Gaazexeessaan BBC Maqaleetti hidhame Girmaay Gabruu himata malee gadhiifame

Gaazexeessaan BBC naannoo Tigraay keessaa gabaasu Girmaay Gabruu hidhaa guyyoota lamaa booda himata malee gadhiifame.
Rippoortara BBC Afaan Tigree kan ta'e Girmaay Gabruu Wiixata darbe ture loltoota mootummaan Maqaleetti kaaffee keessaa qabamee kan hidhame.
Isa dura hidhamanii kan turan gaazexeessitoonni haala mijeessuu fi afaan hiikuun AFP fi 'Financial Times' waliin hojjetaa turan Fitsuum Biraanee fi Aluulaa Akaaluus gadi dhiifamanii jiru.
Akkasumas gaazexeessaan miidiyaa biyya keessaaf hojjetu Taammiraat Yamaane gadhiifamuun mirkanaa'ee jira.
Hidhamuu gaazexeessitoota kanaatiin dhaabbileen mirga gaazexeessitootaaf falman akka CPJ yaaddoo qaban ibsanii akka gadi dhiifamanis gaafataa turan.
BBCn gaazexeessaa Girmaay Gabruu maaliif akka hidhame hin beeku.
Hidhamuu isaa ilaalchisee aanga'oota mootummaa Itoophiyaaf yaaddoo qabu ibsuun, akka gadi dhiifamus gaafatee ture.
Naannoon Tigraay erga Sadaasa darbe gara dhumaatti MM Itoophiyaa Abiy Ahimad humni waraanaa federaalaa Tigraay to'achuu labsanii as ajaja humna waraanaa jala jirti.
Lolli naannoo Tigraay kun erga humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa kaaba jiru to'atee booda eegale.
Waraana kanaan namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru, kumaatamaan kan lakkaa'aman ammoo baqaaf saaxilaman.
Balaa waraanaa kanaan gochoonni suukanneessaan raawwachuu akka hin hafnee gabaasaalee bahaa jiran hordofee yaaddoon dabalaa jira. Rakkoon namoomaas hammaachaa jira sodaan jedhu jira.
Mootummaan Itoophiyaa ji'oota hedduuf Naannoo Tigraay irraa miidiyaa idil-addunyaa erga kutee booda, torbee darbe eeyyameera.
Hidhaan gaazexeessitootaa fi hojjettoota miidiyaa gaazexeessitootaaf haala mijeessanii kun hayyama torbee darbee booda dhagaahame.
Qondaalli paartii biyya bulchaa jiruu tokko torbee darbe mootummaan "kanneen miidiyaa idil-addunyaa odeeffannoon sirrii hin taane kennuun dogoggorsan irratti tarkaanfii akka fudhatu" akeekkachiisanii turan.















