Lola Tigiraay: Bilinken Itoophiyaan humnoota alaa Tigiraay keessaa atattamaan akka baaftu gaafatan

MM Abiy Ahmad fi Antoonii Biliinken

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii J Biliinken mootummaan Itoophiyaa lola dhaabuun namoota nagaaf eegumsa taasisuu, akkasumas humnoota nageenyaa naannoo Amhaaraa fi loltoota Ertiraa Tigiraay keessaa baasuurratti tarkaanfii qabatamaafi atattamaa akka fudhatuuf irra deebiin cimsee gaafateera.

Antoonii Biliinken har'a Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) waliin akka haasaa taasisan ministeera dhimma alaa US'tu beeksise.

Akka dubbi himaan ministeerichaa Need Piraayis jedhanitti, Antoonii Biliinken MM Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin yaaddoo gargaarsa namoomaafi mirgoota namoomaa naannoo Tigiraay ilaalchisee Yunaayitid Isteet qabdurratti xiyyeefannaan dubbataniiru.

Antoonii Biliinken sarbama mirgoota namoomaafi miidhaawwan qaqaban ilaalchisuun qorannoon walaba, qaama idil-addunyaarraafi amanamaa ta'een gaggeeffamee warra yakka hojjetan itti gaafatamtoota taasisuuf haala mijeessuu keessatti Itoophiyaan hawaasa addunyaa waliin akka hojjettuuf gaafataniiru, jedhan dubbi himaan ministeera dhimma alaa US kun.

Gargaarsi namoomaa guutuu dhorkaa tokko malee akka gara Tigiraay seenu Itoophiyaan dhiyeenya beeksiste waan gaariidha jechuun, ammas taanaan mootummaan Itoophiyaa waadaa gale kabajuu akka qabu BIlinken gaafataniiru jedhan Need Piraayis.

Ministeerri Dhimma Alaa US ibsa kaleessa baaseen naannoo Tigiraayitti ajjeechaan raawwatameera, waliigalatti haalli naannicha keessaa yaadessaa ta'eera jedhee ture.

Loltoonni Eertiraafi humnoonni naannoo Amaaraa naannichaa bahuun tarkaanfii murteessaa jalqabaati kan jedhe ibsi ministera dhimma alaa Ameerikaa Dilbata bahe, humnoonni lolicha keessatti hirmaatan tarkaanfii humnaa fudhachuu irraa of qusachuun naannichatti deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu hayyamamuu qabu jechuun gaafateera.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ammoo gamsaatiin, Ameerikaan dhimma koo keessootti gidduu galuu hinqabdu jechuun deebii kennee ture.

Ministeerichi ibsa baaseen ''Ameerikaan dhimma keessoo Itoophiyaarratti ibsa baasuunshee, keessattuu bobba'insi humnoota naannoo Amaaraa ka'uun isaa wanta gaddisisaadha,'' jedhe.