Seneetiin US yaada furmaataa 'qaamni hunduu waraana haadhaaban' jedhu sagalee guutuun ragga'e

Madda suuraa, Getty Images
Yaadni furmaataa 'Mootummaan Itoophiyaa, TPLF fi qaamoleen kaan' lola Tigraay keessaa akka dhaaban gaafatu, seeneetii Ameerikaan sagalee guutuun ragga'e.
Yaadni furmaataa 'S. Res. 97' jedhamuun beekamu kun qaamoleen kunniin ''mirgoota namoomaa kabajuu, deeggarsi namoomaas danqaa malee akka gahuufi sarbamoonni raawwataman jedhaman qaama walabaan akka qoratamanif tumsa akka godhan'' gaafata.
Sanadni kun yeroo duraatiif ji'a Bitootessaa keessa senaatara paartii Rippabliikaanii kutaa biyyaa Idaahoo bakka bu'an, James E. Risch jedhamaniin dhiyaate.
Sanada kanas senetichatti koree Walitti dhufeenya Biyyoota Alaatiif kan dhiyeessan oggaa tahu, bakka buutonni biroo 17 ta'anis wixinee seeraa kana deeggaruun itti hirmaataniiru.
Waraanni Tigraay keessaa Sadaasa 4, 2020 erga eegalee as, namoonni kumaatamni ajjeefamanii, kuma dhibbaan kan lakkaa’aman immoo biyyuma keessatti qe’eerraa buqqa’anii jiru.
Dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa, waraanni Ertiraa naannoo Tigraay keessatti sarbama mirgaa cimaa raawwataniiru jechuun himatu.
Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa yeroo dheeraaf waraana Tigraay keessatti hirmaannaa loltoota Ertiraa erga haalaa turanii booda, MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaachuun, Ertiraan sodaa nageenyaa waan qabduuf daangaa cehuun galte jedhan.
Wixineen seeraa 'S. RES. 97' maal jedha?
Yaadni furmaataa (resolution) guyyaa Roobii ragga'ee fi S. Res. 97' jedhamuun beekamu kun, Ameerikaa fi Itoophiyaan walitti dhufeenya jaarraa tokkoo ol lakkoofsise qabu jedha.
Muddamni paartii MM Abiy Ahimad fi TPLF gidduu ture hammaachaa deemuun, gara lola waraanaatti akka geeddarame fakkeenya taateewwaniin kaasee hima.
Senetichi lola kanaan walqabatee dhimma waliigalteerra gahameefi hojiirra ooluu qabu jedhe tarreesseera.
Kanaanis seentichi ''Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti lolli adeemu akka dhaabbatu gaafanna'' jechuun, ''sarbama lammiilee nagaarratti raawwatu kamuu cimsinee balaaleeffanna'' jedha wixineen kun.
Dhaamsa mootummaa Ertiraaf dabarseen ammoo ''waraanni biyyattii Itoophiyaa keessaa hatattamaa fi guutummaatti akka bahan gaafanna,'' jedheera.
''Sarbama mirgoota namoomaa, ajjeechaa, saamicha, gudeeddii fi yakkoota biroo, waraana Ertiraa fi qaamolee biroon Naannoo Tigraay fi naannoolee Itoophiyaa birootti raawwatamu cimsinee balaaleeffanna.''

Madda suuraa, Getty Images
Seenetiin kun mootummaa Itoophiyaaf ergaa dabarseen ammoo ''Hooggantoota paartilee mormituu'' akka gadhiifaman waamicha dabarseera.
''Gaggeessitoota siyaasaa, deeggartootaafi rogeeyyiin sochii siyaasa isaaniitiin hidhaa jiran, akkasumas gaazexessitoonni gabaasa isaaniitiif hidhamanii jira akka gadhiifaman waamicha dhiyeessina.
Lammiileen Itoophiyaa hunduu mirgi bilisummaan dubbachuufi hirmaannaa siyaasaa; sabummaa, yaadaa fi hirmaannaa siyaasaan loogiin isaanirra otoo hin ga'in kabajamuufi qaba.''
Kana malees wixinee seeraa kanarratti biyyattiin ''marii biyyaaleessaa hunda hirmaachiseefi amanamummaa qabu akka qopheessitu ni gaafanna,'' jedhaniiru.
Kana malees seenetichi wixinee seeraa raggaasise kanaan qaamolee mootummaa Ameerikaa garagaraa tarkaanfii yookin murtoo dabarsuu qaban jechuun yaada dhiyeesseera.
''Ministeerri Dhimma Alaa, Ministeerri Maallaqaafi waajirri USAID; qindoomina waajiraaleen federaala biroo wajjin tahuun, hooggansa olaanaa Mootummaa Itoophiyaa wajjin akka hojjetu gaafanna.''
Kana malees waajiraaleen mootummaa kunneen, hooggansa mootummaa Ertiraa fi TPLF wajjin hojjechuun, lola kanaaf xumura akka itti godhaniifi waraanni Ertiraas akka gadhiisee bahu hojjechuu qabu jedheera.
Ejensiiwwan mootummaa Ameerikaa kunneen: ''maloota dippiloomaasii, misoomaafi seeraa jiran hundatti dhimma bahuun... haleellaa sabummaa bu'ureeffate akka dhaabsisan gaafanna,'' jechuun sanada kana keessa kaa'ameera.
Yaadonni murtoo 'Senate resolutions' jedhaman kunniin, gama seeraatiin dirqama kan kaa'an miti. Haatahu malee yaada waloo miseensonni Seenetii dhimma tokkorratti qaban kan agarsiisanidha.














