Itti gaafatamaan Poolisii Godinaa Qeellam Wallaggaa rasaasaan rukutaman

Itti-gaafatamaan Poolisii Godina Qeellam Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo kessattii qaama hin beekamneen rasaasaan rukutamuu angawoonni himan.
''Naannoo sa'aa jahaaf walakkaatti naannoodhuma waajira godinaatti qaama hin beekamneen rukutaman'' jedhu itti gaafatamaan waajjira Bulchinsaafi Nageenyaa Godina Qeellam Wallaggaa Obbo Tsaggaayee Waaqjiraa.
"Wal'aansa fayyaaf wayita geessuuf yaalamuttis walitti dhukaasuun ture" jedhu.
"Qaamni haleellaa kana raawwate eenyu akka ta'eefi maaliif akka raawwatame hin barre, qaama itti gaafatamummaa fudhatu argachuu hin dandeenyes" jedhan.
Gama biraan magaalaa Dambi doolloo keessatti guyyaa kaleesaa raayyaan ittisa biyyaa hiriira dhorkuuf jecha ummatarraan miidhaa ga'eera jedhu jiraattonni dubbisne.
''Raayyaan ittisa biyyaa nama lama ajjeesanii darban. Namni karaarra socho'uu hin dandeenye kan argames hinuma reebama'' jedhu jiraatan magaalitti.
Jiraataan magaalittii kan biroon ''ganda hunda keessatti dhukaasatu dhaagahama'' jechuun kaleessa waaree booda wayita bilbilaan dubbisnu nutti himan.
Obbo Tsaggaayeen garuu "namoonni lama Hawwaa Galaanitti ajjeefaman oduu jedhu gurraa qabna malee odeeffannoo gahaa hin qabnu" jedhaniiru.
Har'a magaalittii keessa namni sosocho'aa kan jiru ta'uus manneen daldalaa fi geejibni akka hin jirree dargaggoon maagaalitti dubbisne himeera.
Yuuniversiitii Wallaggaa keessatti hiriira Kibaxata bahamuuf ture dhorkuuf dhukaasa banameen barattoota miidhamanii hospitaala Riferaalaa Yuuniversitichaa galan 10 ol keessaa tokko lubbuun darbuu Meedikaal Daayirektarri hospitaalichaa Dr. Asaffaa Nagarii BBCtti himaniiru.
Barattootaa miidhaman keessaa barataan miidhaan isaa hamaa tureefii dhiigni hedduun dhangala'e hospitaala erga gahee booda lubbuu isaa olchuun akka hin dand'amne Dr. Asaffaan himaniiru.
Barataan Dachaasaa Furgaasaa jedhamu kaleessa sa'aa booda naannoo sa'aatii sadeetti lubbuun isaa darbuu BBC'tti himaniiru.
''Barataan tokko dugdaa fi garaa keessa rukutame rasaasni keessaa bahee wal'aansi baqaqsanii yaaluu godhamefii amma haala gaariirra jiras'' jedhan
Barattootni kanneen hafan wal'aanamanii gara mooraa barnootaatti deebi'uus himan.















