Itoophiyaafi Belaaruus biyyoota hidhaan gaazexeessitootaa ‘haalaan itti dabaledha’ – CPJ

Madda suuraa, CPJ
Waggaa baranaa kana dura mul’ate sadarkaa hin beekneen gaazexeessitoonni hedduu hidhamuu isaanii mirga gaazexeessitootaaf kan falmu dhaabbatni CPJ har’a beeksise.
Waa’ee weerara Covid-19, akkasumas waa’ee tasgabbii dhabuu siyaasaan gaazexeessitoonni gabaasaa turan hidhamuu gabaasichi mul’iseera.
Akka dhaabbata kanaatti hanga A.L.I Sadaasa bara 2013’tti yoo xiqqaate sadarkaa idil – addunyaatti gaazexeessitoonni 274 hidhamaniiru.
Lakkoofsi kun gaazexeessitoota hamma A.L I Sadaasa bara 2013'tti hidhamanii ta'uufi waggaa guutuu lakkoofsa gaazexeessitoota hidhamaniifi hiikamanii akka hin dabalanne ibseera dhaabbatichi.
Biyyoota gaazexeessitoota baay’ee hidhan jedhaman keessaa Chaayinaa, Turkii, Masrii, Sa’udii Arabiyaa fi kaan argamu.
Mana hidhaatti gaazexeessitoonni lama Covid-19 qabamanii du'u kan ibse dhaabbatichi ‘’Yeroo weerarichaas adeemsi haqa argachuu gaazexeessitootaa harkifateera. Mana hidhaattis akka haala sirriin hin gaafatamne ta’eera,'' jedhe.
Itoophiyaafi Belaarus
Biyyoonni lamaan biyyoota hidhaan gaazexeessitootaa ‘haalaan itti dabaledha’ jedheera CPJ’n gabaasa isaa keessatti.
Itoophiyaatti siyaasa tasgabbii dhabeeniifi baatii darbe lolli Naannoo Tigraayitti eegaluun hordofee gaazexeessitoonni hidhamuu isaanii dhaabbatichi ibseera.
Waggaa darbe Itoophiyaatti gaazexessaan hidhame tokko qofa ture. Amma garuu yoo xiqqaate gaazexeessitoonni torba hidhaa jiraachuu ibseera.
Maqaa gaazexeessitoota hidhamanii ifa godhuu baatus dhaabbatichi yeroo lolli Tigraay eegale gaazexeessitoonni jaha hidhamuu gabaafamee ture.
Kanneen keessaa Editarri barruu Addis Sitaandaard Medihaane Iqqubamikaa'el fi gaazexeessaan duraanii OMN Udii Muusaa hiikamuun ibsameera.
Ajjeechaa Hacaaluu booda kan hidhame gaazexeessaan OMN Mallasaa Dirriibsaa yeroo ammaa himannaan itti banameera. Kaan isa waliin kan hidhaman wabiin bahun ni yaadatama.
Akka dhaabbatichi jedhutti Baha Afrikaatti Itoophiyaa dabalatee Ertiraa, Kaameruun, Ruwaandaa, Burundii, Maalii, Sudaan kibbaa fi Ugaandaatti walumaagala gaazexeesitoonni 45 hidhamaniiru.
Baha Afrikaatti hammi gaazexeessitoota barana hidhamanii kan bara darbe waliin yoo wal bira qabamu dabaluullee ibse.
Belaarusittis sababa Pirezidantiin biyyattii yeroo dheeraaf aangoorra turan lammata filatamaniif lakkoofsi gaazexeessitoota hidhamanii dabaleera.
Biyyattiitti hanga Sadaasa 22’tti yoo xiqqaate gaazexeessitoonni 10 hidhaa seenaniiru.
Biyyoota gaazixeessitoonni hedduun itti hidhaman
Chaayinaa:-Weerara Covid-19'n walqabatee gaazixeessitoota gabaasa dhiyeessan waggoota lama walitti aananitti biyya hiite ta'uun galmoofteetti.
Chaayinaatti gaazixeessitoonni 47 kan hidhaman wayita ta'u, harki caalaan isaanii yeroo dheeraaf kan hidhamanii fi maaliif akka hidhamaniillee itti hin himamne.
Turkii:-Gaazixeessitoota mirgi wabiin eegameefillee mana murtiitti dhiyeessuun akkasumas, gaazixeessitoota hidhuun sadarkaa lammaffaa qabatteetti. Turkiin barana gaazixeessitoota 37 hiite.
Bara 2008 kan hiite wajjin wal bira wayita madaalamu harka walakkaan kan xiqqaate wayita ta'u, qondaaltonni biyyattii ammas gaazexeessitoota hidhuu itti fufaniiru jedhe dhaabni mirga gaazixeessitootaaf falmu CPJ'n.
Masrii:-Masriin immoo biyya gaazexeessitoonni otoo yakkaan hin himatamiin hiitu jedhamteetti.
Biyyatti keessatti gaazexeessitoonni 27 hidhaa kan jiran yoo ta'u, A.L.I bara 2008 lakkoofsa gaazixeessitoota hidhamaniin wal gita.
Weerara koronaavaayirasii hordofee, gaazexeessitoota hidhuun biyyatti keessatti akka itti fufe gabaasni CPJ eere.
Sa'udii Arabiyaa:- Sa'udiin gaazixeessitoota hidhuun Masritti aantetti.
Sadarkaa idila addunyaatti gaazexeessitoota hidhaa jiran sadii keessa harki lama shororkeessumman kan himatamanii fi miseensa gartuuwwan seeraan daangeffamanii ta'uun kan himatamanii jedha gabaasni CPJ.















