Lola Tigraay, Itoophiyaa: Biyyoonni Afrikaa Itoophiyaa cinaa akka dhaabbatan MM Abiy waamicha dhiheessan

MM Abiy waajjira isaanitti

Madda suuraa, PMO

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad biyyattiin daangaa ishee keessa tarkaanfii fudhattuurratti biyyoonni Afrikaa bira akka dhaabbatan waamicha dhiheessan.

MM Abiy waamicha kana kan dhiheessan opireeshinii waraanaa Kaaba biyyattiitti gaggeessaniin duulli idil - addunyaa qindaa'aa ta'e akka isaan qunname ibsuuni.

Bulchaan Itoophiyaa kan kana jedhan haala Naannoo Tigraay keessa jiru ilaalchuun Mana Maree Nagaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaaf xalayaaf dubbii taasisaniini.

''Itoophiyaan daangaa ishee keessa seera kabachiisuuf yeroo sochootuufi yeroo ammaa qeeqa idil -addunyaa qindaa'aa ta'e keessa osoo darbaa jirtu lammiileen Afrikaa rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaarraa madde deeggaranii Itoophiyaa bira akka dhaabatan waamicha nan dhiheessa,'' jedhan.

Dabalanis, yeroo rakkisaa kanatti deeggarsa taasisaniiru kan jedhaniin Gamtaa Afrikaafi miseensota isaaf galata dhiheessaniiru.

A.L.I Onkoleessa 24, bara 2013 ture humnoonni TPLF buufata waraanaa federaalaa Naannoo Tigraay jirurra haleellaa raawwachuu isaani hordofee MM Abiy TPLF irratti duulli waraanaa akka taasifamu kan ajajan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Maqalee to'achuu isaa ibsuu hordofee hoggantootaafi miseensota TPLF harka hin kenninu jedhan irratti duulli banameera,

Yeroo kanatti ture jiraattota naannichaa irratti sarbaminsi mirga namoomaa olaanaa ta'e raawwachuu kan dhagahamaa ture. Mootummaan garuu himannaa kanneen hin fudhatu.

Dubbii MM Abiy Mana Maree Nagaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaaf taasisaniin waan Naannoo Tigraayitti raawwate bal'inaan kan ibsan yoo ta'u deeggarsa namoomaa gama mootummaan taasifamaa jiruufi kaanis ibsaniiru.

Ta'us, naannichatti lammiileen beekaa haala hin taanen qabamaniiru himannaan jedhu bu'uura hin kan hin qabneefi waldhibdee babal'isuuf kan yaadamedha jedhan.

Lola Naannoo Tigraayitti mudate walqabatee dhaabbileen deeggarsa namoomaa kennan, dhaabbileen idil -addunyaa waa'ee sarbama mirgaa qorataniifi biyyoonni gabaasawwan sarbamiinsi mirga namoomaa raawwachuu agarsiisan baasaa turani.

MM Abiy ibsa kaleessaan Komishiniin Mirga namoomaafi Ummataa Afrikaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin qorannoo akka taasifamu gargaaruf mootummaan isaanii eeyyamamaa ta'u ibsan.

Kanaan alas komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa Aksuum dabalatee sarbamiinsa mirga namoomaa naannoo Tigraayitit gabaafamu irratti qorannoo walabaa akka gochaa jiru ibseera.

Manni maree nagaafi Tasgabbii miseensota 15 kan qabu yoo ta'u Ardii Afrikaa keessa waldhibdee hambisuufi furmaata itti tolchuuf akkasumas waldhibdee dura hambisuufi deebii gahaa kennuuf kan hundaa'edha.

Ji'a afur dura lola Tigraayitti eegaleen lakkoofsi namoota du'ani hanga yoonaa ifatti hin beekamu.

Yeroo ammaa lolicha baqachuun lammiileen kuma 60 ol ta'an gara Sudaan kan baqatan yoo ta'u naannoo Amaaraafi Affaar dabalatemmoo namoonni 130,000 ol buqqa'u dhaabbati UN, IOM ibseera.

Torban darbe qaamoleen naannoo Tigraayitti wal waraanan sarbama mirgoota namoomaa gurguddoo akka ''yakka waraanaafi yakka dhala namaarratti raawwatamanitti'' lakkaa'amuu malan raawwataniiru jedhee ture komishiniin mirgoota namoomaa UN.

Kanaanis, seenee qorachuuf akka eeyyamamuf gaafate.

Mootummaan Itoophiyaas gabaasawwan ajjeechaafi sarbaminsa mirga namoomaa Lola Tigraayin walqabate dhihaataa jiran qorataa akka jiru ibse.

Poolisii federaalaa, Abbaa Alangee Federaalaa, komishinii mirga namoomaafi bulchiinsa yeroo naannichaa waliin ta'un qorannaa akka taasisaa jiru hime.

Dabalataan, qorannoo taasifamu jedhameerratti qaamni alaa yoo barbaachise mootummaan akka waamicha taasisu ibsee ture.