Lola Tigraay: Gaarreen Gar'aaltaafi naannawa Hawuzeenitti maaltu ta'e?

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS
Lolli Sadaasa 4, 2020 dhaaba dhiyeenya kana shororkeessummaan farrajame TPLF fi mootummaa federaalaa gidduu eegale amma baatii torba guutee jira.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dhuma ji'a Sadaasaatti magaalaan Maqalee to'annoo raayyaa Ittisa biyyaa jala ooluu hordofee, waraanni akka xumurame himanus, ammallee godinaalee naannichaa garagaraa keessatti lolli itti fufuutu gabaafama.
Akka gabaasa qaamolee idiladdunyaatti, walitti bu'iinsi naannichatti adeemaa jiru rakkoo namoomaa guddaa geessiseera.
Tibbana naannoo gaarreen Gara'aaltaa fi Aanaa Hawuzeen keessatti lolli taasifamuu, jiraattonni BBC'tti himaniiru.
Eebla 25, 2013 adda waraanaa sadiitti waraanni geggeeffamuu jiraattonni kunneen BBCtti himaniiru.
Daa'imman jaha mana jijjige keessaa qotamuun baafamuu
Jiraataan Hawuzeen Haftoom jedhamu akka jedhutti, ALI Onkoloolessa 24, 2013 irraa kaasee Hawuzeen adda waraanaa taatee turte osoo jedhamee soba miti jedha.
Naannichatti lolli marsaa 6ffaaf taasifamaa jiraachuufi lubbuun namoota heddus baduu hima.
Akka namoonni ijaan argan jedhanitti, Eebla 29 2013, Hawuzeen meeshaalee waraanaa gurguddoodhaan tumamtee jirti.
Magaalattiitti manneen haleellaan diigaman keessaa tokko kan Obbo Birruu Balaayi.
''Hanga meeshaan waraanaa guddichi dhufee kufetti, magaalattiin nagaa turte. Karaa Magaab fi Diguumiin garuu sagaleen meeshaalee waraanaa ni dhaga'ama ture.''
Meeshaan waraanaa wayita manicharra dhoo'eettis, dubartoonni hedduun keessa turan. Kutaa tokko keessammoo ijoollee ollaa dabalatee daa'imman torbatu ture,'' jetti, balaa sana irraa kan hafte Giday.
Ijoollee lubbuun oolan Hoospitaala Ayidar kan Maqalee jiru geessuu kan dubbattu Giday, waan jiru yoo ibsitus ''Eebla 16 haleellaa cimaatu ture. Kan Eebla 29 garuu hunda caalaa hamaa ture,'' jettetti.
Manni Obbo Birruu kan ganda 02 jirus haleellaa kanaan guutummaatti diigamuu himan.
Addee Giday ijoollee miidhaan irra gahe afran qabattee hoospitaalicha dhaquun wal'aansisaa jiraachuu dubbatti.
Daa'imni haleellaa sanaan ajjeefaman kan ganna lamaa akka ta'an kan himtu Giday, kan lubbuun hafanii wal'aansarra jiran ammoo daa'imman ganna 7-12 akka ta'an BBC'tti dubbatti.
Yunivarsiitii Maqaleetti barataa damee barnoota fayyaa kan ta'e Taklabirhaan akka jedhutti, daa'imman afran keessaa sadii hoospitaalicha keessatti ijaan argeera.
Daa'imman kanarras balaan cabaafi baqaquu gogaa irra ga'uu akka hubate dubbata.
"Mana meeshaa waraanaa cimaadhaan rukutamee jijjige keessatti ukkaamfamanii akka turaniidha kan nutti himani. Dhagaa jijjigaa sana keessaatiin akka miidhaan isaan irra gahee yaadna."
Daayirektarri kominikeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa, Koloneel Geetinnat Adaane, manni dhunfaa meeshaa waraanaatiin haleelamuun daa'imman miidhamaniiru kan jedhu odeeffannoo dogoggoraati jedhaniiru.
"Gareen shororkeessummaan farrajame meeshaa waraanaa cimaa hinqabu, nutu meeshaa cimaa hidhatee jira.
Eessatti akka dhukaasnus ni beekna. Manni nama dhuunfaa haleelameera inni jedhamu dogoggoradha. Carraan akkas itti ta'u baay'ee xiqqaadha. Balaan ga'e jiraannaan ilaalamee sirreeffamni kan itti fudhatamuufi ifa kan taasifamu ta'a jedheen amana,'' jedhaniiru.
Itti dabaluunis, ''ragaa amma yoonaatti qabnuun garuu, haleellaan meeshaa cimaadhaan taasifame tasumaa hin jiru. Wanti hubatamuu qabuyyuu haalli itti lolli gaggeeffamaa ture kan of-eeggannoon guutameen ta'usaatii,'' jedhaniiru.
Eebla 25 irraa kaasee adda waraanaa sadiitti lolli geggeeffamuutu himama.
Dubbi himaan garee Humna Ittisaa Tigraayi jedhee of waamu kan ta'an Gabra Gabratsaadiq, ibsa karaa fuula Feesbuukii TPLFn hidhata qabu, Dimtsii Wayyaanee irratti kenneen akka jedhetti, waraana adda sadan irratti geggeeffameen walumaagalatti loltoonni raayyaa ittisa Itoophiyaafi Ertiraa 1,896 ta'an ajjeefamuu fi kanneen 1,800 ol madaa'anii, kuun ammoo booji'amanii jiru.
Koloneel Geetinnat gama isaaniitiin, Raayyaan Ittisaa naannichatti sakkatta'iinsa taasisuufi balaan dhaqqabe garuu akka hin jirre himuun, oduun TPLF'n tamsa'e soba ta'uu himan.
Daayirektarichi dabaluun, Gaarreen Gara'aaltaatti lolli geggeeffamuufi fuulduratti ibsi guutuun akka kennamu himan.
Ibsa TPLF'n kennamu ilaalchisees: ''Isaan waan hin ajjeefne hinqaban. Osoo akka isaan jedhaniitti loltoota keenya ajjeesaniiru ta'ee, silaa yoona Itoophiyaan raayyaa hinqabdu ture. Kasaaraa naannoo Humaraatti isaanirra ga'e dhokfachuuf akkas odeessu,'' jedhan.
''TPLF yeroo ammaa Raayyaa Ittisa Biyyaa balleessee fuulduratti deemuuf humna hin qabu. Dhugaan jiru kanuma. Amma tapha dhokachiisootu deemaa jira - dhokachuufi hoggantoota isaanii dhoksuu. Bifa garagaraa itti kennuun iddoodhaa iddootti sochoosuu yoo ta'e malee kadhibii hin jiru," jedhan.
"Osumallee akka amanamuuf 'dhoksaadhaan haleelle'' jedhanii ni fakkaata ture. Namoonni dhuunfaas gochuu waan danda'aniif. Dirree waraanaa irratti lollee moone kan jedhu garuu ololadha,'' jedhan.
















