Waayee du'a obbo Mahaammad Amiin waan odeeffanne

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa
"Obbo Mahaammad Amiin humnoota mootummaatin karaarraa erga qabamanii booda reebamanii ajjeefaman" kan jedhu miidiyaa hawwaasummaa irratti haasa'amaa jira.
Qaamni Obbo Mahaammad Amiin iddoo garaagaraatti cicciramee kaan isaa waraabessaan nyaatamee naannoo magaala Baabbileetti akka argame ammo maatin isaanii himaniiru.
Obbo Mahaammad torbee darbe guyyaa Kamisa gaafa 06 bara 2012 mana isaanii magaala Hararitti argamurraa hojiif akka bahanitti manatti hin deebine. Qaamni haala du'aa isaani irratti oddeeffannoo kennes hin jiru.
Obbo Mahaammad haala suukkanneessaa ta'en akka ajjeefaman dhagahuu isaanii kan himan eessumni isaanii Obbo Sharif Mahaammad, bu'aa qorannoo taasifame ilaalchisee "Hospitaalli Hiwot Faanaa waan kana jedhanii nutti hin himne" jedhu.
Hospitaalli reeffa isaanii qorateera jedhame Hospitaalli Hiwot Faanaa magaala Hararitti argamu BBC dhaafis yaada kennuurraa of qusateera.
Qajeelchi poolisii godina Harargee Bahaas "dhimmichi qorannoorra jira" jechuun alatti odeeffannoo biraa nuf kennuu hin dandeenye.
Jecha maatii…
Obbo Mahaammad Amiin hojjetaa Waajjira Waldaa Hojii Gamtaa godina Harargee Bahaa yemmuu ta'an gita hojii abbaa adeemsaa irratti hojjetaa akka turan maatin isaanii irraa odeeffanne.
Kana malees Obbo Mahaammad abbaa ijoollee lamaa akka ta'an fi torbee darbe Kamisaa Caamsaa 06 bara 2012 ganama hojiidhaaf manaa akka bahanitti gara manaatti akka hin deebine obboleessi isaanii Obbo Nuuraa Umar himu.
"Guyyaa Kamisaa hanga sa'aa 3:30ti waajjira turan kan jedhu waahillan isaan walin hojjetan irraa dhageenye" jedhan.
Bilbilli Obbo Mahaammadis hanga sa'aa shaniitti hojjechaa akka ture fi isa booda cufamuu isaa himan.
Maatin isaanii Waajjira poolisii, Hospitaala akkasumas buufata namootni sababa dhibee Covid-19'n adda bahanii itti tursiifaman deemanii gaafatanis odeeffannoo argachuu akka hin dandeenye dubbatan.
Booda guyyaa Wiixataa Caamsaa 10 bara 2012 Qajeelchi Poolisii Godina Harargee Bahaa "naannoo Baabileetti nama bineensi isa nyaachaa ture agarree asitti awwaalle" jedhanii iddoo reeffi itti argame naannoo Baabbilee fi magaala Hararitti immoo iddoo awwaalcha isaanii itti agarsiisuu isaanii obboleessi obbo Mahaammad, Obbo Nuuraa Umar BBCti himan.
Awwaalchi Obbo Mahaammad gama Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaatin raawwatamuusaa kan himan maatin, Obbo Mahaammad Amiin, poolisootni reefa maatiitti osoo hin agarsiisin ofiif akka awwaalamu gochuu himu.
Boodas dhimmichi akka nuf qoratamuf Poolisii Naannoo Harariitti iiyyanne jedhu.
"Poolisiin naannoo Oromiyaa wayita reeffa fuudhu maatii osoo itti hin iyyaafatin Hospitaala Hiwoot Faanaa geessee qorachiisera jechuun guyyuma sana awwaalun isaa dubbiidha jennee Poolisii Magaala Harariitti iyyanne" jedhu Obbo Nuuraa Umar.
Qajeelchi Poolisii Godina Harargee Bahaa sababa du'a Obbo Mahaammad ilaalchisee odeeffannoo hoomaayyu akka hin kenninef maatin himu.
Maatin maal shakku?
Duuti Obbo Mahaammad ta'e jedhamee namaan kan raawwatame akka ta'e shakkii qaban maatin dubbatu.
"Kanaan dura ati ABOdha jedhanii guyyaa heddu ukkaamsanii turan" kan jedhan Obbo Nuuraa, bara 2009 sababuma kanaan hidhamanii akka turan dubbatu.
Dabalataan gita hojii yeroo ammaa hojjechaa jiran irraa kan ka'e yeroo garaagaraatti namootaan doorsifamaa akka turanis himu.
"Waldaalee seeraan alaa qabeenya uummataa saamaa turan waan diigeef irratti dhaadatamaa ture" jechuun Obbo Nuuraa Umar BBCti himaniiru.
Naannoo Oromiyaatti tarkaanfii human guuttame fi qaamolee nageenyaan fudhatamu akkasumas hidhaa lammiilee ilaalchisuun komiiwwan dhiyaatan dabalaa jiru.














