Ajjeechaa Naqamtetti raawwatamerratti waan odeeffanne

Magaalaa Naqamtee
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Naqamtee

Namoota afur Jimaata kaleessaa magaalaa Naqamteetti tarkaanfii qaamni nageenyaa mootummaa fudhateen ajjeefamuu midiyaaleen biyya keessaa dabaleefi Biiroon Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaafi miidiyaaleen hawaasaa gabaasaniiru.

Mootummaan akka jedhetti, namoonni ajjeefaman kunneen 'miseensota Abbaa Torbee' haleellaa gaggeessuuf qophiirratti argamanidha jedheera.

Haata'u malee, midiyaalee hawaasaarratti baayyinni namoota ajjeefaman kunneen shan ta'usaaniitu himamaa jira.

BBCn kana qulqulleeffachuudhaaf waajira poolisiifi jiraattota magaalichaatti bilbileera.

Hogganaan Humna Addaa Poolisii Oromiyaa Reejimantii Naqamtee Komaandar Girmaa Abdiisaa shakkamtoota 'harka kennachuu didan' jedhanirratti guyyaa kaleessaa, tarkaanfiin fudhatamu himan.

''Mana nama dhuunfaa humnaan haa ta'u ykn kireeffatanii keessatti [haleellaa] osoo qindeessaa jiranii eeruu ummataarraa argannen naannoo kana marsinee tarkaanfiin akka fudhatamu ta'e,'' jechuun BBCtti himan.

"Dhibbaa dhibba shakkamtoota 'Abbaa Torbee' ummata magaalaa Naqamtee lafarraa daguuganidha. Ummatatu beeka," jedhan Qondaalli kun.

Torban darbee guyyaa Dilbataa miseensonni poolisii lama magaalaa Naqamteetti ajjeefamuu Komaandar Girmaan BBC'tti himaniiru.

"Torbanma borii [Dilbata] miseensota poolisii 'hoogantoota' ta'an lama magaalaa Naqamteetti nu jalaa ajjeesaniiru," jechuun ibsaniiru.

'Harka kennachuu didan'

Komaandar Girmaan itti dabaluun, garee Abbaa Torbee jedhamu kanaan 'gara namoota 37' waggoota muraasa darban qofa caasaa nageenyaa, qondaltota mootummaa, daldaltootaafi kaan keessaa ajjeefamaniiru jedhan.

Namoonni tarkaanfiin irratti fudhatame kunneenis haleellaa walfakkaatu raawwachuuf qophiirra osoo jiranuu guyyaa Jimaataa magaalattiitti ganda 05 bakka Qassoo jedhamutti irraa gahameeti jechuun ibsan.

"Guyyaa kaleessaa eeruu ummanni nuuf kenneen bakka jarri qabatamaadhaan ammallee rakkoo biraa uumuudhaaf qophaa'aa jiranitti bira gahame,'' jechuun himatu.

"Harka kennachuu didan …. Baay'ees dhukaasaa turan. Harkaas rasaasa, shugguxii, bombiifi waan adda addaa qabu turan," akkamiin tarkaanfiin akka fudhatame himu.

Haata'u malee, gama miseensota poolisiitiin kan miidhame akka hin jirre himan.

Kanneen ajjeefaman keessaa tokko, nama Raagu'el Hayiluu jedhamu yoo ta'u, kana durallee garee kanaan shakkamee hidhamee kan bahe ta'u ibseera poolisiin.

Gara fuulduraattis garee 'Abbaa Torbee' jedhamuun beekamuurratti tarkaanfiincimee itti fufa jedhan.

Jiraattonni maal jedhan?

Ajjeechaa namoota kanneenii ilaalchisee maatii dubbisuudhaaf yaaliin BBCn taasise hin milkoffneef. Haata'u malee, jiraattota magalaa Naqamtee lama kan dubbisne waa'ee isanii akkasiin himaniiru.

Kanneen ajjeefaman keessaa hiriyyaa akka qabuufi maqaan isaa akka hin eermane barbaadu tokko, kanneen ajjeefaman dargaggoota umriin isaanii waggaa 23 fi 24 keessatti argamudha jedheera.

''Ijoolleedhaa, baay'ee nama kabaju. Baratanii eebbifamanii warri hojii hin argannes jiru. Osoo jireenya hin argin karaatti hafan.''

Bakka ajjeechaan raawwatetti wantoota poolisiin to'adhe jedhe keessaa shugguxii, bombiifi kaan ni jiru

Madda suuraa, Oromia Communication

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka ajjeechaan raawwatetti wantoota poolisiin to'adhe jedhe keessaa shugguxii, bombiifi kaan ni jiru

Poolisiin garuu namoota ajjeefaman kunneen, ''Barattoota ta'uu isaanii hin beeknu," jechuun meeshaa waliin mana keessatti bira gahamuu ibsu.

Jiraatan magaalaa Naqamtee keessa waggotaa 20f jiraachuu himan kan biraa ammoo namoonni ajjeefaman kunneen kutaa keessatti ajjeefaman sana torban dura gaafa Dilbataa kireeffachuu himu.

Akka jiraataan kun jedhanitti manicha qarshii 1,000n kan kireeffatan.

''Ijoollitti qaamaanis nan beeka; namoota kkasiis miti," jechuun akka beekan himu.

Poolisiin tarkaanfii fudhachuuf yeroo bakkicha dhaqeettis namoonni naannoo sanaa manaa akka hin baane itti himamuu quba akka qabu dubbatan.

"Sa'aatii 5:30 irrati dhufan. Naannoo sana paatroolii shaniin buufatanii manicha marsanii ol seenan."

Erga ajjeechaan raawwatee booda dallicha seenuu kan dubbatan jiraataan kun, manaan alaa dallaa keessati reeffa arguu himu.

'Abbaan Torbee' eenyu?

Gareen 'Abbaa Torbee' jedhamu kun hidhattoota gama Lixa Oromiyaa keessa socho'u jedhaman waliin hidhata akka qaban aanga'oonni mootummaa yeroo gara garaa ni ibsu.

Qaamni hidhatee Lixa Oromiyaa keessa socho'a jedhamu kunis Waranaa Bilisummaa Oromoo (WBO) hidhannoo osoo hin hiikkatiin bosonatti hafe.

Gareen kun ajjeechaa yeroo garaa garaatti qondaaltota mootummaa, akkasumas namoota nagaafi invastaroota irratti raawwatamuun himatamu.

WBOn hidhatee bosonatti hafe ammoo qaamni 'Abbaan Torbee' jedhamu akka ajaja isaa jala hin jirre waakkatee ture.