Pireezidantiin US haala naannoo Tigraayiin 'baay'ee yaadda'uu' Waayit Haawus ibse

Pirezidaantiin US Joo Baayidan haala naannoo Tigraay keessa jiruun ''baay'ee akka yaadda'an'' Pirees Sekreetariin Waayit Haawus Jen Psaki himan.
Qondaalli Waayit Haawus kun ibsa Kamisa gaazexeessitootaaf kennaniin, ''pireezidantichi goolama naannoo Tigraay ilaalchisuun baay'ee dhimmamanii jiru, dhimma kanas xiyyeeffannaan qabatanii jiru,'' jedhan.
Akka isaan jedhanitti pireezidant Joo Baayidan naannoo Tigraay keessatti rakkoo dhala namaarra ga'aa jiru akkaan hubatu.
Pireezidantichi naannoon kun nagaa akka ta'uu fi haalli amma jiru akka fooyya'u fedhii olaanaa qabu, kanaafis qaamoleen deegggarsa kennan gufuu tokko malee akka gara naannoo Tigraay seenan fedhu jedhan.
Lolli humnoota waraanaa mootummaa federaalaa fi hidhattoota TPLF gidduutti gaggeeffame lubbuu namoota kumaan lakkaa'amanii galaafateera, sababa kanaanis hedduun qe'eerraa buqqa'aniiru.
Ministirri Haajaa Alaa US Antoonii Biliinken Roobii darbe dhimma haala naannoo Tigraay fi Itoophiyaa keessa jiruu irratti wayita dubbatan Tigraay keessatti yakki duguuggaa sanyii mudateera jedhan.
Itoophiyaan xalayaa UNf barreessiteen maal jette?
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa xalayaa UNtti bakka bu'aan Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee mana maree nageenyaa UN'f barreessan feesbuukiisaarratti maxxanseera.
Qabiyyeen xalayichaa Itoophiyaan deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay keessatti dhiyeessuu fi dhiittaa mirga namaa raawwatame qorachuuf tumsa gochuuf qophii ta'uushee kan agarsiisuudha.
Itoophiyaan sababa balaa uumamaa fi waraanaan rakkoo midhaan nyaataaf saaxilamaa turuu kan ibsan Ambaasaaddarichi, garuu waggoota darban keessa mootummaan imaammata hojjechiisu baasuun lammiileensaa akka hin beelofne ifaajaa tureera jedhan.
Itoophiyaa keessaa naannoo ajandaa idil-addunyaa taatee jirtu Tigraay keessa durumaanuu uummati deggersa midhaan nyaataan jiraatu miiliyoona 1.7 jiraachuu kan dubbatan Ambaasaaddar Taayyeen, lolli Sadaasa 4, 2020 irraa eegalee naannocha keessatti adeemaa turemmoo haala kana daranuu hammeesseera jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa qabeenya biyyattiin qabdu sirnaan qindeessuun lammiilee deggersa barbaadaniif birmateera kan jedhan ambaasaaddarri kun, jaarmiyaalee deggersaa idil-addunyaa waliinis hojjetamaa jira jedhan.
''Sadaasa 29 UN waliin taanee deggersa naannochaaf qaqqabsiisuuf walii galtee mallatteessineerra. Walii galteen kun deggersi karaa naga qabeessa ta'een lammiilee naannocha keessa jiraatan akka qaqqabuuf haala mijeesseera.''
Himannaan dhiittaa mirga dhala namaa ilaalchisuun ka'u ajandaa idil-addunyaa ta'eera kan jedhan Ambaasaaddar Taayyeen, ''mootummaan Itoophiyaa, komishinii mirga namoomaa biyyattii waliin ta'uun qorannoo walabaa sirriitti gaggeessee bu'aasaa ni ibsa" jedhan.
"Qaamolee nu deggeranii qorannoo gaggeessan simachuufis qophiidha. Mirgi dhala namaa akka kabajamuu fi kanneen dhiittaa mirga namaa raawwatan akka seeratti dhiyaatan kutannoon hojjenna,'' jedhan.
Mootummaan nageenyummaa fi dantaa lammiileesaa mirkaneessuuf kutannoo qabaachuu kan ibsan qondaalli kun, ''gama kanaan hawaasa idil-addunyaa waliin qindoominaan hojjechuu feena" jedhu.
"Gama nageenya bu'uuressuuf naannocha deebisanii ijaaruutiin addunyaan akka nu cinaa dhaabbattus ni feena,'' jedhan.
Lolli Tigraay keessatti kan eegale Sadaasa darbe gara jalqabaa haleellaa loltoonni TPLF raayyaa ittisa biyyaa Tigraay buufate irratti fudhatan hordofee wayita MM Abiy Ahmad loltoonni federaalaa hidhattoota TPLF akka haleelan ajajan ture.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad lolli sun tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuti jedhu.
Lolli kan labsames erga hidhattoonni TPLF'f amanamoo ta'an buufata waraanaa kaaba biyyattii jiru haleelaniiti jedhan.
MM Abiy oppireeshiniin waranaa Tigraay injifannoon irra aanuu erga labsanii baatilee muraasa booda torbee kana duulli qindaa'aan sadarkaa idil-addunyaatti nurratti banameera jechuun biyyoonni Afriikaa akka isaan cina dhaabbatan gaafataniiru.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii(UN) dabalatee jaarmiyaaleen idil-addunyaa kanneen akka Hiyuuman Raayitis Waach, Amnastii Intarnaashinaal, jaarmiyaan mirga namoomaa fi kaan waa'een ajjeechaa naannoo Tigraay akka gadi fageenyaan qoratamuu fi lammiileen gufuu tokko malee deeggarsa akka argatan gaafataa turan.
TPLF tarkaanfii sana kan fudhateef weeraraa fi haleellaa naannoo Tigraay irratti raawwachuuf ture dursee qolachuuf akka ta'e ibsa.















