Rakkoo nageenyaa Wallagga Lixaa: Dargaggoon fuudhaaf qophaa'aa ture waraana mootummaan ajjeefame jedhu maatiin

Dargaggoo Lalisaa Tafarii

Madda suuraa, Maatii Lalisaa

''Mucaakoof bakka hidhamee jirutti buddeena gaafan fuudhee deemu achiin dhabe... Ilma koo osoon barbaaduu ajjeefamee sharaan maramee bakkee keessattin arge,'' jechuun haati ilmisaanii jalaa ajjeefame BBCtti himaniiru.

Dargaggoo Lalisaa Tafarii jiraataa Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii ture. Torban lamaan darbe humna waraana mootummaa naannicha jiruun erga qabamee booda ajjeefamee akka argame maatiin BBCtti himan.

Sanbata guddaa gaafa 02 bara 2012 A.L.Itti lafa gabaatti miseensota waraanaan qabame kan jedhan miseensotni maatii dubbisne, guyyaa lama booda gaafa Caamsaa 4 bara 2012 ajjeefamee bakkeerratti akka argame himu.

Lalisaan gaa'ila dhaabbachuuf qophiirra akka tureefi kanumaaf kaadhimaa isaa argachuuf manaa akka bahe himu maatiin BBC'n dubbise.

Ibsa waa'ee viidiyoo, ''Ilma keenya fuudhaaf qophaa'aa turetu nu duraa ajjeefame''

Haala ajjeechaa isaa....

Harmeen Lalisaa Aadde Caaltuu Hundeessaa akka jedhanitti Lalisaan obboleettii isaa magaalaa Finfinnee jiraattu bira turee erga gara maatii isaatti deebi'ee ji'a lama hin caalu.

Bara dhufu kana fuudhuuf jecha kaadhimaa isaa waliin mari'atanii guyyaa bultoo dhaabbatan beellamachuuf magaalaa Ganjii lafa gabaa deemee akka ture himu.

''Guyyaan isaa Sambata guddaadha. Otoo ishee fudhuuf jedhu waliin haasa'uu lafa gabaatti qabatan. Erga inni qabamee bakka inni itti hidhame jedhametti buddeena geesseefiin mucaa koo achii dhabe.

Eenyuun barbaadda naan jedhan? Lalisaa Tafarii yoon jedhuun inni asii baheera naan jedhan.

"Mucaan koo eessaan gale as jira, silaa osoo baheera tahee karaatti natti dhufa ture jennaan, maalittan siif beekaree jedhee.... jecha gadheen na ifate, miseensi waraanaa tokko,'' jedhu harmeen kun.

'Mucaakoo bakkeetti du'aasaattan bahe'

Kana booda namootni barii harka walitti hidhanii gara Gudayaa [ganda naannichuma jiru] kanatti dabarsaniiru mee barbaadaa jedhaman.

''Kanumaan buddeenan isaaf jedhee fuudhee bahe ganda kaa'een osoon barbaaduu mucaan koo du'ee sharaadhaan kafanamee bakkee ciisa.

Mucaakoo bakkeetti du'aasaattan bahe,'' jedhu harmeen Lalisaa Tafarii yaada BBC'f kennaniin.

Dargaggoon maqaan isaa akka dhahamu hin feenee fi maatii keessaa tokko tahe Lalisaan sanbata guddaa qabamee guyyaa lama booda gaafa Caamsaa 4/2012 A.L.Itti ajjeefamuu BBCtti hime.

Gaafa qabames gara kaampii waraanni keessa buufatee jiru kaampii Chaayinaa jedhamee beekamuutti akka geessan hime. Achitti bishaan guursisaa akka turanis himeera. Lalisaan fuudhaaf qophii akka jalqabeeruuf guyyaa qabames kaadhima isaa waliin akka tures hime namni BBC'n dubbise kun.

Lalisaan hojii qonnaan akkoo isaa dabalatee harmee isaas hojjetee akka isaan deeggaraa ture himu harmeen isaa.

Maatiin dubbisne ajjeefamuu isaa kana waajjira poolisiitti akka hin beeksifneefi qaama isaarra rasaasaan dhahamee ajjeefamuu himan.

Kanaan dura takkaa hidhamees hin beeku kan jedhan harmeen isaa, yakkaanis barbaadamee hin beeku jedhu.

Torbanoota muraasa dabraniif, keessattuu guyyoota dabran keessa haalli nageenyaa Wallagga Lixaa keessa jiru daran hammaachaa dhufuu, jiraattonii BBCf barreessan garagaraa ni dubbatu.

Keessattuu jiraattonni BBC qunnaman Aanaalee Ganjiifi Laaloo Assaabiitti wanta tahaa jira jedhan, suuraa waliin nuuf erganii jiru.

Suuraalee BBCf ergaman keessaa, manneen gubataniifi kaanis ni argamu - BBCn kana mirkaneessuu hin dandeenye.

Awwaalcha Lalisaa Tafarii kan Ganjiitti ajjeefame
Ibsa waa'ee suuraa, Awwaalcha Lalisaa Tafarii

Deebii qaama mootummaa...

Bulchaan Godina Wallagga Lixaa dhimma kana irratti gaafataman Obbo Eeliyaas Ummataa ''dhimmi kun oolees bubuleera. Miidiyaaleefis ibsa kennaa turre.

Amma gamaggama hojii misoomaa, qonnaa, carraa hojii uumuu ilaallatan irran jira, isa kana irratti osoo na gaafatte wayya,'' jechuun dhimma kanaaf deebii kennan akka hin qabnee fi waltajjiirra akka jiran himuun bilbila cufan.

Haata'u malee, mootummaan naannicha keessatti hojii ol-aantummaa seeraa kabachiisuu hojjechaa jira jechuun Obbo Eliyaas Doyiche-Veeleetti himaniiru.

Humnoonni nageenyaa mootummaa seera eegsisuurraan kan hafe rakkoon jiraatotarraan gahan hin jiru jedhan Obbo Eliyaas. Sababa walitti bu'insa humnoota mootummaatiifi hidhattoota gidduu tureen kanneen miidhaan irra gahe yoo jiraates qulqulleeffannoo ibsina jechuun Doyiche-Veeleetti himaniiru Obbo Eliyaas.

Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Naannoo Oromiyaa kan turan Koloneel Abbabaa Garasuu, amma dura ifatti aangoo kanarraa kahuun isaanii wanti ibsame hin turre.

Akkuma yeroo kaan goonu deebii gamasaanii jiru barbaacha wayita bilbilleefitti, hoggansa nageenya Oromiyaa turan irraa ka'uu BBCtti himaniiru.

Godinaalee Wallaggaa keessa rakkoo nageenyaa furuuf jecha oppireeshinii gaggeessaa akka ture mootummaan yeroo garaagaraatti himaa tureera.

Qondaaltonni mootummaa naannoo Oromiyaa dhiyeenya kana hidhattoota naannicha keessa socho'an qulqulleessineerra jedhanii himanis, ammayyuu rakkoon nageenyaa akka jiru ammoo jiraattotni ni himu.

Torban darbe kanas Obbo Mahaammad Amiin hojjetaa Waajjira Waldaa Hojii Gamtaa godina Harargee Bahaa kan tahan hojiif manaa bahanii ajjeefamanii akka argaman maatiin BBCtti himuun isaanii ni yaadatama.

Gama biraan, Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabiitti Kibxata darberraa kaasee tarkaanfii humnoonni nageenyaa mootummaa fudhataniin bakkawwan aanicha keessa jiran akka Waanjoo, Kelaayiifi Jaarsoo Daamotaatti lubbuun namoota shanii darbuu jiraattonni dubbachuu Doyiche-Veeleen gabaaseera.

Dhaabbileen daldalaa dabalatee manneen jireenyaa afur gubachuu isaas namoonni qe'ee sana jiraatan ni dubbatu.

Jiraataan maqaan isaa akka hin dha'amne barbaadu tokko Doyiche-Veeleetti akka himetti ummanni nagana bahee galuun isa haala baayyee yaaddessaa ta'e keessa jira jedha.

Namoota manni jalaa gubate keessaa tokko kan ta'an Obbo Dassaaleny ogeessa fayyaa yoo ta'u, kilinika isaatu jalaa gubate.

Obbo Kaffaaloofi Obbo Kidaanuu kanneen jedhaman ammoo hojii daldalaatti namoota bobba'an yoo ta'an, bunni isaanii osoo hin hafiin manneen isaanii jalaa gubataniiru.

Namoota du'an keessaas Obbo Abbayaa Qalbeessa ogeessa fayyaa horii kan ta'an, Obbo Caalaa Gammachiis, barataa Margaa jiraataa magaalaa Waanjoo, Qannoo Efireem barataa Yunvarsiitii waggaa sadaffaa, akkasumas dubartiin Laaloo Assaabiitti ajjeefamte tokko keessatti argamu akka Doyiche-Veeleen gabaasetti.