Lola Tigraay: Tigiraayiifi naannoowwan ollaatii namootni 131,000 qe’ee isaanii irraa buqqa’u IOM hime

Akka qorannoo kanaatti lolli Naannoo Tifraayiiti namoota hedduu qe'eerraa buqqise

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Akka qorannoo kanaatti lolli Naannoo Tifraayiiti namoota hedduu qe'eerraa buqqise

Dhabbati Godaansaa Idil-addunyaa (IOM), namootni 131,000 ol ta’an bakkeewwan 39 Naannoo Tigraay, akkasumas Naannoo Amaaraafi Affaariiti qe’ee isaanirraa buqqa'uu hime.

Odeeffannoon kun kan funaaname gama mala Displacement Tracking Matrix jedhamuuni.

IOM abbootii warraa 30,383 qe’ee isaanii irraa buqqa’an adda baasuu hima.

Dubartootaa fi daa’imman dabalatee namootni qe’ee isaanii irraa buqqa’aan hedduun isaanii gargaarsa hatattamaa bakka ciisichaa, nyaataa fi bishaan qulqulluu akka barbaadan IOM ibseera.

Akka IOM jedhutti “odeeffannoon kun sababa rakkoo kanaan lakkoofsa namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’anii hin ibsu, kun lakkoofsa namoota biyyuma keessa bakka qondaaltonni DTM deemu danda’anitti kan goodanaan ibsa.”

Naannoon Tigiraay waldhabdee mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti uumameef wiirtuu taatee turteetti. Lolichi humnoonni TPLF buufata waraanaa federaalaa irratti haleellaa erga bananii booda eegale.

Lolichaan walqabatee bakkeewwan kana dura naannoo Tigraay jala turan humnoota naannoo Amaaraan to'atamaniiru jechuun namoonni buqqa'u bulchiinsi Naannoo Tigraay hima.

Naannoon Amaaraa garuu himannaa kana hin fudhatu. Lafichi durumaa kan Amaaraa jechuun ummanni deebifachuu hima.

Lola Naannoo Tigraayin lammiileen kuma 50 ol ta'an gara biyya ollaa Itoophiyaa Sudaanitti baqataniiru.

Torban darbe qaamoleen naannoo Tigraayitti wal waraanan sarbama mirgoota namoomaa gurguddoo akka ''yakka waraanaafi yakka dhala namaarratti raawwatamanitti'' lakkaa'amuu malan raawwataniiru jedhe komishiniin mirgoota namoomaa UN.

UN'tti Komishinarri Olaanaa Mirgoota Namoomaa (OHCHR) Misheel Baachelet waan jedhan, gabaasaaleen ciccimoofi amanamoo tahan sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaa, Tigraayitti raawwatamuu naannicha keessaa bahaa jiru jedhan.

Kanaafis qorannoo mirgoota namoomaaf atattamaan ulaan banamuu qaba jedhan qondaalli kun.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kora Kamisa Bitootessa 04 taa'een waa'ee Itoophiyaa mari'atee waliigalteerra osoo hin gahiin hafuun ni yaadatama.