Lammiilee biyyaa alaa dabalatee namoonni shan Aanaa Najjootti ajjeefaman

Magaalaa Najjoo

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Najjoo Ganda Humna Waaqayyoo jedhamuutti guyyaa har'aa ganama keessaa sa'aatii tokkoofi walakkaa (1:30) irratti humnoonni meeshaa waraanaa hidhatanii socho'an namoota shan ajjeesuun dhagahame.

Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fuula Feesbuukii isaa irratti akka maxxanseen, ''Namoota ajjeefaman keessaa 3 lammiilee Itoophiyaa yoo ta'an, lamaan ammoo lammiilee biyya alaa ta'uunisaanii barameera jedhameera.

Komunikeeshinii Magaalaa Najjoo irraa akka BBC Afaan Oromoo iyyaafatettis namoonni ajjeefaman kunneen hayyama albuuda baasuu kan qabanidha.

Nageenyi gara Lixa Wallagaa waan hin jirreefis naannoon sun Komaandi Postiitiin bulaa akka jirtu beekamaadha.

Namoota lubbuu dhaban keessaa tokko nama maqaan isaa 'Alex' jedhamu keessa jiraachuu Jawaar Mohaammad Facebook isaa gubbaa maxxanseera.

Maxxansa Facebook irra dabri

Qabiyyeen kun hin argamne

irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.

Xumura maxxansa Facebook

Dhimma kana irratti odeeffannoo bal'inaan hordofnee isin biraan geenya.