna, jechuun ibsichi xumurame.