Marii Ergamaan Addaa US Masriifi Eertiraatti taasisanirraa hanga ammaa maal beekna?

Madda suuraa, @hawelti
Ergamaan addaa Ameerikaan Gaanfa Afrikaatti Muudde Jeefrii Feeltimaan daawwannaa hojiif Asmaraa qubatanii Pireezidant Isaayyaas Afawarqii wajjin mariyataniiru.
Dhiheenya muudama haaraa Joo Baayidan dhimma Gaanfaa Afrikaa hordofuuf kennaniin gara naannichaa kan imalan Jeefrii Feltmaan Caamsaa 4-13 biyyoota akka Eertiraa, Itoophiyaa, Masriifi Sudaan akka daawwatan mootummaan Ameerikaa ibsee ture.
Pireezidantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii daawwannaa hojii guyyaa lamaaf gara Sudaan imalanii akkuma biyyatti deebi'aniin ammoo Amb. Feltimaaniin simatanii mariyatan.
Marii Amb. Jeefrii fi Pireezidant Isaayyaas sa'aa dheeraa kan fudhate akka ture Ministirri beeksisaa biyyattii Yamaanee GabraMasqal ibsa tiiwitara gubbaa maxxansaniin himaniiru.
Marii obbo Yamaaneen sa'aa afuriif ture jedhaniin Pireezidant Isaayyaas rakkoowwan Gaanfa Afrikaa keessa jiran furuuf Eertiraan Ameerikaa waliin ta'uun furuuf murannoo qabachuu ibsaniiru jedhan aanga'aan kun.
Jeefrii Feeltimaan gama isaaniin rakkoolee naannicha jiran ilaallatee ergama bulchiinsa Baayidan ibsaniiru jedhan obbo Yamaaneen. Wantootni aanga'oonni lameen irratti marayitan garuu maal maal akka ta'an ibsa bal'aa hin kennine.
Hanga ammaattis marii Asmaraatti taasifame ilaalchisee mootummaan Ameerikaa ibsa baase hin qabu.
Feeltimaan turtii isaanii Eertiraa dura jalqaba kan imala isaanii eegalan Masrii daawwachuun yoo ta'u, achittis pireezidant Abdulfattaa Alsiisii fi Ministira Haajaa Alaa biyyattii Saamii Shukrii akkasumas Ministira Bishaanii biyyattii waliin mariyataniiru.
Marii pireezidant Alsiisii waliin godhan irratti pireezidantichi Masriin hangi bishaanii biyyattiin argattuu hir'isuurratti obsa akka hin qabne dubbachuu isaanii Washington Post gabaaseera.
Feeltimaan ammoo rakkoolee muddoo naannicha jiran irratti furmaata kennuuf bulchiinsi Baayidan xiyyeeffannoo jabaa kennuu ibsaniiru jechuunis gabaase.
Jeefrii Feeltimaan ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa ta'uun kan muudaman mootummaan Ameerikaa rakkoo keessoo Itoophiyaa addatti kan lola Tigraayiin walqabatuu dhiyeenyaan hordofuufi furmaata kennuuf akka ta'e ibseera.
Dabalataanis muddama daangaa Sudaaniifi Itoophiyaan keessa jiran fi Hidha Haaromsa Itoophiyaa ilaalchisuun Sudaan, Masriifi, Itoophiyaa gara waliigalteetti fiduufis ni hojjetu jedhameeti.













