Lola Tigraay: 'Qaamoleen nageenyaa mirga dhala namaaf wabii dhaabbatan Tigraay seenuu qabu'-US

Antonii Bilinken - ministeera haajaa alaa Ameerikaa

Madda suuraa, Reuters

Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Bilinken haala siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru irratti wayita yaada kennan, qaamoleen hunduu rakkoo jiru furuuf mariin jiraachuu qaba jedhan.

Keessattuu haalli naannoo Tigraay keessa jiru daran kan isaan yaaddessuu fi haalli mootummaan federaalaa dhimma kana itti ilaalaa jiru fudhatama kan hin qabneedha jedhan.

''Uummanni Tigraay waan fedhii isaanii guutu argachuu qabu, adeemsa lola dhaabu hordofuu qabna. Mootummaan keenya kalattii kanarratti gargaarsa ni kenna. Adeemsi keenya haala kana kan hordofuudha.''

Rakkoon Itoophiyaa keessa jiru kan duraa caalaa akka isaan dhiphisuu fi kan itti dhimmaman ta'uu dubbatan Bilinken.

''...haalli Tigraay keessa jiru baay'ee yaaddessaadha. Naannoo kana keessatti sarbamiinsi mirga namoomaa fi haleellaan suukanneessaan raawwatamuu gabaasi qabatamaan hedduun ba'aa jira,'' jedhan.

Ministirri Haajaa Alaa US Antoonii Bilinken haala naannoo Tigraay fi waliigalatti waa'ee Itoophiyaarratti Ministira Muummee Abiy Ahmad dabalatee qondaaltota Afriikaa fi addunyaa waliin mari'achuu himan.

''Dhimma kanarratti MM Abiy fi hooggantoota naannawa sanaa darbees kan biyyoota biroo bilbilaan dubbiseera. Sodaan MM Abiy TPLF ilaalchisee qabanii fi tarkaanfii isaan fudhatan sirriittin hubadha. Haalli amma Tigraay keessatti ta'aa jiru garuu kan fudhatama qabu miti, jijjiiramuu qaba.''

Jaarmiyaaleen deggersaa, mirga namoomaa fi kanneen dhimmicha walabaan qoratan bilisaan naannoo kana keessa socho'uu qabu jedhan Bilinken.

''Haala salphaan gufuu tokko malee gara Tigraay seennee haala jiru akka hubannu haalli mijachuu qaba. Jaarmiyaaleen deggersa namoomaa kennan walabummaadhaan seenuu danda'uu qabu.

Uummanni naannoo sanaa nageenyi isaa eegamaa jiraachuu fi deggersa argachaa jiraachuu mirkaneessuu qabna, mootummaan kutannoo akkanaa mul'isuu qaba.''

Wayita dhibdeen biyya tokko keessatti uumamu gidduu seenuu, hanga humna nageenya eegsisu ramaduutti kan beekamtu US, haala Itoophiyaa keessa jiruun walqabatee maal yaaddi gaaffiin jedhu gaafatamee Bilinken akkas jedhan.

''Ammatti gara humna nageenyaa erguutti deemuuf qormaata lamatu jira. Tokko akkuma beekamu loltoota Eertiraa gama tokkoon, gama kaaniin ammoo hidhattoonni Amaaraa naannocha keessa jiru. Isaan kunneen ba'anii humni nageenyaa kan mirga namoomaa hin sarbine seenuu qaba.''

''Humni nageenyaa uummata Tigraay irratti, duguuggaa sanyii nuti argaa jirru kana dabalee hin raawwanne achi seenuu qaba" jedhan.

"Duguuggaan sanyii sun dhaabbachuu qaba. Qorannoon walabaa akka gaggeeffamu barbaanna. Qaamni itti gaafatamu adda bahuu qaba."

"Hunda caalaa ammoo mariin araaraa qaamolee hunda gidduutti akka gaggeeffamu feena. Haala kanaan biyyattii ce'umsa siyaasaa dansaatti seenuu dandeessi, Ministirri Muummee Abiy kanaaf haala mijeessuu qabu," jedhan.

Ji'a kana gara jalqabaa mootummaan Itoophiyaa gareewwan mirga namoomaa idil-addunyaa waliin ta'uun dhiittaa mirga namoomaa fi dhumaatii lammiilee raawwatameera jedhame akka qoratu ibsee ture.

Mootummaan Itoophiyaa dhimmi Tigraay dhimma keessoo kiyyaati jechuun yeroo baay'ee himata US irraa ka'u kuffisaa ture.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad oppireeshinii waraanaa naannoo Tigraay keessatti erga gaggeessanii booda duulli qindaa'aan sadarkaa idil-addunyaatti nurratti banameera jechuun biyyoonni Afriikaa akka cinaa isaanii dhaabbatan, xalayaa mana maree nageenyaa fi tasgabbii Gamtaa Afriikaaf barreessuun ibsaniiru.

A.L.I Onkoleessa 24, bara 2013 ture humnoonni TPLF buufata waraanaa federaalaa Naannoo Tigraay jirurra haleellaa raawwachuu isaani hordofee MM Abiy TPLF irratti duulli waraanaa akka taasifamu kan ajajan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Maqalee to'achuu isaa ibsuu hordofee hoggantootaafi miseensota TPLF harka hin kenninu jedhan irratti duulli banameera,

Yeroo kanatti ture jiraattota naannichaa irratti sarbaminsi mirga namoomaa olaanaa ta'e raawwachuu kan dhagahamaa ture. Mootummaan garuu himannaa kanneen hin fudhatu.