Aadaa uummata Sidaamaa: Manatti daangeeffamuun kabaja Ayyaana Fichee Cambalaalaa miira akkamii uume?

Ummata Sidaamaa uffata aadaa uffatanii

Madda suuraa, Sidama Media Network

"Namni miira guutuun ayyaanicha kabajaa hin jiru. Namni dhibee Covid-19n walqabatee miira biraa keessa jira" jedha jiraataan magaala Hawaasaa dargaggoo Taaraqany Che'oo.

Ayyaanni bara haaraa uummata Sidaamaa Fichee Cambalaalaa har'a fi boru kabajama.

Haa ta'u malee ayyaanni kun akka kana duraa Gudumaalee yookin iddoo uummatni heddun itti argamutti hin kabajamu.

Ayyaanichi bifa kanaan duraatin namni heddu walitti qabamee akka hin kabajameef jaarsoliin Sidaamaa lallaba erga dabarsanii bubbulaniiru.

Waggoota digdama ta'anif iddoo Gudumaalee jedhamu deemun ayyaana bara haaraa uummata Sidaamaa Fiche Camballaallaa kabajaa kan turan jiraataa magaala Hawaasaa fi ogeessi aadaa Obbo Birhaanuu Haankaraa "wanti barana uummame adda kan ta'e fi kan hin eeggamnedha," jedhan.

"Ayyaanni hoo'aafi uummattoota walitti fidu kun kabajnisaa mana keessatti qofa yeroo daangeffamu baay'ee nutti dhagahame. Wanta hin eegnetu ta'e," jechuunis himu.

"Haa ta'u malee lubbuu namootaa oolchuu fi ergaan mootummaan dabarses kabajamuu waan qabuf akkasumas dhaabbatni fayyaa addunyaa 'mana keessan turaa' waan jedheef haala kanaan kabajaa jirra.

Uummata fi biyyi keenya nagaa yaa ta'an malee bara dhuftu akka duraanii walin akka kabajnuf waaqni waan nuf mijeessuf gammachuudhaan dabarsaa jirra," jedhan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Meeshaan aadaa Sidaamaa Shaafeeta maali?

Sochii Magaalaa Hawaasaa…

Kabaja ayyaana Fichee Cambalaalaa keessatti magaalli Hawaasaa iddoo guddaa qabdi.

Waggaa waggaan jiraattotni magaalichaa fi naannoo ishee akkasumas keessummootni kutaalee biyyattii garaagaraa irraa walitti dhufan iddoo iddoo Gudumaalee jedhamutti ayyaanicha kabaju.

Haa ta'u malee bara kana sochiin magaala Hawaasaa keessa jiru qorraa akka ta'e jiraattotni himu.

"Kanaan dura baanariiwwan, uuffatni aadaa, sirbi fi wantootni biroon baay'inaan mul'atu turan. Sochiilen kuneen hir'ataniiru. Ta'us garuu haalli jiru bareedaadha" jedha dargaggoo Taaraqany Che'o.

Shamarran Sidaamaa

Koonsartiiwwan muuziqaa ayyaana Fichee Cambalaalaa sababeeffachun waggaa waggaan qophaa'anis bara kana hin jiru.

Gama biraatin jaarsolin filataman muraasni iddoo ayyaanni Fichee Cambalaalaa itti kabajamu Gudumaaleetti sirna kadhannaa gaggeessaa akka jiran dhageenyeerra.

Seenaa uummata Sidaamaa fi sadarkaa biyyaatti weerarri dhibee, beelli fi gogiinsi akkasumas wantootni to'annoo namaa ol ta'an yeroo uumaman uummatni ayyaanicha manatti akka kabaju taasifamaa akka ture jaarsoliin Sidaamaa himuun isaaniis ni yaadatama.

Waa'ee Ayyaana Fichee Cambalaalaa beekuu qabdan…

Uummatni Sidaamaa sochii addeessa fi urjiilee qorachuun ayyaana waggaa isaa kabajata.

Ficheen jala bultii ayyaana bara haaraa yemmuu ta'u Cambalaalaan immoo guyyaa jalqabaa bara haaraati.

Ayyaantuwwan namoota haala addeessaa, urjiilee fi hafuura tokkon tokkon guyyootaa qorachuun guyyaa bara haaraa uummata Sidaamaa murteessanidha.

Ayyaantuuwwan sochii tuutni urjiilee lakkoofsaan digdamii torba ta'an lixaa gara bahaatti fi gara addeessaatti taasisan qorachuun fi haala lafa irra jiru walin madaaluun kalaandara uummata Sidaamaa hojjetu.

Akka aadaa uummata Sidaamaatti namootni wal lolan ayyaana Fichee Cambalaalaa dura araaramu, namootni gaddarra turan uuffata gaddaa dhiisanii uuffata haaraa uuffatu, shamarreen baranoo taatee mana turtes ayyaana kana irratti dubartoota birootti makkamun yeroo misirruummaa ishee xummurti.

Ayyaana Fichee Cambalaalaaf horiin hin qalamu. Foonis hin nyaatamu. Horii dhaanunis dhorkaadha.