Lola Tigiraay: 'TPLF akka lola jalqabu beeknee qophaa'aa turre'- Obbo Aganyehu Teshaagar

Obbo Aganyehu Teshaagar

Pireezidaantiin naannoo Amhaaraa Obbo Aganyehu Teshaagar gama Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) irraa haleellaan nutti aggaamamu jiraachuu akka danda'u yaaduun naannichi qophii barbaachisu taasisaa turuu dubbatan.

Pireezidantichi kana kan dubbatan gabaasa raawwii hojii ji'a ja'aa bulchiinsa isaanii mana maree naannoo Amhaaraatiif yeroo dhiyeessanittidha.

"Waraana kana TPLF yoom akka jalqabu beekuu baannullee gara lola hin barbaadneetti nu galchuu akka danda'u hubannee qophaa'aa tureerra," jedhan Obbo Aganyehu.

Kana ka'umsa godhachuudhaan, "Mootummaan naannichaa karoora kun ta'uu mala jedhu qopheeffachuun ofirraa ittisuudhaaf qophaa'aa waan turreef yeroo lolichi jalqabametti ofirraa ittisuu dandeenyeerra," jechuun mana maree hubachiisaniiru.

Haleellaan raawwatamuu danda'a jedhanii qophaa'aa akka turan kan dubbatan pireezidantichi, waraanni kun Sadaasa jalqaba ta'a jedhanii garuu akka hin eegne dubbatan.

Sadaasa 4, 2020 humnoonni TPLF humna raayyaa ittisa biyyaa Iizii Kaabaa irratti haleellaa qaqqabsiisuu isaanii hordofee naannoo Amhaaraa Gondara jiddu-galessaarraan weerara banuu Obbo Agenyehu miseensota mana maree naannichaaf ibsaniiru.

Keessumaa godina Gondar Giddu-galeessaa karaa Qiraaqiriifi Soroqaatiin dhiyeessaa humna raayyaa ittisaa biyaatiif barbaachisu hanga qaqqabsiisuutti humni addaa naannichaa haleellaa ture sana qolachuu danda'era jedhan.

Obbo Aganyehu dhimmoota xiyyeeffannoo itti kennuun dubbatan keessaa waa'een nageenya saba Amhaaraa naannichaan ala jiranii isa tokkodha.

Keessattuu jedhan Pireezidaantichi, naannoleen Oromiyaa, Beenishaangul Gumuzii fi Kibba keessatti, "dhalattoonni Amhaaraa haleellaan kan irra gahu shira yeroo dheeraaf TPLF hojjeteenidha" jedhan.

"Kun ammoo haala jiru qorannoo kan hin barbaachifnedha," jechuun buqqa'uu fi ajjeechaa sababa eenyummaatiin biyyattii bakka gara garaatti Amhaaraarra gaha jedhaniif TPLFn itti gaafatamaa taasisaniiru.

Kana malees, walitti bu'insa naannolee naannoo Amaaraan wal daangessan gidduutti uumaman dhaabsisuudhaaf bulchiinsichi hojjecha akka jiru himan.

Keessumaa ammoo naannoo Beenishaangul Gumuz waliin wal qabatee haleellaa dhalattoota naannichaarra ga'u ittisuudhaaf naannoleen lamaan chaartarii irratti hojjetan qophaa'ee hojiitti galuudhaaf qophiirra jiraachuu dubbataniiru.

Gama naannoo Amhaaraa Itoophiyaa fi Sudaan wal daangessaniin walqabatee Pireezidaantichi ibsa kennaniin, rakkoo naannoo Tigiraay keessatti uumame akka carraa gaariitti faydamuudhaan naannoo Lixa Gondaritti mootummaan Sudaan weerara gaggeessuu himan.

Lafti humna Sudaaniin weerarame ammallee to'annoo Sudaan jala akka jiru kan himan Obbo Aganyehu, sababa kanaanis lafti qonnaa bal'aa fudhatamuu fi kaampiiwwan fudhatamuu isaanii dubbataniiru.

"Yeroo kun ta'utti mancaatiin hedduun qaqqabeera," jedhan.

"Yeroo itti aanu keessas mancaatiin hedduun akka qaqqabuu danda'u wantonni agarsisan waan jiraniif mootummaan Federaalaa tarkaanfii akka fudhatu gaafanneerra," jedhan.

Gabaasa raawwii hiraa waggaa naannichaa dhiyeessan kana keessatti Pireezidaantichi, hojiiwwan carraa hojii uumuu, interpiraayizoota guddisuu, misooma jallisii baballisuun dinagdee naannichaa guddisuuf itti jiramu irratti ibsa kennaniiru.