Manni maree Ministirootaa Itoophiyaa TPLF fi 'Shanee' tarree shororkeessitootaa jala akka galan yaada dhiyeesse

Alaabaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Manni Maree Ministirootaa Itoophiyaa walgahii guyyaa Sambataa gaggeesseen, Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) fi 'Shanee' shororkeessaa jedhamuun akka galmaa'an yaada dhiyeesse.

Gareeleen kunniin jijjiirama biyyattiitti waggoota sadan dabran dhufan duubatti deebisuuf, kutaalee biyyattii garagaraatti haleellaawwan garagaraa raawwachaa turaniiru jedha ibsi waajirri Ministira Muummee fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti baase.

''Kanaanis lubbuun lammiilee hedduu darbeera, qaamni hir'ateera, qabeenyis barbadaa'eera, qe'eerraas buqqa'aniiru.

Haleellaawwan kunniin hawaasni sodaafi yaaddoo walirraa hincinne jalatti akka jiraatu gochuurra darbee, mootummaarras amantaan akka hinjiraanne akkasumas lammilee gidduuttis walamantaan akka dhabamu godheera.''

Ibsichi dabaluun ''kun hundi jiraachuu biyyaa balaarra buusuuf karoorfamanii raawwatamaa kan turan tahuuf ragaalee akka akkaarraa salphumatti hubachuun ni danda'ama,'' jedheera.

Haleellaawwan iddoowwan garagaraatti raawwatan qaamolee garagaraan raawwatamanis ''karoora, maallaqa, yaadaafi leenjiin deeggaruu, akkasumas gabaasa miidiyaafi deeggarsa kennuun adda durummaan gareeleen qooda fudhachaa turan jiru,'' jedha ibsi kun.

''Itoophiyaa hokkoratti naquuf, dadhabsiisuufi diiguuf'' kanneen kaayyoo qaban kan jedheen ''humnootni alaa'' gareelee kanneenitti fayyadamaa jiru jedheera.

''Gochaaleen badii dhaabbileen kunniin raawwachaafi raawwachiisaa turan, gochaalee shororkaati. Kunis labsii yakkoota shororkaa ittisuufi to'achuuf bahe 1176/2012 keewwata 3 jalatti hiikaa shororkeessummaa taa'e hunda kan guutan tahuun hubachuun ni danda'ama.''

Labsii yakkoota shororkaa ittisuufi to'achuuf bahe 1176/2012 keewwatoota 18 fi 19 eeruun ''Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) fi 'Shanee' yakka shororkaa kaayyoosaanii godhachuun waan socho'aniif, akkasumas aangawoonni dhaabbilee kanneenii yakka kana itti amanuun kan fudhataniifi kan gaggeessaa jiran tahuu... dhaabbileen kun shororkeessummaan akka farrajamaniif yaadni murtee dhiyaateera,'' jedha ibsichi.

Bu'uuruma labsii yakkoota shororkaa ittisuufi to'achuuf bahe 1176/2012 keewwata 23'n ''dhaabbileefi namoonni dhuunfaa gareewwan shororkeessummaa jalatti galan wajjin kanneen tumsan, hidhata qaban akkasumas kanneen kaayyooniifi gochaan hidhata qaban irrattis, yaadni murtoo kun kan raawwatu ta'a,'' jedha ibsichi xumurarratti.

walgahii mana maree ministirootaa

Madda suuraa, Office of the PM

2px presentational grey line

Naannoo Oromiyaa Godinaalee garagaraa keessatti sochiin qaama hidhate kan ABO irraa cabuun bosonatti hafe 'WBO' waggoota darban lamaan kanatti dabaluun kan himamu yoo tahu, mootummaan tarkaanfii fudhachaa jiruun hedduu isaanii 'barbadeesseera' jedha.

Keessattuu godinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa keessatti oduun ajjeechaa namoota nagaa irratti rawwatamu irra deddeebiin dhagahama.

Mootummaan ajjeechaalee kanneeniif 'Waraana Bilisummaa Oromoo' kan 'ABO-Shanee' jedhee waamu gaafatama taasisa.

Ajajoonni waraanaa 'Waraana Bilisummaa Oromoo' ibsa yeroo gara garaa miidiyaaleef kennaniin ajjeechaa namoota nagaa keessaa harka qabaachuu ni waakkatu.