Wallagga Lixaa wal-waraansi adeemaa jiraa?
Godina Wallagga Lixaafi Qeellam Wallaggaa aanaalee Beegii Qondaalaafi Gidaamii keessa tibbana loltoota Raayyaa Ittisa Biyyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo bosonatti hafan gidduu itti fufiinsaan wal waraansi jiraachuun gabaafamaa jira.
Akka Dochee Veeleen gabaasetti humni Raayyaa Ittisa Biyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo bosonatti hafee jirutti marsee to'annaa jala oolchuuf yaaliin godhe hin milkoofne.
Wal waraansi sababa kanaan eegale guyyoota afurii oliif itti fufeera jedha gabaasichi.
Sababa kanaan jiraataan miseensa waraana hin taane tokko ajjeefamuullee jiraattota waabeffachuun gabaasee jira.
Waraana guyyoota afurii oliif humnoota lamaan gidduutti adeema jira jedhame kana BBC'n jiraattota naannoo sanii irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Jiraattonni bilbilaan dubbifne nageenya isaaniif sodaatanii odeeffannoo kennuuf hayyamamoo hin taane.
Haata'u malee yeroo adda addaa walitti bu'iinsi akka jiruufi yaaddoo nageenyaa guddaa keessa akka jiran jiraattonni Begiifi Gidaamii irraa amma dura dubbifne nutti himaniiru.
Bahanii hojjetanii galuun rakkisaa akka ta'eefi kanneen qabeenya qaban naannicha gadi dhiisanii bahaa jiraachuu nutti himaniiru.
"Nuti waan beeknu hin qabnu"
Wal-waransa gidduu kana adeema jira jedhame ilaalchisee kan dubbifne bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Eliyaas Ummataa "Taateen akkanaa hin jiru, nuti waan beeknu hin qabnu," jedhan.
"Humna hidhatee iddoo tokko tokkotti socho'aa jiru waliin olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojiin hojjetamaa jiru jira, kanaan ala waraana addaa odeeffamu, miidiyaan ittiin nu dhiphisu kana waan beeknu hin qabnu."
"Nus kan miidiyaalee hawaasaa irratti arginu nu ajaa'ibaa jira," jedhu.
"Paayileetota biyya alaatiin, helikooptrariidhaan, miigiidhaan maaliin waraanatu gaggeeffamaa jira, summiin osoo hin hafiin facaafama jira jedhamee wanti odeeffamu ummata jeequfidha" jedhan.
Ummanni misooma isaa akka hin hojjenne, nageenya mirkaneesuuf hojii hojjetaa jiru irraa booddeetti akka deebi'u gochuuf olola afarfamudha jedhu Obbo Eliyaas.
"Humna hidhatee iddoo tokko tokkotti dhiibbaa geesisaa jiru to'achuuf ykn dhorkuuf waan hojjetamaa jiru irraa kan hafe, waraanni lafoonis xiyyaaraan lolamaa jiru hin jiru," jedhu.
"Miidiyaaleen gaggeessitoota hidhattoota bosona jiranii warra odeeffannoo isaaniif kennan gammachiisuuf akka waraanni jiruutti waan dabarsan natti fakkaata," jedhu.
Caasaa nageenyaa aanaalee maqaan dhahame keessa jiran irraa guyyaa guyyaan gabaasa akka fudhatan kan himan Obbo Eliyaas amma dura waraanni jedhame akka hin jirre nutti himani.
"Wanti addaa yoo jiraate qorannee, adda baafne ibsa bal'aa isiniif kennina," nuun jedhan.
Haaluma wal fakkaatuun qondaalli mootummaa Godina Qeellam Wallaggaa irraa dubbifnes dhimma kanarratti odeeffannoo akka hin qabne nutti himan.















