Lola waraanaa Tigraay: Qonnaan bultoonni Tigraay 'akka hin qotanne dhorkamaa jiru'

qonnaan bulaa Tigraay keessaa

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Akka UN jedhutti Tigraayitti namoonni miiliyoona 5.2 tahan qarqaarsi nyaataa isaan barbaachisa

Anga'aan naannoo Tigraay jiraattonni naannichaa akka hin qotanneef dhorkuuf sochiin gaggeeffamaa jira jechuun, kun ammoo namoonni beelaan akka du’an taasisuu mala jechuun akeekkachiisan.

Hoogganaa ittaanaan bulchiinsa yeroo Tigraay Abbabaa Gabrahiwoot TV Tigraay irratti akka jedhanitti, kanneen hojii seera kabachiisuu keessatti hirmaatan, sanyiin midhaanii naannicha akka hin geenye dhorkaa jiraachuu dabalatee, namootaan qonni akka hin eeyyamamne itti himaa jiru jedhan.

Obbo Abbabaa eenyu kana gochaa akka jiru maqaan dhahuu baatanis, garuu nannoolee loltoonni Eertiraafi humnoonni naannoo Amaaraa buufatanitti akka raawwachaa jiru himan.

Waraanni Sadaasa 4, 2020 erga eegalee as, namoonni kumaatamni ajjeefamanii, kuma dhibbaan kan lakkaa’aman immoo biyyuma keessa qe’eerraa buqqa’anii jiru.

70,000 ol ammoo Sudaaniin da’oo godhachuuf garasitti baqataniiru.

Waldhabdeen baatii ja’aaf ture naannoo durumaan hanqina nyaataa qabdu irratti dhiibbaa hamaa uumeera.

Akka Sagantaan Nyaataa Addunyaa UN (WFP) jedhutti naannoo Tigiraay keessatti namootni miiliyoona 5.2 gargaarsi nyaataa isaan barbaachisa [Afaan Ingiliizitti si geessa].

“Sochiin sanyiin midhaanni akka hin seenne dhorkuu fi qonnaa dhaabuuf gaggeeffamu ergaa ‘uummatni Tigraay beelaan haa dhuman’ jedhu malee waan biraa hin qabu,” jechuun Obbo Abbabaa Tigray TV irratti dubbatan eeruun AFPn gabaaseera.

Wanti akkanaa anga’aa olaanaa mootummaa Itoophiyaan muudameen himamuun isaa sarbamni mirga namooma adeemaa jiraachuu isaaf ragaa dabalataa ta’a.

Kanarra darbees lammileen nagaa Tigraay akka hawaasaatti rakkoon irra gahaa jira himannaa jedhu cimsa.

1px transparent line

Lolli Tigraay maali?

Waggoota lamaan darbanitti mootummaa federaalaafi TPLF gidduutti garaagarummaan siyaasaa hammaachaa dhufee Sadaasa 04, 2021 lola waraanaatti ce'e.

Lola waraanaa kana hordofee namoonni 70,000 ol gara Sudaanitti baqachuu isaanii dhaabbileen gargaarsaa ni himu.

Bulchiinsi yeroo Tigraay akka jedhutti, hanga ammaatti naannicha keessatti namoonni miiliyoona lamaa ol buqqa’anii kan jiran yoo ta’u, namoonni miiliyoona afurii ol ta’an ammoo gargaarsi namoomaa isaan barbaachisa.

Uummanni naannichaa harka 91 tahu deeggarsi namoomaa akka isa barbaachisu Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa yoo ibsu, mootummaafi dhaabbileen garaagaraa meeshaalee deeggarsaa dhiyeessaa jiru.

Dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa, waraanni Ertiraa naannoo Tigraayitti sarbama mirgaa cimaa raawwataniiru jechuun himatu.

Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa yeroo dheeraaf waraana Tigraay keessatti hirmaannaa loltoota Ertiraa erga haalaa turanii booda, MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaachuun, Ertiraan sodaa nageenyaa waan qabduuf daangaa cehuun galte jedhan.

'Duula seera kabachiisuu' jedhame kanarrattis kan hirmaatan miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, milishoonni naannoo Amaaraafi loltoonni Ertiraa yakki raawwatan yoo jiraate tarkaanfiin ni fudhatama jechuun isaanii ni yaadatama.

Mootummaan Ertiraa himannaa irratti dhiyaatu kuffisaa bahus, dhiyeenya kana UNtti ambaasaaddara Ertiraa kan tahan Sofiyaa TasfaaMaariyaam waa'ee waraana biyyattii ilaalchisee yeroo duraatif ifatti deebii laatan.

''Sodaan ture garri caalu baduusaatiin, humnoota Ertiraa baasuun waraanni Itoophiyaa ammoo naannoo daangaatti akka bobba'u gochuuf, anga'oonni olaanoo Itoophiyaafi Ertiraa waliigalaniiru,'' jechuun mirkaneessan.