Girmaay Gabruu: BBCn hidhamuu gaazexeessaa isaatiin yaadda'uu hime

Gaazexeessaa BBC Girmaay Gabruu

BBC'n hidhamuun gaazexeessaa isaa kan Tigraay keessaa gabaasaa tureen wal qabatee yaaddoo qabu mootummaa Itoophiyaaf ibse.

Rippoortara BBC Afaan Tigree kan ta'e Girmaay Gabruu, magaalaa Maqaleetti namoota biroo afur waliin kaaffee keessatti Wiixata loltoota Itoophiyaan qabame.

Namoonni ijaan argan akka himanitti namoonni shanan kunneen hidhattoota uffata danbii humna waraanaa uffataniini kan qabaman.

Konkolaataa loltootaa lamaan akka fudhatamanii deeman dubbatu namoonni ijaan argan. Namoonni shanan kunneen maaliif akka hidhaman ammaaf hin beekamne.

Dubbi himaan BBC akki jedhan, "yaaddoo qabnu aanga'oota Itoophiyaaf ibsineerra, deebii isaanii eegaa jirra."

Gaazexeessaan BBC kun, gaazexeessitoonni biyya keessaa biroon lama kan AFP fi Faayinaanshaal Taayims waliin hojjetan hidhamanii guyyaa lama booda hidhame.

Gaazexeessaan biyya keessaa biroo Tammiraat Yemaane jedhamus sababa hin beekamneen loltootaan hidhameera.

Gareen mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJn mootummaan gaazexeessitoota hidhe akka gadi dhiise ibsa Kibxata baaseen gaafateera.

"Aanga'ootni Itoophiyaa gaazexeessitootaa fi hojjettoota miidiyaa hidhaman gadi dhiisuu fi miidiyaa doorsisa tokko malee lola naannoo Tigraay akka gabaasu wabii kennuu qaba," jette bakka buutuun CPJ kan biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii.

Gaazexeessaa BBC Girmaay Gabruu
Ibsa waa'ee suuraa, Girmaay Gabruu maaliif akka hidhame wanti beekame hin jiru

Naannoon Tigraay erga Sadaasa darbe gara dhumaatti MM Itoophiyaa Abiy Ahimad humni waraanaa federaalaa Tigraay to'achuu labsanii as ajaja humna waraanaa jala jirti.

Lolli naannoo Tigraay kun erga humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa kaaba jiru to'atee booda eegale.

Waraana kanaan namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru, kumaatamaan kan lakkaa'aman ammoo baqaaf saaxilaman.

Balaa waraanaa kanaan gochoonni suukanneessaan raawwachuu akka hin hafnee gabaasaalee bahaa jiran hordofee yaaddoon dabalaa jira. Rakkoon namoomaas hammaachaa jira sodaan jedhu jira.

Mootummaan Itoophiyaa ji'oota hedduuf Naannoo Tigraay irraa miidiyaa idil-addunyaa erga kutee booda, torbee darbe eeyyameera.

Hidhaan gaazexeessitootaa fi hojjettoota miidiyaa gaazexeessitootaaf haala mijeessanii kun hayyama torbee darbee booda dhagaahame.

Qondaalli paartii biyya bulchaa jiruu tokko torbee darbe mootummaan "kanneen miidiyaa idil-addunyaa odeeffannoon sirrii hin taane kennuun dogoggorsan irratti tarkaanfii akka fudhatu" akeekkachiisanii turan.

AFP fi Faayinaanshaal Taayims gara Tigraay kan imalan erga Abbaa Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa fi Ministeera Nagaa irraa hayyama argataniin booda.

"Himata Fitsum Biraanee irratti dhiyaate kamuu quba hin qabnu. Miidiyaa waliin hojjechuun isaa hidhamuu isaaf sababa ta'uu hin qabu, kanaafis hatattamaan akka gadi dhiifamu gaafanna," jedha direektarri Oduu Addunyaa AFP, Fiil Cheetwiinid ibsa baaseen.

Faayinaanshaal Taayims gama isaan gaazexeessaa haala mijeessuun isaan waliin hojjetaa ture akka hiikamu "waan barbaachisaa mara ni goona" jedhe ibsa baaseen.

Sadaasa darbe gara xumuraatti MM Abiy Ahmad loltoonni mootummaa isaanii naannoo Tigraay to'achuun magaalaa Maqalee qabachuu labsanis, ergasiis garuu haleellaa fi walitti bu'iinsi adda citee hin beeku, naannochis labsii yeroo muddamaa jalaa hin baane.