Lola Tigraay: 'Walqaayitiifi Raayyaa humnaan nurraa fudhatamee ture humnaan deebifanne' -Naannoon Amhaaraa

Itti-gaafatamaan Dhimmoota Komunukeeshinii Mootummaa naannoo Amhaaraa Obbo Gizaachoo Muluneeh, lafti akka Walqaayitiifi Raayyaa duraan naannoo Tigiraayiin dura humnaan nurraa fudhataman humnaan deebifanneerra jedhan.
Aanga'aan kun bakkeewwan eeraman kanneen naannoo Amhaaraati malee kan Tigiraay miti jechuun dhimma kanarratti humni alaas ta'e bulchiinsi yeroo Tigiraay gidduu seenuu hin qabu, jedhaniiru.
Bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraay lafa Walqaayitiifi Raayyaa ilaalchisuun gaaffii ka'an qabaannaan karaa seeraan dhiyeessuu danda'as jedhan Obbo Gizaachoon.
Itti-gaafatamaan Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa naannoo Amhaaraa kun BBCtti akka dubbatanitti, "Gaaffii bulchiisni yeroo naannoo Tigiraay kaasaa jiru himannaa sirrii hin taaneefi [kan bu'uura hin qabnedha]," jedhan.
Itti-gaafatamaan waajira bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay Obbo Gabremasqal Kaasaa humnoota naannoo Amhaaraatiin lafti bulchiinsa naannichaa jala jiran akka qabaman ibsuun, akka gadhiisanii bahaniif irra deddeebiin gaafachuusaanii BBCtti himanii ture.
Aanga'aan naannoo Amhaaraa gama isaaniitiin bakkawwan akka Walqaayitiifi Raayyaa duraanuu gaaffiin daangaa kan irratti ka'aa turan ta'uu yaadachuun, gaaffii kan ummataati jedhan kana ilaalchisee, "akkaataa Heera mootummaatiin deebiin osoo hin kennamiiniif turan," jedhu.
Lola Sadaasa darbe naannoo Tigiraay keessatti dhalate hordofee raayyaa mootummaa Federaalaa waliin ta'uudhaan humni addaa naannoo Amhaaraa bobba'ee akka ture ni yaadatama.
A L I Onkoloolessa 24, 2013 haleellaa humnoonni TPLF gama Qiraaqiriifi Soroqaatiin bananii ture raayyaa ittisaa waliin ta'uudhaan humnni addaafi Milishaa Amhaaraa, "bifa gurmaa'en" qolachuu danda'uu isaa Obbo Gizaachoo Muluneeh ibsaniiru.
Kana waliin walqabatee, ministeerri dhimma alaa Ameerikaa loltoonni Ertiraafi humni naannoo Amhaaraa naannoo Tigiraay keessaa akka bahaniif ibsa dhiyeenya kana baaseen gaafateera.
Mootummaan naannichaa naannawa gaaffiin irratti ka'an Raayyaafi Walqaayit yeroodhaaf bulchaa akka jiru ibsuun, hojiin seera kabachiisuu itti fufuufi gargaarsa guyyaa guyyaa dhiyeessuu akkasumas dhaabbileen mootummaa deebisanii gurmeessuun akka jalqaban taasifamaa jiraachuu dubbatu.
Akka Obbo Gizaachoo Muluneeh ibsanitti taanaan, naannichatti ammallee hojiin seera kabachiisuu itti fufuun dhaabbileen mootummaa akka gara hojiitti galaniif taasifamaa jira.
Naannawaa jedhaman kana humnaan qabachuun Heera mootummaa hin faallessuu gaaffii jedhuuf aanga'aan kun, seera idil-addunyaa kamiiniyyu yoo ilaalamu gocha Heera mootummaa faallessu miti jechuun ibsan.
"Duraanuu lafa Heera mootummaa ykn labsiidhaan fudhataman miti," jechuun amma naannoon Tigiraay "gaaffii qabaannaan karaa seera qabeessa ta'een dhiyeessuu danda'a," jedhaniiru.
Naannoon Amhaaraa bakkawwan kanneen yeroodhaaf bulchaa jiraachuu ibsuun, mootummaan Federaalaa furmaata waara'aa akka kennuuf gaaffiin keenya jedhan.
'Humnaan fudhatame, humnaan deebi'eera'

Madda suuraa, Getty Images
Itti-gaafatamaan waajira bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay humnoota naannoo Amhaaraatiin lafti bulchiinsa isaanii ture qabamuu ibsuun, "bulchiinsichi lafa TPLF bulchaa ture irraa naannoo seentiimeetirri tokkollee hir'atte hin bulchinu," jedhan.
Obbo Gabremasqal bulchiinsi yeroo kun naannoo Tigiraay Heera mootummaarratti ibsame akka bulchan ibsuun, "bakkeewwan kunneen humnoonni seeraan alaa qabatan Heera mootummaa biyyattii faallessaa jiru," jedhaniiru.
Itti-gaafatamaan Dhimmoota Komunikeeshinii naannoo Amhaaraa garuu "adeemsa seera kabachiisuu" keessa gaaffilee eenyummaafi daangaaf "carraa kanaan deebii kenneera," jedhaniiru.
Waliigalli Tigiraay gama lixaa, akkasumas karaa gama Kibbaan ammoo Allaamaaxaa, Koramiifi bakkawwan baadiyyaa biroo yeroo ammaa kana naannoo Amhaaraa jalatti bulaa akka jiran kan himan Itti-gaafatamaan waajira bulchinsa yeroo Tigiraay, kun mootummaa Federaalaatti gabaafamee humnoonni akka naannawwan kanneen keessaa bahaniif irra deddeebiin gaafatamuu ibsaniiru.
''Dhiibbaa kan goonu humni bobba'e akka bahu qofa osoo hin taane, yakkawwan naannawaa kanneenitti raawwataman akka dhaabbataniifi qaamonni yakka raawwatan seeraan akka gaafatamanidha," jechuun dubbatu Obbo Gamremasqal.

Madda suuraa, Getty Images
"Naannoon Tigiraay bakkawwan kanneen kan kooti, anaaf mala kan jedhu yoo ta'e adeemsa jiru hodofuun karaa seeraa gaafachuu qaba," jechuun "adeemsa seera qabeessaan itti fufa," jedhu Obbo Gizaachoon ammoo.
Aanga'aan kun bakkawwan akka Walqaayiti, Xallamti, Satiit Humaraa, Raayyaa, Allaamaaxaa, Korem naannoo Amhaaraa jala ta'uu mirkaneessuun, "ummanni bakkawwan kanneen jiraatu humnaan bilisummaa isaa labsateera," jedhan.
A L I Onkoloolessa 24, 2013 humnoonni TPLF raayyaa ittisa biyyaa Kaaba jiru irratti tarkaanfi fudhachuu hordofee, MM Abiy tarkaanfiin akka fudhatamu ajajuun isaanii ni yaadatama.
Duula torban sadii tureen humni Federaalaa magaalaa guddoo naannichaa Maqalee yeroo to'atutti Ministirri Muummee "duulli seera kabachiisuu" xumuramuu labsanii ture.
Haata'u malee, isaan boodallee ji'oota darban keessa naannicha keessa bakkeewwan gara garaatti lolli gaggeeffamaa jiraachuu gabaasaaleen naannicha keessaa bahaniifi dhaabbileen idil-addunyaa ibsaniiru.
Lola kanaan namoota hangam akka du'an sirriitti beekamuu baatullee kumaatamatti kan lakkaa'aman ta'uu akka danda'u ni tilmaamama.
Kanaan alattis, lola kana baqachuudhaan, namoonni 60,000 ol ta'an gara Sudaanitti baqachuusaanii kan himame yommuu ta'u, kanneen miliyoonaan lakkaa'amaniif ammoo mootummaafi dhaabbileen gargaarsaa deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf yaalaa jiru.















