Siyaasa: Tibbana akka shororkeessaatti akka ramadamaniif kan jedhaman 'Shanee' fi TPLF eenyu?

Namoota uffannaa loltuu uffachuun konkolaataa irra jiran

Madda suuraa, ROBERTO SCHMIDT

Manni maree Ministeerotaa Sanbata darbe Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) fi 'Shanee' shororkeessummaan akka ramadamaniif yaada murtoo kennunsaa ni yaadatama.

Itti aansees manni maree ministeerotaa aangoo heera motummaa keeyyata 77 irratti kennameefiin, TPLF fi 'Shanee'n akka garee shororkeessitootaatti ramandamaniif yaada murtee dhiyeessee gara mana maree bakka bu'ootaatti erga.

Paarlaamaan yaada murtoo kana fudhatee garee kan akka shoroorkeessaatti ramaduuf sagalee lama sadii kennu qabaata.

Garee tokko shororkeessaa jechuun ramaduun maaliif barbaachisa?

Gaaffii kanaaf deebii akka nuuf keennaniif BBCn, seera shororkeessummaa waggaan dura fooyya'ee dhiyaate keessatti kan hirmaataniifi waajjira gumii abbaa alangaa hoogganaa kan jiran Abaadir Ibraahim (Dr) dubbiseera.

Abaadir motummaan gochaawwan yakka adda addaa ittisuuf hordoffii tarree taasisuu haalli itti hin dandeenyee yoo umamee garee tokko shororkeessaa jechuun ramadu akka danda'u himu.

Kana malees gochi tokko 'shororkeessaadha' kan jedhamu yoo kan ''siyaasa, amantaa ykn ilaalcha gaggeessuuf yaaduun ummata ykn qaama hawaasaa murtaa'e shororkeessuuf yaadamee kan raawwatamu ta'e'' kan jedhan keewwanni labsichaa sadii wantota eeruudha jedha.

Akkasumas dhorkaawwan shan kanneen ''motummaa, motummaa biyya alaa ykn dhaabbilee idil-addunyaa dirqisiisuun lubbuu balaaf saaxiluu, miidhaa qamaa qaqabsiisuu, danquu ykn butuu, qabeenyaa ykn tajaajilawwan hawaasummaa akka rakkoon mudatu taasisuu'' kan jedhan dabalatee yoo raawwataman yakka shororkessummaa ni jedhamu jechuun ibsa.

Akka Abaadir jedhaniitti, dhaabni tokko gochaawwan kanneen kaayyoosaa yoo taasifate, aanga'oonni dhaabiichaa yakkicha adeemsaan ykn ifatti yoo fudhatan, yakkichi adeemsaan ykn raawwiidhaan kan dhaabicha ibsu yoo ta'e, qaamni tokko shororkeessaa jedhamuun akka ramadamu BBCtti himan.

Jalqabas abbaan alangaa waliigalaa dhaabbanni tokko shororkeessumman ramadamu qabaata jechuun yoo amane murtoo yaadaatiif mana maree ministeerotaatiif dhiyeessa.

Manni maree Ministeerotaa yaadicha fudhate ragaasifnaan ammoo manni maree bakka bu'oota ummataa sagalee lama sadiitiin akka ragaasiisuuf garasiitti erga.

Yaanni murtii mana mareetiif wayita dhiyaatuutti gochaawwan dhaaba sana shororkeessaa jechiisaniifi hirmaannaan dhaabichi isa keessatti qabu ifatti mul'ifamu qabaata jedhu Abaadiir.

Haata'u malees ragaa kana ifa taasisuun yaaddoo qabaata jedhamee yoo yaadamee dhimmoonni ifatti dhiyyeeffamu danda'an akka jiran seerichi ni labsa jedhu.

Dhaabichi gochaawwan jedhaman keessaa yoo xinnaate sadi keessatti hirmaachu mirkanaa'u akka qabaaatu oggeessi kun ni dubbatu.

Paarlaamaan dhaabichi ykn qaamni biraa yaada akka dhiyeessuuf yeroo gahaa kennuufi yeroo murtoo ibsuun karaa midiyaa seera qabeessaa ta'eetiin waamicha dabarsuu qabaata jechuun labsichi kaa'eera jedhu.

Dhaabni akka shororkeessatti ramadamuuf yaadni murtoo irratti kennamees paarlaamaaf yaada kennuuf kan hin dandeessinee fi dhimmoota icciitiidha jedhamaniin alatti ragaawwan argachuufi beekuuf mirga qaba jedhu.#

Akkasumas yaada murtoo mormuudhaan mana marichaatiif ragaa kamiyyuu dhiyeessuuf mirga akka qabu labsichaan kaa'ameera.

Paarlaamanis waamicha jedhame kana Wiixata darbe karaa midiyaatiin taasiseera.

Yaadni murtoo kun wayita ragaasifamutti haaluma labsichaatiin jalqaba dhaabichi yoo hin diigamne fi qaama seeraa yoo qabaate, abbaan alangaa mana murtoo aangoo qabuutti akka diigamuuf iyyata dhiyeessa.

Akkasumas qabeenyaawwan dhaabbichaa motummaan akka dhaalu taasifama jechuun labseera seerichi.

Motummaan dogongorawwan kanaan duraa irra maal barata?

Motummaan dhaabilee lamaan kana akka shororkeessaatti akka ramadamaniif yaa yaadu malee bu'aa inni dhaabbilee kanneen irratti qabaatu adda baasuun beeku qaba jedhu oggeessoonni dhimmichatti dhiheenya qaban.

Kanaan duras kanneen motummaa mormaniin hiikaa shororkeessaa jedhu jala akka galan taasifamanii turan kan jedhu, oggeessi kun motummaa mormuun shororkeessummaa taasifamee ilaalamu hin qabaatus jedha.

''Seerri farra -shororkeessaa kanaan dura fooyya'ee walitti dhufenya motummaan paartiilee siyaasaa waliin qabu kan gara walitti dhufeenya nageenyaatti fudhate ture. Kun amma irra deebii'amu hin qabaatu'' jedhu.

''Kanaan boodas dhaabbilee kanneen waliin marii, araarri ykn waliigalteen kamiyyuu kan hin yaadamne taasisa'' jedhu.

Keessattuu rakkoo naannoo Tigraay jiruu bu'urarraan furuurra dhimma mana murtii tokkoo tokkoon ilaalamu taasisa. Kunis gocha yakkaa seeraafi adeemsa haleellaa irratti deebii kennuu ta'a.

Kunis biyya keessatti qofaa osoo hin taane, yaaliin qaamni biyya alaa kamuu araarsuufi waliin marisiisuuf taasifamu yakkaa akka taasisu himu.

Ameerikaa dabalatee motummoonni biyya alaa adda addaa waliitti bu'insii naannoo Tigraay waliigalteen akka xumuramuuf gaaffii dhiyeessaa turan cufuuf kan yaadamee fakkaatas jedhu.

Kanaan dura motummaan qaama hidhatee bosonatti hafee kan Waraana Bilisummaa Oromootiin 'ABO-shanee' jechaa ture.

Haa ta'u malee yaada murtoo tibbana mana maree ministirootaatiin akka shororkeessaatti akka ramadamuuf dhiyaateen 'Shanee' jechuun hima.

Ofii 'Shanee' eenyuu?

Maqaan ABO-Shanee jedhu motummaa Itoophiyaatiin yeroo baayyee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) akka ta'eetti itti fayyadama.

Haata'u malee garichi akka ABO-Shaneetti ofi hin ibsu. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan amma akka ABO-Shaneetti ibsamus wagggoota 30 oliif, akka damee waraana ABOtti beekamu.

Kunis hanga ABO paartii siyaasaa karaa nagaatiin qabsaa'uuf boordii filanootiin galmaa'eetti.

Gareen kunis erga marii hidhannoo hiikkachuu motummaa MM Abiy Ahimad waliin waliigalteerra gahamu dadhabeen booda ture bara 2018tti akka qabsoo hidhannoo itti fufu kan labsuun dhaabbichaan adda kan bahe.

Dureen ABO Obbo Daawuud Ibsaa gama isaanitiin waraana bosonatti hafe akka hin ajajnee ibsaniiru.

Waraanni Bilisummaa Oromoo kan Lixaafi Kibba Oromiyaa keessa socha'aa jiru kunis Kumsaa Diriba kan Jaal Marroo jedhamuun beekamuun durfama.

Gareen kunis naannoo Oromiyaa naannoolee biyyatti keessaa isa guddaafi lafa jireenyaa ummata Oromoo kan baay'inaan biyyattii keessaa saba guddaa ta'ee, bilisoomsuuf akka lolu hima.

Yeroo garaa garaati motummaan garee kanarratti yeroo torbanootaa keessatti tarkaanfii akka fudhatu himulleen, haleellaawwan miseensoota garee kanaatiin raawwataman jedhamaniin namoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeeffamanii, kanneen kumaatamaan hedaman ammoo buuqaafamaniiru.

Motummaanis WBO ykn 'ABO-Shanee' saamicha baankiiwwanii, ajjeechaa qondaaltoota motummaafi namoota nagaatiif irra dedeebiin himata.

Kana malees motummaan garee 'ABO-Shanee' biyyattii diiguuf TPLF'n akka deeggaramufi Tigraay keessatti loltoonni 'ABO-Shanee' lola TPLF maddii dhaabbachuun lolaa turan booji'amu himee ture.

Jechi 'Shanee' eessaa dhufee?Jeechi 'Shanee jedhu Afaan Oromoo lakkoofsa 'Shan' jechuudha. Caasaa paartii ABO keessatti koreen hojii raawwachiftuu miseensoota shan qabdu 'Gumii shanee' jedhamuun waamama. Gumii kana keessattis miseensoota dhaabbataa shaniifi kan yeroo lama hammatama.

Garuu kan mootummaan amma ''Shanee'' jechuun tarree hororkeessummaan galmeessu kun garuu qaama isa kam akka tahe ifatti waan lafa godhu hin jiru.

TPLF eenyuu?

Paartiin Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) erga qabsoo hidhannootiin motummaa dargii kuffiisee aangoo biyyatti olaanaa qabateen booda gara waggoota 30f Itoophiyaa bulchaa ture.

Haata'u malee lola Sadaasa bara 2020 naannoo Tigraayiitti eegaameen hordoofuun boordiin filannoo biyyaaleessaa biyyattii seera qabeessummaa dhaaba kana mulqe.

Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigiraay (ABUT/TPLF) bulchiisni mootii Hayilasillaasee kufee, sirni Dargii aangoo qabachuu hordofee A.L.I Caamsaa 11, bara 1967 qabsoo hidhannoo eegale.

Qabsoo hidhannoof ka'umsa kan ta'e immoo gartuu barattoota yunvarsiitii Finfinnee dhalattoota Tigraay ta'aniin hundeeffamedha.

Jalqaba miseensota saddeetiin kan hundaa'e yoo ta'u, sana booda hundeessitoonni kunneen sochii TPLF hundeessuu keessatti qooda jabaa gumaachaniiru.

Namoonni saddeettan Barrihuu Barihee ykn Dr Aragaawwi Barihee, Faantahuun Zaratsiyoon ykn Geedi'oon Zaratsiyoon, Mulugeetaa Hagoos, Ambaayyee Masfin ykn Siyyum Masfiin, Ammahaa Tsahaayyee ykn Abbaay Tsahaayyee, Iqubaazigi Bayyanaa, Alamsaggad Mangashaa fi Zarihuu Gessesee turan.

Waraanni Dargii waiin gaggeeffamuus bal'achuun, Tigraan alattis gara naannoo biyyatti biraatti ce'uun, dhaabni ummattoota kaanis bakka ni bu'a jedhame akka hundeeffamuuf TPLF gahee olaanaa baheera.

Kana hordofuunis Paartii Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa, Dhaabbata Dimookiratawaa Uummata Oromoo (DHDUO) fi Adda Warraaqsa Uummattoota Kibba Itoophiyaa wajjiin walitti fiduun adda tokkicha ADWUI uuman.hundeeffame.ADWUI kan olaantummaa TPLFn hoogganamaa ture erga Dargii aangoorraa buuseen booda waggoota 27f biyya bulcheera.Erga Ministirrii Muummee Abiyi Ahimad aangoo qabatanii booda ammoo addicha keessatti dhibdeen waggootaaf ture daranuu hundee jabeeffataa adeeme.

Dhumarrattis ADWUI'n baquun paartii Badhaadhinaatiin wayita bakka buufamu, TPLF Paartii Badhaadhinaatti dabalamuuf diduun alattis ''walitti baquun isaanii seera qabeessa hin turre'' jechuun mormii dhageessise ture.

TPLF aanga'oota isaa olaanoo qabachuun gara Naannoo Tigraayiitti erga imaleen booda walitti dhufeenyi motummaa federaalaa waliin qaban baduun alattis gara walitti bu'iinsaatti galame.Lola baatii jahaan dura eegalameenis motummaan federaalaa 'TPLF barbadaa'eera' jechuun labsee ture.

Aanga'oonni siyaasaafi loltummaa garee kanaas yakkawwan adda addaatiin shakkamuun ajajni hidhaa irratti baafamee ture.Aanga'oonni TPLF duraaniifi kan ammaa hedduunis to'annoo humnootii nageenyaa jala oolfamuufi kaan ammoo ajjeefamuu raayyaa ittisa biyyattiin ibsamunsaa ni yaadatama.