Itoophiyaa: Gujiitti walitti bu'iinsa uumameen qaamoleen nageenyaa ajjeefaman

Poolisii Addaa Oromiyaa

Madda suuraa, Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa

Aanaalee Godina Gujii keessatti humna nageenyaa mootummaafi humnoota hidhatanii bosona jiran gidduutti walitti bu’iinsi itti fufee jiraachuu bulchiinsi godinichaa himeera.

Walitti bu’iinsa kanaanis lubbuun namaafi hawaasi naannoos gidirfamaa jiraachuu himan Bulchaa Itti-Aanaan Godinichaa Obbo Maallicha Diqqaa.

Humnoota mootummaarras miidhaan ga’aa jiraachuu kan dubbatan aanga’aan kun torbanoota lamaa as poolisoonni humna addaa Oromiyaa 12 ajjeefamaniiru jedhan.

‘’Godina keenya keessatti walitti bu’iinsi aanaalee hedduu keessatti raawwatamaa jira. Aanaalee akka Gumii El-Dalloo, Sabbaa Boruu, Liiban, Gooroo Doolaa, Shaakkisoo keessatti humnoonni nageenyaa mootummaafi kanneen hidhatanii bosona jiran walitti bu’aa jiru,’’ jedhan.

Akka Obbo Maallicha Diqqaa jedhanitti mootummaan nagaa hawaasaa eegsisuuf qaamolee nageenyaa ramadus qaamni hidhatee bosona keessa socho’u kan ABO shanee ofiin jedhu gammoojjii keessa deemee hawaasa gidirsaa jira jedhan.

‘’Mootummaan qaamolee nageenyaa kanneen akka raayyaa ittisa biyyaa, poolisii Oromiyaa hanga hidhataa gandaatti nageenya hawaasaa eegsisuurratti ramadee jira.

Haata’u malee, qaamni waraana Adda Bilisummaa Oromoo yookaan ammoo ABO shanee jedhamu sababii hin beekamneen callisee aanaalee gammoojjii kanneen keessatti hawaasa rakkoo garaagaraaf saaxilaa jira.’’

Rakkoon kun nu dadhabsiisaa jira kan jedhan qondaalli kun ,’’namni guyyuu du’a, caasaan mootummaa ajjeefamaa jira, maaliif akkanni ajjeefamu hin beeknu. Godinuma keenya aanaa Gumii El-Dalloo ganda Bulbulii jedhamtu tokko keessatti walitti bu’iinsi uumamee ijoolleen humna addaa Oromiyaa hedduun miidhamaniiru. Kanneen ajjeefaman haga nama 12 ni ga’an,’’ jedhan.

Miidhaan qaamaafi gaaga’amni lubbuu kan humnoota nageenyaa Oromiyaa kanneen irra ga’e dogoggoruma isaan uumaniin kan jedhan Aab Mallicha Diqqaa,’’qaawwaa humnoonni nageenyaa keenya uumanitti fayyadamanii humnoonni bosona jiran torbanuma lama dura tarkaanfii kana fudhatan,’’ jedhan.

Akka isaan jedhanitti torbanuma kana keessallee aanaalee akka Sabbaa Boruufaa keessa walitti bu’iinsi uumamee jira.

‘’Walitti bu’iinsi yoo uumamu gama lamaanirraayyuu namni ni du’a. Waraana bosona jiru keessaa namni meeqa akka du’e baruun rakkisaadha. Seeratti dhiyeessuunis hin danda’amu. Kanaan, duras yeroo hedduuf abbootiin gadaa waraanni kun akka galuuf kadhatanii dadhaban. Kanaaf ammatti waliin mari’annee sadarkaa seeratti dhiyeessuu dandeenyurra hin jirru.’’

Hawaasni kallattii garaagaraan miidhamaa jira

Walitti bu’iinsa uumamu keessatti garmalee kan miidhamaa jiru hawaasa kan jedhan Aab Mallicha Diqqaa,’’uummanni nagaadhaan qonnasaa qotataa hin jiru, horii horsiifachuu hin dandeeye,iddoo garaagaraatti ni ukkaamsan, halkanfaa dhufanii mootummaa deggerte jedhanii doorsisu, kan lubbuun darbellee hedduudha.’’ Jedhan.

Walumaagalatti hawaasi jireenya ilma namaa jiraataa hin jiru jedhan Aab Mallicha Diqqaa, kanaaf falli isaa mootummaan tarkaanfii karaa humna nageenyaatiin fudhachuu eegale cimsee itti fufuudha jedhan.

Humna poolisii addaa Oromiyaa

Madda suuraa, OBN

‘’Karaa nagaan furuu hin dandeenye. Abbootii gadaas itti erginee araarri didameera. Kanaafuu mootummaan humna nageenyaa ramaduun kanneen nageenya booressan qulqulleessuu qaba.’’

Mootummaan Itoophiyaa erga erga Addi Bilisummaa Oromoo waraana hidhate bosonaa hin qabu jedhee karaa nagaan qabsaa’uuf waadaa galee as kanneen hidhatanii bosona jiran irratti tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa tureera.

Keessattuu Godinaalee Wallaggaa fi Gujii keessatti bulchiinsa komaandipostiitiitiin qaama hidhatee bosona keessa socho’u irratti duulaa tureera.

Hooggana Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dabalatee qondaaltonni nageenyaa naannoo Oromiyaa fi federaalaa akkasumas aanga’oonni paartii biyya bulchaa jiruu qaama bosona jiru , kan shanee jedhanii waaman, irra aanneerra jechuun dubbachaa turan.

Haata’u malee, maqaa shanee jedhuun namoonni hidhamaa jiraachuu paartilee siyaasaa mormitootaarraa tibbana irra deddeebiin dhagahamaa jira.