Wallagga Lixaa aanaa Najjootti ijoolleen shan osoo warqee baasanii biyyoon irratti jiguun bakka tokkotti du'an

Namoota warqee baasan

Madda suuraa, EyesWideOpen

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota warqee baasan

Tibbana Wallagga Lixaa aanaa Najjootti ijoolleen umuriin isaanii waggaa 12 hanga 18 gidduu tahan shan osoo warqee baasanii biyyoon irratti jiguun achumatti lubbuun isaanii darbuu waajjirri komunikeeshinii aanichaa hime.

Balaan kun kan mudate Wallagga Lixaa aanaa Najjoo ganda Leemmuu Nasii jedhamutti tahuu waajjirichi BBCtti himeera.

Taateen kun torban lamaan dura kan raawwate yoo tahu ijoolleen lubbuu dhaban kunneen karaa aaadaa warqee baasuu deemaniiti achumatti kan du'an.

Ogeessi kominikeeshinii aanichaa Obbo Toleeraa Suukii ijoollee biyyeen irratti jigee du'an shan keessaa sadii dubartoota tahuu dubbatu.

Isaan keessaas kan waggaa 12 ,13 fi 14 akka jiran himuun, hundi isaaniiyyuu bifuma duraan barameen warqee shooxuu ykn baasuu deeman malee beekamtii mootummaan eeyyama itti baasnaii miti jedhe.

Battala balaan kun dhaqabutti namootni naannicha turan birmatanis lubbuun oolchuu akka hin dandeenyeefi biyyoo irratti jige jalaa qotanii baasuun hospitaala akka galchan hima Toleeraan.

Haatahu malee, hundi isaanii boolluma tokko keessatti yerosuma waan du'aniif gargaraasi godhameef hin jiru jedhe.

Maatiin ijoollee du'anii gadda guddaa keessa jiru kan jedhu Toleeraan maatiif ijoolleen du'an hayyama malee warqee baasaa waan turaniif inshuraansiin maatiif kaffalamullee akka hin jirre hime.

Namootni karaa seeraan hayyama fudhatanii warqee baasan yoo tasa balaan isaan mudate inshuraansii qabu.

Aanichatti waldaaleen torba tahan gurmaa'uun mootummaa irraa hayyama fudhatanii warqee baasaa jiru kan jedhu Toleeraan, irra caalaan namootaa akkaataadhuma dur barameen ofumaan deemanii akka qotanii barbaadan hima.

Kun ammoo dhiibbaa guddaa lubbuu namootaa irra geesisaa jira jedha Toleeraan. Balaa wal fakkaataan akkasii aanichatti irra dedeebiin mudachaa turuus ibseera.

Lafti warqee barbaachaa bakka hedduutti qotamus, kunuunsa isaa irrattis rakkoo fideera jedha.

Kanaaf mootummaan namni hundinuu karaa seera qabeessaan gurmaa'ee hayyama itti fudhachuun akka warqee baasaniif sochii gochaa turuu hima.

Lixa Oromiyaa keessaa aanaan Najjoo albuuda warqeen kan beekamtu yoo tahu, namoota baay'eefis madda galiiti jedhama.

Irra caalaan uummata aanichaa mala aadaan warqee baasuun gurguranii akka madda galiitti itti fayyadamu.

Bara darbe ji'a Bitootessaa keessa lammiilee biyya alaa lamaafi lammiileen Itoophiyaa sadii hayyama albuuda baasuu qaban hojiif osoo imalanii aanaa Najjootti ajjeefamuun isaanii ni yaadatama.