Lola Tigiraay: Ameerikaaan loltoonni Eertiraafi humni naannoo Amaaraa Tigiraay keessaa bahuu qabu jette

Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken

Ameerikaan naannoo Tigiraay keessa jiru kan jedhaman loltoonni Eertiraafi humni naannoo Amaaraa naannicha keessaa bahuu qabu jette.

Ameerikaan kana kan jette naannoo Tigiraayitti ajjeechaan raawwatameera kan jedhuufi waliigalatti haalli naannicha keessaa yaadessaa tahuu ibsa eeru yeroo baastettidha.

Loltoonni Eertiraafi humnoonni naannoo Amaaraa naannichaa bahuun tarkaanfii murteessaa jalqabaati kan jedhe ibsi ministera dhimma alaa Ameerikaa kun, humnoonni lolicha keessatti hirmaatan tarkaanfii humnaa fudhachuu irraa of qusachuun naannichatti deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu eeyyamuu qabu jechuun gaafata.

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa fi Eertiraan loltoonni Eertiraa naannicha keessa hin jiran haa jedhaniyyuu male wajjirri dhimma alaa Ameerikaa garuu loltoonni Eertiraa naannicha keessa jiran gadhiisanii akka bahan gaafachuunsaa ni yaadatama.

''Ajjeechaan qaama garaagaraan raawwatamu, humnaan buqqaasuu, haleellaa saalaafi gochoota mirga namoomaa sarban biroo cimsinee balaaleffanna'' jedhe ibsa kaleessa baaseen.

Ibsi Antoonii Biilinkin kan bahe dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Aminestii Internaashinaal magaalaa Aksumitti loltootni Eertiraa namoota nagaa 200 ajjeesaniiru gabaasa jedhu baasuu hordofeeti.

Aminestii Internaashinaal gabaasa Jimaata baaseen ajjeechaan loltootni Eertiraa magaalaa Aksumitti raawwatan yakka namoomaa irratti raawwate tahuu danda'a jedhe.Miniseerri Dhimma Alaa agamasaatiin gabaasni Amnistiin baase kun, "odeeffannoo guutuu hin taaneefi mrutaa'aa ta'e qofaratti hundaa'uun qophaa'ee kan dhiyatedha," jechuun qeeqeera.

Ministeerichi gabaasichaaf odeeffannoon akka galteetti fayyadame baqattoota Baha Sudaan jiraniifi namoota magaalaa Aksum keessa jiraatan muraasarraa bilbilaan sassabame waan ta'eef guutuu miti jechuun, baqattoota odeeffannoo kennan kana keessa loltoota TPLF duraaniis keessatti argamu jedheera.

Haaluma walfakkaatuun Ertiraanis gabaasa Aministii kana hin fudhadhu jettee jirti. Ministirri Beeksisaa Ertiraa Obbo Yamaanee Gabramasqal fuula tiwiitara isaaniirratti akka barreessanitti, gabaasichi namoota buufata baqattootaa Sudaan keessa jirutti argaman 31 irratti kan hundaa'edha jedhan.

"Namoonni kaampii baqattootaa sana keessa jiran garri caalan milishoota TPLF ajjeechaa namoota nagaa Maayikaadiraa irratti hirmaatan ta'uunsaanii beekamaadha," jechuun fuula tiwiitara isaaniirratti baasaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken ibsa kaleessa kennaniin rakkoo naannoo Tigiraayitti uumame dhaabuun barbaachisaa akka ta'e, gargaarsa namoomaa dhiyaachuu akka qabuu, akkasumas miidhaawwaniifi yakkawwan sarbama mirgoota namoomaa raawwataman jedhaman kan qoratu gareen idil-addunyaa walaba ta'e akka seenu hayyamuu ilaalchisuun mootummaa Itoophiyaa waliin irra deddeebiin dubbachuu isaanii ibsaniiru.

Naannoo Tigiraay bulchaa kan ture TPLF, raayyaa ittisaa mootummaa giddu-galeessaa irratti haleellaa raawwachuu isaa hordofee lola dhalateen walqabatee sarbamiinsi mirgoota namoomaa gara garaa raawwatamuu gabaasaaleen agarsiisan ba'aa jiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaas ibsa baaseen naannoo Tigiraayitti mirgoota namoomaa raawwatamaniiru jedhaman, "qorannoon walabaafi idil-addunyaa akka gaggeeffamuufi warren yakka raawwatanis itti gaafatamoo ta'uu qabu," jedheera.

Ibsi Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa kun, waadaa Waajirri Ministeera Muummeefi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Jimaata darbe miidhaawwan qaqqaban jedhman qaama walabaan akka qoratamuu tumsuufi gargaarsa namoomaa dhorkaa tookko malee akka qaqqabu mijeessuu, akkasumas itti gaafatamummaan akka jiraatu mirkaneessuudhaaf galan akka waan gaariitti akka fudhatu eereera.

Ameerikaan galma kana milkeessuuf dhaabbileen idil-addunyaa waliin hojechuuf qophii ta'uushee ibseera. Kanaaf ammoo jaarmiyaan gargaarsaa Ameerikaa, USAID, garee tokko gara Itoophiyaatti erguudhaan akka hojii lubbuu baraaruu hojjetan bobbaasu ibsameera.

Ibsichi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dabalatee hawaasni addunyaa, keessattuu Gamtaan Afrikaafi michuuwwan qaxanaa sana keessa jiran rakkoo jiru furuudhaaf Ameerikaa waliin akka hojjetaniif waamicha dhiyeesseera.

Dhuma irrattis Antoonii Biliinken ummata Itoophiyaa waliin hariiroo itti fufiinsa qabaatu ijaaruudhaaf ammallee fedhii qabaachuu ibsaniiru.