Lola Tigray: Waraanni Itoophiyaa 'TPLF barbaacha hospitaala sakatta'e'

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Itoophiyaa naannoo Tigraayiitti hospitaala magaalaa Aksuum keessatti argamuutti miseensoota humnootii Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) barbaacha sakkatta'iinsa taasisuu AFP'n maddeen doktaroota hospitaalichaa eeruun gabaase.
Loltoonni meeshaa waraanaa doktarootaafi narsoota irratti qiyyaafachuun namoota miidhaman fi hojjattoota fayyaa eenyummaansaanii akka hinbaramne barbaadan gaafataniiru jedha gabaasni AFP kun.
Akkasumas loltoonni namoota dhukkubsatanii wallawal'aanamaa turan bakka madaan isaanii saamsameefi gulukoosii irraa kaasuun doktarootaafi narsoota irratti qawwee qiiyyeeffatanii akka turan himan.
Dhaabbanni deeggarsa wal'aansaa MSF jedhamuufi kan hospitaalicha gargaaruu taateen kun mudachuu mirkanneessuun, ibsa baaseen loltoonni ''tokkoo tokkoo kutaa wal'aansaa irra adeemuun kanneen kunuunsa taasisaniifi hojjattoota fayyaa dorsiisaniiru,'' jedhe.
''Haallii ergamni wal'aansaa gareewwan hidhataniin irra deeddeebiin jeeqamuunsaa baayyee nu yaadeessee jira'' jedheera MSF ibsa isaa keessatti.
Waraanni Itoophiyaa hospitaala seenaniiru himata jedhuurratti gama Raayyaa Itoophiyaa wanti ibsame hin jiru.
Ministirri Mummee Abiy Ahimad humnootii TPLF buufata waraana biyyatti kana naannoo Tigraayiitti argamuurratti haleellaa raawwataniin booda ture haleellaan akka eegalamuuf Sadaasa 4, 2020 ajaja an dabarsan.
Lolli amma erga eegalamee baatii torbaffaa isaa keessatti argamu kanaan walqabates namoonni kumaatamaan lakkaa'aman du'anii hedduun ammoo bakka jireenyaa isaanii irraa buqa'aniiru.
Ummanni miiliyoonaan lakkaa'amus hanqina nyaataaf saaxilama yaaddoon jedhu jira.
Gareewwaan mirgaaf morman loltoota Ertiraa kan waraana Itoophiyaa deeggaraa jiraniin raawwateera jedhame dabalatee, sarbama mirga namoomaa sukkaneessaa namoota nagaa irratti gama lamaaniinu raawwatamaniiru jedhan galmeessaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa TPLF galmee shorokeessitootaatti kan galmeesse yoo ta'u mariin waliin taasifamuus hin jiru jedheera.
Gama kaaniin immoo Ameerikaan qaamolee kaan waliin ta'un waraana dhaabuun akka jiraatu akka dalagdu ibsiteetti.
Dabalataan waraanni Ertiraafi humna addaa Amaaraa Naannoo Tigraayii akka bahan dhihoo irra deebiin gaafatte.
Mootummaan Itooophiyaa adeemsi Ameerikaa birmadummaa biyyaa kan sarbudha jechuun irra deddeebbiin qeeqaa turuun ni yaadatama.
















