Mootummaan Itoophiyaa gabaasa Aminastii Intarnaashinaal irratti deebii kenne

Madda suuraa, Getty Images
Mootumman Itoophiyaa gabaasni Aminastii Intarnaashinaal ajjeechaa jumlaa Aksumitti raawwate jedhee baase odeeffannoo guutuu maleefi mala qorannoo murtaa'aa ta'een kan qophaa'efi 'mudaa kan qabu' jechuun qeeqe.
Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa gabaasa Aminastii Intarnaashinaal baase hordofuun deebii Jimaata kenneen, odeeffannoon akka galtee qorannoosaatti dhaabbatichi fayyadame baqattoota Sudaan Bahaa jiraniifi namoota Aksum jiraatan muraasarraa bilbilaan fudhate waan ta'eef hanqina qaba jedheera.
"Mootummaan yeroo garagaraatti ifa godhuuf akka yaaletti, kanneen daangaa cehuun Sudaan galan keessaa gariin loltoota TPLFdha.''
Dabalataanis, namoota gabaasichi akka madda odeeffannootti gargaarame keessaa tokko 'ani luba' jedhee kan dhiyaate jiraataa Boostan Ameerikaa ta'edha jedheera ibsi Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa.
Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti loltoonni Ertiraa baatii Sadaasaa keessa guyyoota lama keessatti namoota dhibbootaan lakkaa'aman ajjeesuusaanii gabaasni Aminastii guyyaa Jimaataa bahe ni mul'isa.
Ajjeechaan jumlaa ALA Sadaasa 28 fi 29, 2020 raawwatame kun yakka namoomarratti raawwatame ta'uu akka danda'u gabaasichi ibseera.
Ministeerichi gabaasni Aministiin kun dhimmoota sarbama mirgoota namoomaarratti wantota yaaddessoofi jajjaba ta'an kaasuus, ''malli qorannoo itti fayyadame hanqina qaba,'' jedhe.
Yakka miidhaa saalarratti hundaa'e dabalatee sarbamni mirgoota namoomaa jiru jedhaman kan Aksumittis ta'e bakkeewwan gara garaa naannicha keessas dhimma jabduu godhatee mootummaan hordofaa jiraachuu kaasuun, qorannoo barbaachisu taasisuun itti-gaafatamummaan akka jiraatuuf hojjetamaa jira jedheera ibsi ministeerichaa.
Dhaabbileen biyya keessaa mirgoota namoomaaarratti hojjetaniif dursa kennuun, ogeessota dhaabbilee idil-addunyaa mirgoota namoomaaf falman waliinis waliigalee seera-qabeessa ta'een waltumsaa hojjechuudhaafis qophiidha jedheera.
Yeroo ammaa haalli nageenyaa Tigiraay keessa jiru saffisaan foyyaa'aa kan jiru yoo ta'u, dhaabbileen gargaarsaafi miidiyaaleen dhorkaa tokko malee akka galan hayyamamuufillee eereera ibsi Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa kun.
Gama kaaniin loltoonni isaa ajjeechaa kanaaf itti gaafatamummaa qabu kan jedhame mootummaa Ertiraas gabaasa kana kuffiseera.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yemaanee G/Masqal fuula Twitter isaanii gubbaa akkas jedhanii kataban: ''Ertiraan gabaasa dharaa Aminastiin irratti baase kanaan guddoo aarteetti. Gabaasichas guutummaan guututti hin fudhattu,'' jedhan.
Dabaluunis ''Gabaasichis kan irratti hundaa'e namoota 31 kaampii baqattootaa Hamdaayet Sudaan keessa jiranirratti,'' jechuun namoonni kunis ''milishoota TPLF ajjeechaa Maayikaadiraatti mudate keessaa kanneen harka qabanidha,'' jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa baase kanarratti Aminastiin bakkicha deemuuniifi kanneen dhimmichi ilaallatu otoo haasofsiiseera tahe dassa ture jedha.
Haatahu malee, dhaabni kun bu'aa qorannoo kanaa De'eetaa Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaafi Dubbi Himaa Garee Labsii Yeroo Muddamaa dhimmi kana hordofuu kan ta'an Ambaasaaddar Rediwaan Huseeniif akka dhiyeesseefi dhimmicharratti deebii akka hin argatiin gabaasicharratti eeree ture.
Gamtaan Awurooppaa gabaasicharratti maal jedhe?
Gamtaan Awurooppaa yakka namoota nagaa Aksum, Tigiraayirratti raawwatame balaaleffachuun gocha kana warri raawwatan atattamaan murtiitti akka dhiyaataniif gaafateera.
Gabaasa Aminastiin baase hordofee ibsa kan baase Gamtichi, rakkoon hamaa daa'imman dabalatee namoonni nagaa keessa jiran atattamaan fala argachuu qaba jedheera.
Sababa lola guyyoota 100 dura jalqabe kanaan namoonni kumaan lakkaa'aman lubbuu dhabanii, ummanni naannichaa %80 ta'u ammoo gargaarsa dhabuun rakkoo beelaafi hir'ina nyaataaf saaxilameera jedheera Gamtaan Awurooppaa ibsa isaa kanaan.
Gabaasni Aminastii Internaashinaal kun ummanni Tigiraay hameenya guddaa keessa akka jiran yaadachiiftuu biraadha kan jedhu Gamtichi, lolli atattamaan dhaabbatee qaamoleen gargaarsa namoomaarra hojjetaniifi miidiyaaleen dhorkaa tokko malee guutummaa Tigiraay akka qaqqaban taasisuu barbaachisaa ta'uu ibseera.

Madda suuraa, Getty Images
Sababni ajjeechaa kanaa maali?
Namootni ijaan argan baay'een akka jedhanitti loltootni baay'een Itoophiyaa Aksum keessa turan. Loltootni Eertiraa ammoo gara magaalaa Aduwaa deemanii ture.
Namni ijaan arge tokko BBCtti akka himetti, loltootni Itoophiyaa baankii yeroo saaman argeera.
Aminestii Internaashinaal akka jedhetti loltootni Eertiraa torban booda deebi'anii yeroo dhufan hidhannoo guutuu kan hin qabne loltootni TPLF haleellaa raawwataniin lolli jalqabeera.
Hidhattoonni TPLF 50-80 tahan Aksum keessa turan, loltoota Eertiraa gaara naannoo magaalichaatti dhiyoo jiru irra qubatan irratti haleella banan.
Haleellicha irratti kan hirmaate dargaggoon ganna 26 Aminestii Internaashinaalitti akka himetti, "magaala keenya keesumaa loltoota Eertiraa irraa ittisuu barbaannee ture. Isaan akkamitti akka dhukaafamu beeku. Raadiyoo wal qunnamtiis qabu. Ani meeshaa waraanaa hin qabu. Ulee qofan qabadhee ture,'' jedhe.
Lolichi sa'a meeqaaf akka ture addatti beekamuu baatus guyyaa sana waaree booda konkolaattonni fe'umsaa Eertiraafi taankiiwwan gara magaalaa Aksum galuu isaanii Aminestiin himeera.
Namoonni ijaan argan akka jedhanitti loltoonni Eertiraa namuma argatan haleeluu jalqaban; namoota nagaa hin hidhanneefi dhiira karaa irra deemu argannaan hanga halkaniitti rasaasaan haleelaa turan.
Dargaggoon umuriin isaa wagga 20 keessa jiru tokko ajjeechaa daandii magaalittii irratti raawwate Aminestii Internaashinaalitti yoo himu, '' Gamoo tokko irra darbii lammaffaa irra taa'een karaa foddaa yeroo loltooni Eertiraa dargaggoota ajjeessan argeera,'' jedhe.
Loltootni sun kan Eertiraa ta'uun isaanii kan adda bahe uffata uffataniin yookaan lakkoofsa gabatee konkolaataa isaaniin qofa miti. Yeroo manaa manarra deeman afaan Arabiffaa fi loqoda Tigiriffaa dubbatan dabalateeti.
''Ajjechichi tarkaanfii ijaa bauudha'' jechun dargaggoon tokko BBCtti himeera.
''Nama argatan hundaa ajjeesaniiru. Manni banamee dhiira yoo argatan ni ajjeesu. Balballi yoo hin banamneef ammoo balbala irra dhaabbatanii dhukaasu.''
Mana shuubisaa halkanii tokko keessa dhokatanii yeroo turan loltoonni Ertiraa nama tokko ajjeesuu isanii akka arge kan dubbatu namni kun, "nama nagaadha, hojjetaa baankiiti jedhee isaan kadhataa ture," jedhe.
Namni biraan ammoo Sadaasa 20 naannoo hoteela Abinnetitti namoonni jaha bakka tokkotti yeroo ajjeefaman arguu isaa Aminestii Internaashinaalitti hime.
''Sarara tokkoon akka dhaabbatan gochuun karaa duuba isaanii ture kan itti dhukaasan. Namoota lama beeka. Namoota naannoo keenya jiraataa turanidha. Meeshaan keessan eessa jira yeroo jedhaniin 'nuyi namoota nagaadha meeshaa hin qabnu' jechuun deebisaafii turan jedhe.''













