Weellisaa Habtaamuu Lamuu: 'Sirni eebba albamii Oromoo alanaa abdii guddaa natti horeera'

Aartiin Oromoof daldala miti kan jedhu wallisaa Haabtamu Lamuu, rakkoo nageenyaa naannoo maatiisaatiin biyya galuu akka hin dandeenye BBC'tti himeera.
Erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti dhufanii as weellistoonni gameeyyii, namoonni siyaasaafi kanneen duraan mootummaa qeeqan biyyatti deebi'aniiru, deebi'aas jiru.
Haa ta'u malee, weellisaa Habtaamuun hiree kana dhabuu hima. Wayita ammaa biyya Kaanaadaa magaalaa Edimantan kan jiraatu Haabtaamuun, erga biyyaa bahe waggaa 17 nutti himeera.
Yeroo adda addaa biyya dhufee kan deebi'e yoo ta'u, amma garuu haala rakkina nageenyaa naannoo dhalootaasaa jiruun kan ka'ee biyya galuu akka hindandeenye dubbata.
Gama hojii artiin albama lamaafi qeenxee sadii dhaggeeffattoota biraan gaheera. Hojii aartii kana caalaas dhimmi Haabtamun maqaansaa itti ka'u tokko jira.
Dhimma kanaafi kan biroo ilaalchisuun turtii BBCn Haabtamuu waliin taasise kunooti:

Biyya Kaanaadaatti mana nyaataa akka qabdu dhageenye. Yoom eegalte?
Habtaamuu: Mana nyaataa Awaash jedhee moggaase ji'a muraasa dura magaalaa biraattin bane. Ergasii amma Edimantanittin bane. Erga banamee baatii shana ta'uuf deema.
Hojiin isaa bareedaadha. Hojii daldalaa tokko yoo eegaltu waggaa tokkoof waa irraa hin eegdu. Hanga namni barutti yeroo fudhachuu danda'a. Hala ammaa jiruun garuu baay'ee bareedaadha.
Kanas muxannoon artistoota Oromoo biraa irraa argadheenan gara daldala mana nyaataa kanati galee.
Fakeenyaaf, yoo jalqaba Torontoo dhufe artist Eleomoon mana nyaataa qaba ture. Qamaris yeroo as turetti qaba ture. Ali Birraanis qabu turan. Saaliyaanis akkasumas qabdi turte.
Artistoonno Kaanaadaa keessa kan waliin turre hundi isaanii restoraantii qabu turani. Anis isaan irraan muuxannoo kana fudhe malee waan haaraa miti.
Dhihoo magaalaa Edimantan keessatti warreen karaarra jiraataniif affeerraa nyaataa taasistee turte. Mee waa'ee isaa nutti himi?
Habtaamuu: Warra karaarra jiraatanif ji'atti guyyaa tokko nyaata kenninaaf. Tola jechuudha. Miidiyaatti reefu beekama malee gocha akkasii raawwachuun kiyyaaf kun kan jalqabaa miti.
Gargaaras warra biyya kanarraa fuunee biyyatti erguuf, dursa nutis waan dandeenyu tokko hojjechuuf dirqama qabna.
Ati waan gaarii tokko yoo hojjette, waan walfakkaataa iddoo biraatti hojjechuuf jettuuf jarri kun deebisanii si waliin akka dhaabataniif karaa siif bana.
Biyya jirtutti namoota hangamiitu daandirra jiraataa?
Habtaamuu: Biyyuma kamiyyuu keessa karaan jireenyaa biyya kanaa gaarittis yaraattis si geessu bal'aadha.
Kanaafuu biyya Kaanaadaa qofa osoo Ameerikaattis namoonni daandiirra jiraatan jiru.
Akkasumas waggaa muraasa dura wayita biyya galatee turteetti waan gaarii tokko hawaasa naannoo itti dhalatteef akka raawwatte dubbatama. Inni sun maal ture?
Habtaamuu: Waggaa jahaan dura yeroon biyya gale ijoollee harka qalleeyyii ykn kanneen maatii hin qabneef dabtaraafi qalama biteen gale. Mana barumsaa magaalaa Kobor wayitan dhaqeetti rakkoo isaan qaban natti himanii turan.
Kitaaba akka hin qabne waan natti himanii turanif biyya kanatti deebi'ee dhufee kitaaboota gara 50,000 walitti qabne. Faranjoonnis na gargaaranii bara 2015 fuudhee biyyatti galeen ture jechuudha.
Akkasumas wiilcharii (kan qaama miidhamtoonni itti dhimma bahan) gara 20 ta'u asirraa bitee ergeera.
Jalqaba akkamiin biyyaa baate?
Habtaamuu: Ani dura erga dhaabni biyyaa bahe eegale, qeerransoo Adda Bilisummaa Oromoo jajjabee keessan ture.
Maatidhuma koo waliin magaalaa Kobor ture. Yeroo hedduu mana hidhaa galee waanan bahuuf achirraa (magaalaa Kobor irraa) baqadhee Asoosaan ture.
Asoosaattis haalli walfakkaatu waan na mudateef Finfinnee dhaquun mana obboleessa abbaa koo jiraachaan ture.
Achittis yeroo lama sadi mana hidhaa galeen ture. Manni hidhaa yeroo dhumaa keesa ture, kan artistoota Oromoo wajjiin namoota 105 qabuun nu geessan mana hidhaa Adaamaatti.
Kana booda sababa ABO'tiin yoo qabamne mootummaan tarkaanfii akka nurratti fudhatu waan nu mallatteessisaniif kana booda yoon qabame du'uu kooti jedhee bara 1999tti qofaakoo karaa Mooyyaleen biyyaa baqadhe.
Yoon Keeniyaa seenu qabsoottan makama jedheen malee biyya alaan baha jedhee hin turre. Garuu Keeniyaa gaafan seenu haalli ni jijjiirame. Akkasittiin gara Kaanaadaa dhufe.
Sirba ykn wallee yoom eegalte?
Habtaamuu: Yeroon biyya ture artistoota Oromoo waliin walitti dhiheenya nan qaba ture. Garuu, guyyaa tokko sirbituu nan ta'a jedhee yaadee hin beeku. Kunis sababii sodaa hidhamuu keessan jiraachaa ture ta'eefu.
Haa ta'u malee Guyyaan Baqattoota Addunyaa Keeniyaatti kabajamerraatti gaafa tokkoon sirbeen ture.
Kaanaadaattis artistoota Oromoo kanneen akka Qamar, Elemoo, Ali Birraa fa'itti siqa ture.
Irra caalaa akkan gara sirbaatti dhufu kan na godhe Elemoodha. Kanaafu sirba Kaanaadaattiin jalqabe. Isaan boodas, bara 2009 gara Itoophiyaa dhaquun albama jalqabaa koo hojjedhe jechuudha.
Artistoonni tokko tokko sirbasaanii Yuutubiirraa gadhiisanii galii irraa argataa jiru jedhama. Ati kana yaaltee beektaaa?
Habtaamuu: Ani Yuutubiirraa wanti argadhu hin jiru. Ergasiis ani sirbas hin baafne. Ani sirba kiyya toluma namatti erginee maxxansaa jedhe.
Namoonni yeroo sana maxxansan maallaqa argachaa jiru. Amma yoonaatti garuu kan nuuf kenname hin jiru.
Sirbi qeenxee yeroo fincilaa sana Hirphaa Gaanfuree waliin sirbne. Innis kan 'Anis sanyii leencaati' jedhu yoo ta'u, waliin baafne. Sirbi kuni kana dura hawwisoo ABO keessa, boodas Daawwiteen sirbameera.
Ani guyyaa tokko artiin maallaqa argadhee hin beeku. Ergaadhuma isa ummata biraan gahuuf malee maallaqaaf jedhee hojjedhee hin beeku.
Sirbnoonni kilippiin biyya alaatti hojjennu ammoo qarshii hedduu fudhata.
Kanaafuu, sirbi Afaan Oromoo daldala ykn kan galiin itti argatan miti jechuudhaa?
Habtaamuu: Amma kana booddee yoo ta'e malee duraan eeyyeen miti. Duraan daldala hinturre. Quuqama lammii keessa jiru, ykn waan sitti dhagahame, waan ittiin hacuucamte ummata keetti himuudhaaf qofa ture kanan sirbe.
Fakkeenyaaf sirba koo keessaa falma bilisummaa kan jedhu yoo fudhatte seenaakoo wajjiin walfakkaata. Rakkinan keessa darbee ummatatti hima.

Madda suuraa, Habtamu lamu/FB
Kana hojii kiliippii ilaaluun, yoo biyyatti hojjennu salphaadha. Baay'ee nama hin baasiisu. Biyya alaatti garuu gara dolaarii 8,000 - 10,000 (qarshii kuma 230 - kuma 290) si gaafata kilippiitti.
Haalli amma biyya keessatti mullataa jiru, keessattuu sirni eebba albama Galaanaa Gaaromsaaf abdii guddaa na keessatti horeera.
Wantoonni akkasii kun mul'achuun, walleen artistoota Oromoo hedduu daawwatamuun, miidiyaa irratti walleen isaanii taphatamuun, Oromoon immoo deebi'e biyyattii keessa aangoo argachun mataan isaa abdii fida.
Kunimmoo aartii keenya ni guddisa, artistoota kanaan dura beela'aa turan beela keessaa baasa jedheen abdadha.
Sirboonni Afaan Oromoo ummattoota Itoophiyaa kaan biratti fudhatama argatan muraasa yaadni jedhu jira. Kuni maalirraa madda?
Habtaamuu: Artistoonni dararama ummata keessa jiru baafachuuf sirbu. Hundi keenya waa'ee tokkummaa Oromoo, akkasumas waa'ee hacuuccaa Oromoorra gahu sirbaa turre. Sirba jaalalaa artistiin Oromoo sirban mataansaa keessi isaa siyaasa.
Kanammoo namni mana shubbisaatti taphachiisu hinjiru. Lammaffaa artistoonni kaan deeggarsaafi ispoonsara waan argatanif sirba isaanii bakka istuudiyoo bareedaatti hojjetatu.
Karoorri kee yeroo dhihoo maal?
Habtaamuu: Ani ijoolummaa kaase ummata Oromoof waa gochuun yaada. Kanaafuu, asumatti 'took show', agarsiisa aadaa, sirbaan, shubbisaan fa'irra ummata Oromoo gargaaruun hojjedha.
Ani ofiin albaman hojjedha osoo hin taane, artistoota dandeettii addaa qabaniifi ol bahaa jiran gargaaruun barbaada.
Sirbuun al tokko tokko araaraadhaa waan ta'ef tarii yoon biyya dhaqe sirbuun danda'a ta'a. Kanarratti ammoo umuriin gaafa deemtu xiqqooshee sirbi kuni (kolfa) namatti ulfaata.
Biyyattis akka duraanii kana deddeebi'aa hinjiru. Ergan biyya dhaqee waggaa afuri guuteera. Gama siyaasaas jijjiiramni hamma tokko jira.
Jijiirama kana karaa kamin cinaa dhaabbanna kan jedhuuf, kanaan dura roorroodhuma sirbaa ture. Amma kana keessaa bahee gara biraa sirbuun immoo xiqqoo yeroo waan na jalaa fudhatu natti fakkaata.
Walliftoota sirba qabsoo sirbaniif amma sirba haaraa baasuun ni ulfaataa?
Haabtamuu: Eeyyeen ni ulfaata. Jaalannuus jibbinus mummichi ministeeraa amnma dhufe kuni Oromoodha.
Jarri kunimoo garamitti deemaa jiru jennee dhaabannee waan cinaa dhaabbachuu qabnuun cinaa dhaabbannee, waan mormuu qabnuun mormina malee akka kana duraa ani sanyii leencaati qabi, qabi mataa isaanii irraa muri jechuun xiqqooshee ni ulfaata.
Hamma Oromoo taanetti immoo mootummaan amma jiru kuni mootummaa Oromooti. Gaarummaa isaan hojjetanin ittiin faarfamna, ykn arrabsamna.
Akkuma kanaan dura warra kaanitti dhagaa darbachaa turre boru ummata kanatti darbachuun xiqqoo namatti ulfaata.
Dhaloonnikee Wallagga Lixaa Koborii jette. Maatiifi foroonni kees achitti waan argamaniif, mee haala nageenyaa naannoo sana jiruurratti waan jettu qabdaa?
Habtaamuu: Mootummaan amma jiru kun Oromoodha. Kan rakkachaa jirus Oromoodhuma. Osoo waldhageenyee warri qawwee baatee bosona aragamanis waliigaltee godhani gaariidhan jedha.
Wanti miidiyaa hawaasummaa irra jiru hundu dhugaadhas, sobadhas jedhanii fudhachuun nama rakkisa. Garuu ummanni keenya baay'ee rakkoo keessa jira. Baay'ee na gaddisiisa.
Rakkoon Lixa Wallagga jiru baay'ee baay'ee nama gaddisiisa. Hayyoonni Oromoo maaliif akka dhimma kana callisaniif hinbeeku.
Ana warra qawwee baatu osoo hintaane ummata kootu na gaddisiisa. Ummanni kun qabsoo kanaaf hindaaqqoo tokkitti qabu kennaa ture.
Har'as yeroo Oromoon iddoo biraa aara galfataa jirutti ummanni keenya manaa gadi bahe manatti ol deebi'uu, akkasumas hirriba gaarii rafuu yoo dadhabu baayyee nama gaddisiisa.
Mootummaan wanta kana osoo qabbaneessee, warri qawwee baatanii bosona jirran waliin walitti dhiheenyaan walitti dhufanii osoo mari'atani natti tola.
Lamman isaanu Oromoo waan ta'aniif osoo ummata kanaaf boqonnaa kennaniif gaarii ta'a. Bara dargii kaasees ummanni Kobor fi Begii mana dhiha Wallaggaa keessatti ajjeefamaa ture.
Maatiis hiriyyoota kiyyas waa'ee biyyaa keessaarrratti nan dudubbisa. Waan baay'ee nama gaddisiisutu jira. Dubbachuufis afaan nu qabe.
Ani karaadhuma lammaanitiinu aariin qaba. Mootummaa ykn warra kaan jedhee wantan adda baasu hinqabu.
Yeroo dhihootti biyya galuuf yaada qabdaa?
Habtaamuu: Akkamittan biyyatti gala! Biyya galanii Finfinnee keessa qofa shubbisanii galuun naaf boqonnaa miti.
Beggii baadiyyaa ummata keessatti dhaladhee guddadhe bira dhaqu malee biyya galuun anaaf hiikkaa hinqabu. Guyyaa tokkollee yoo ta'e, achi dhaqee hin deebi'in galuun anaaf maal nagargaara jedheen biyyarraa hafe.
Haala jijjiramaa amma biyya keessatti dhufe namoota jalqaba simate keessaa ani tokko. Garuu Finfinnee qofa gahee deebii'uun na hingammachisu.
Kanaafu sababii rakkoo nageenyaa naannoo dhalootaa keetiif biyyatti galuu diddee jechuudhaa?
Habtaamuu: Eeyyee. Rakkoodhuma nageenyaa naannichaatu akkan turu na taasise.
Tole Ulfaadhu!
Habtaamuu: Galatoomi hayyee!
















