Jeffrey Feltman: Mootummaan Ameerikaa Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa ramade

Madda suuraa, Reuters
Mootummaan Ameerikaa Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa muuduu ishee Minisitirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antonii Bilinkeen beeksisan.
Antonii Biliinkeen ibsa Jimaata baasaniin qondaala olaanaa Mootummoota Gamtoomanii kan turaniifi dippiloomaatiin maqaa guddaa qaban soorama bahanii jiran Jeffrey Feltman Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa ta'uun muudamuu ibsan.
Ameerikaan kana dura Dippiloomatii sadarkaa ergamaa addaa jedhuun Gaanfa Afrikaarraa hin qabdu ture.
Biliinkeen ibsa isaanii keessatti muudamni kun rakkowwan nageenyaa, siyaasaa fi namoomaa naannichatti dhalachaa jiru kara dippiloomasiin furuuf murannoo bulchiinsi Baayidan qabu agarsiisa jedhan.
Xiyyeeffannoo ergamaa addaa mootummaa Ameerikaa kan Gaanfa Afrikaa haarayaa kanaa ta'a kan jedhame ammoo rakkoo naannoo Tigraay dabalatee haala Itoophiyaa keessa jiru akka ta'e ibsameera.
''Xiyyeeffannoo addaan waraana naannoo Tigraay dabalatee, tasgabbii dhabuu Itoophiyaa keessa jiru, muddama Itoophiyaa fi Sudaan gidduutti jabaachaa dhufeefi dhimma Hidha Haaromsa Itoophiyaarratti waldhibdee jirudha'' jedha ibsi Antonii Biliinken.
''Naannoo tarsiimoof barbaachisaa ta'e kanatti yeroo jijjiiramni dhufaa jirutti rakkoo dhalachuu malu hanqisuun rifoormii dhaloota keessatti takkaa dhufu deeggaruuf hirmaannaan Ameerikaa barbaachisaadha.''
Ergamaan addaa amma Ameerikaan Gaanfa Afrikaatti muudde Jeffrey Devid Feltman Waajira Imaammata Alaa fi Hariiroo Idila-addunyaa Ameerikaa keessatti aangoo olaanaa nama qaban turan.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessattis barreessaa Olaanaa dhaabbatichaa jalatti hoogganaa dhimmoota siyaasaa ta'uun tajaajilaniiru.
Namni kun dhimmoota Afrikaa fi Gidduugala Bahaarratti muuxannoo Dippiloomaatummaa waggoota kudhanii olii waan qabaniif rakkoo walxaxaa Gaanfaa Afrikaa jiru furuuf filatamoodha jedha ibsi Antoonii Biliinken.
Hojii dippiloomaasii qaamolee hedduu hirmaachisu, mariifi jaarsummaa akkasumas fedha tarsiimawaa Ameerikaa naannichatti hojiitti hiikuufis gahumsa ni qabu jedhameera.
Bara Bulchiinsaa Doonaald Tiraamp dhimma Hidha Haaromsaa Itoophiyaarratti Ameerikaan marii gidduu seenuun eegaltee ture Masriif kan looge jedhamee gama Itoophiyaan fudhatama hin argatiin hafee ture.
Inumaayyuu Masriin hidha Haaromsaa Itoophiyaa rukutuu malti jechuun Tiraamp haasaan dhimma Masriifi Israa'eel irratti dubbatan dheekkamsa guddoo kaasee ture.
Loolli Naannoo Tigraay keessatti erga eegalamee booda ammoo bulchiinsi pireezidant Joo Baayidan waraana naannicha keessatti gaggeefamuun ''duguuggaa sanyiiti'' fa'a jechuun ibsaa, mootummaa Itoophiyaarratti dhiibbaa gochaa jira.
Gama kaaniin ammoo rakkoo namoomaa hammaataa sababa waraanaa kanaan naannoo Tigraay keessatti dhalateef, ofiis deeggarsa maallaqaa miiliyoona dhibbaan lakkaawamu arjoomuun, biyyootni kaanis deeggarsa akka godhan gaafachaa jirti.














