Haleellaa ‘abbaan torbee' poolisoota magaalaa Naqamtee irratti raawwateen lubbuun darbe

Magaalaa Naqamtee
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Naqamtee

Guyyaa har'aa magaalaa Naqamtee keessa haleellaa poolisoota magaalatti irratti raawwateen lubbuun poolisii tokko yoo darbu kan lammataa miidhamee hospitaala seene.

Haleellaa akkasumas ajjeechaa kanaaf qaamni hidhattoota waliin hidhata qaba jedhamu akka shakkamu qondaalli magaalicharraa dubbisne himaniiru.

''Qaamni yeroo hundaa miidiyaa hawaasummaan nama doorsisaniifi tarkaanfii namarratti dhoksaan fudhatanitu jiru. Qaama kanaatin poolisoota rukutaniiru.

''Tokko hospitaala galeera. Tokko immoo boqoteera,'' jechuun Itti-gaafatamaan Waajjira Bulchinsaafi Nageenyaa magaalatti Obbo Misgaanuu Waggaarii BBC'tti himaniiru .

Ajjeechaan kuni ganama naannoo sa'aatii 5:20 - 5:30 gidduu 'rasaasa shugguxiidhaan' magaalaa Naqamtee ganda 05 jedhamutti raawwate jedhan.

Haleellaa raawwatee booda qaamni badii kanaan shakkame to'atamuu kan gaafanne qondaalli kuni ''qaamni poolisii barbaadaa jira. Qaamni to'atame hin jiru,'' jedhaniiru.

Ajjeechaan walfakkaataa guyyaa kudhan dura, torban Dilbata darbe, poolisii hawaasaa magaalaa Naqamtee tokko osoo kophee qulqulleessu raawwachuun isaa ni yaadatama.

Waa'ee poolisoota lamaan maal beekna?

Poolisoonni lamaan guyyaa har'aa haleellaan irratti raawwate Saajin Dabalaafi Saajiin Addunyaa akka jedhamaniifi bultii kan ijaarratan ta'u BBC'n odeeffateera.

''Saajin Dabalaa yaalamaa jira [Hospitaala Naqamtee]. Saajin Addunyaa boqoteera,'' jedhan Obbo Misgaanuun.

Ajjechaan akkanaa poolisoota kaan keessa miira akkamii uuma kan jenneen qondaalli kuni ''Akka qaama nageenyaatti, akka poolisiitti gaddi guddaa nutti dhagahama, '' jedhu.

Ta'us, ''Qaamni poolisiis hundumtuu miira xiiqiidhaan hojii keessa kan jiru,'' jechuun himu.

Gaheen poolisootaa Nageenya mirkaneessuufi yakka raawwatu to'atu ta'us isaan mataan isaanii irratti yakki raawwataa jira.

Waggoota muraasa darban godinoota Oromiyaa garaa garaa keessatti ajajoota dabalatee poolisoonni ajjeefamaniiru.

''Nama gajjallaa kanarra jiru gaadanii ajjeesuurra bu'aan argama jennee hin amannu, '' jechuun kan himan Obbo Misgaanuun qaamni kana raawwatu mootummaa waliin araara akka buusu dhaamu.

Abbaan torbee eenyu?

Ajjeechaa 'qaama ummata keessa dhokate raawwatu' jedhani kanaaf qondaalli kuni garee ajjeechaa raawwachuun yeroo hedduu himatamuufi 'Abbaa Torbee'' jedhamu himataniiru.

Gareen kuni ajjeechaa qondaaltota garaa garaa irratti raawwatuun qondaaltota nageenya mootummaa akkasumas ummataan himatama.

Gareen kuni maal akka ta'e tibbana kan gaafataman qondaalli nageenyaa Oromiyaa 'damee waraana hidhatee bosona jiruufi magaalaa keessa socho'udha' jechuun ibsaniiru.

Gareen kunis hidhattoota gama Lixa Oromiyaa socho'an ajaja jedhamee kan amanamuufi maqaa Marroo jedhamee beekamuun kan ajajamu ta'u Hogganaan Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaa Obbo Jibriil Mohaammad BBC'tti himaniiru.

Hidhattoonni, Kumsaa Dirribaa [Marroo] dabalatee, yeroo garaa garaatti wanta kana keessaa akka harka hin qabne garuu himu. Ta'us, gareen Abbaa torbeefi garee sonsaa jechuun of waamu ergaan fuula Fesbuukii irratti barreessuun hidhattoota waliin akka quba qaban agarsiisa.

Ajjeechaa hammaate

Torbanuma darbe gaafa Jimaataa hojjettoonni mootummaa 4 Aanaa Najjoo keessa yeroo ajjeefaman 3 immoo madaa'uun isaanii ni yaadatama.

Ajjeechaa kanaaf mootummaan hidhattoota duratti ABO jalatti sosso'an himateera.

Ji'oota jahan darbe, magaalaa Naqamtee keessatti, qondaaltota nageenyaa, poolisii, kan Yunivarsiitii Wallaggaa keessa dalaganiifi hogganaan Itiyoo Telekoom haala walfakkaatuun ajjeefamaniiru.

Haa ta'u malee, ajjeechaa raawwate kanaaf qaamni seeratti dhihaatee ifatti hin beekamu.

Godinoota Lixa Oromiyaa akkasumas Shawaa Lixaafi Kaabaattis ajjeechaan qondaaltota mootummaa irratti raawwachuun ni beekama.

Oduulee walitti dhihaatan: