Magaalaa Naqamteetti boombii hoteelarratti darbatameen namni tokko yoo ajjeefamu, 10 miidhaman

MagaalaA Naqamtee

Madda suuraa, Nekemte Communication

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen to'ataman keessaa qondaaltonni ODP keessa jiru

Magaalaa Naqamteetti Sanbata darbe boombii hoteela Sookam jedhamurratti darbatameen namoonni sagal yoo madaa'an, namni tokko ammoo ajjeefamuu qondaalli poolisii BBCtti himan.

Taateen kun Sanbata darbe galgalaa keessaa naannoo sa'a lamaatti raawwate. Boombii darbatameen namoota sagal miidhaman keessaa afur humna nageenyaa yoo tahan, namoonni jaha miidhaan qaamaa irra gahe biroo ammoo siiviliidha.

Hogganaa Humna Poolisii Addaa Oromiyaa Reejimantii Naqamtee Komaandar Girmaa Abdiisaa akka jedhanitti, yeroo boombichi darbatame humnootni nageenyaafi jiraattotni kaanis waluma keessa hoteelicha fayyadamaa turan.

Loltootni miidhaan qaamaa irra gahe uffata siivilii uffatanii akka jiraniifi karaa deemaa osoo jiranii gara hoteelichaatti goruun fayyadamaa akka turan himaniiru.

Balaa boombii darbatameen lubbuun dubartii tokkoo darbuus himaniiru.

Miidiyaa hawwaasaa irratti ajajaan poolisii tokko magaalichatti ajjeefame jedhamuun dubbii ijoo tahee ture. Dhimma kana Komaander Girmaan ''oduu sobaati'' jechuun qondaalli mootummaa ajjeefame tokkoyyuu hin jiru jedhan.

Dabalataan oppireeshinii qama hidhate, WBO, irratti gaggeeffamaa jiruuf humni waraanaa baay'inaan gara godinaalee Wallaggaatti akka bobbafameeru miidiyaa hawwaasaa irratti akkasuma dubbii ijoo tahee ture.

Miseensonni poolisii humna addaa madaa'an isaan kana keessaa tahu addatti beekamuu baatus Komaander Girmaan ''hojiif karaa adeemaa'' jiru ture jedhan.

Komaander Girmaan haaleellaa kana qaama hidhatee bosona keessa socho'u ''ABO Shanee'' kan ittiin jedhan akka raawwate himan.

''Erga jijjiiramaan as Oromoon diina biraa hin qabnu. Kana kan raawwatu 'ABO Shanee' akka tahe jala mureen sitti hima. Maqaa 'Abbaa Torbee' jedhuun kana duras rasaasaan tokko tokkoon kan nama ajjeesaa turanis isaanidha,'' jedhan.

Humni 'Abbaa Torbee' jedhamu kun magaalaa Naqamteetti hanga ammaatti namoota 50 ol ajjeesuusuu himaniiru.

Tarkaanfiin erga isaan irratti fudhatamee nageenyi bu'ee ture kan jedhan Komaander Girmaa Abdiisaa, amma humna nageenyaas uummatas dagachiisanii haleellaa kana raawwatan jedhan.

Humni hidhatee socho'uufi ABO irraa cabuun bosonatti hafe 'WBO'n humna 'Abbaa Torbee' jedhamu kana caasaakoo miti jechuun waakkataa ture.

Namoota shakkamuun to'atamaniifi nageenya magaalichaa

Halkanuma haleellichi raawwatee jalqabuun namootni shakkaman hedduun to'annoo jala ooluu Komaander Girmaa Abdiisaa himaniiru.

''Kaan qabamanii qoratamanii gadhiifamaa jiru. Kaan ammoo shakkiidhaan ammayyuu to'atamaa jiru. Kan barbaadamaa jiranis jiru waan taheef lakkoofsa namoota to'annoo jala oolanii kana jechuu hin danda'u,'' jedhan.

Jiraattota magaalittii tokko tokko irraa BBCn akka iyyaafatetti, magaalichi amma tasgabbii qabaatus akkuma haleellichi dhagahameen humnootni nageenyaa namoota karaarratti argaman reebuun miidhaa geessisaa turan. Namoota baay'ees hidhaa jiru jedhan.

Komaander Girmaan kan uummata dararu isa boombii uummata nagaatti darbatudha malee qaamni nageenyaa gocha akkasii hin raawwanne jedhan.

Magaalaa Naqamtee keessatti keessumaa qondaalonni mootummaa humna 'Abbaa Torbee' jedhamuun daandii irrattis naannoo mana jireenyaa isaaniittis ajjeefamaa turan.

Waliigalaan lakkoofsi namoota humna 'Abbaa Torbee'' jedhamu kanaan ajjeefamanii 50 akka gahu Komaander Girmaan himaniiru.

Ji'a Onkoloolessaa bara 2020 keessa ammoo humni nageenyaa mootummaa magaalichatti dargaggoota ''miseensa Abbaa Torbeeti'' jedhe shan bakka tokkotti ajjeesee ture.

Maatiin namoota ajjeefamanii gariin himata kana kan hin fudhanne yoo tahan, gama biraan garuu magaalichatti ergasiin as ajjeechaan maqaa 'Abbaa Torbeen' raawwatu akka duraa sanatti dhagahamaa hin turre.

Godinaalee Wallaggaa arfan keessatti sochiin qaama hidhate kan ABO irraa cabuun bosonatti hafe 'WBO' waggoota darban lamaan kanatti dabaluun kan himamu yoo tahu, mootummaan tarkaanfii fudhachaa jiruun hedduu isaanii 'barbadeesseera' jedha.

Aanaalee godinoota kanneenii garaagaraa keessa garuu ammyyuu rakkoon nageenyaa akka jiru ni himama.