Artiist Muktaar Usmaan turtii biyya ambaa waggaa 21 booda biyyatti deebi'e

Madda suuraa, Bakkalacha kabiir
Weellisaa Muktaar Usmaan turtii biyya ambaa waggoota 21 booda hara'a gara biyyaa deebi'e.
Ganama kana buufata xiyyaarra Boolee wayita qubatus maatiifi dinqisiifattoota isaatiin simatameera.
Muktaar biyya itti jiraatu Noorwaay irraa ka'ee ijoollee isaa sadii waliin gara biyyaa deebi'e.
Waggoota 21 booda gara biyyaatti deebi'uu isaatti gammaduu isaas turtii gabaabaa bilbilaan isaa waliin qabaanneen nutti himeera.
''Biyya ofiirraa yoo fagatan waan baayyeet namatti dhagaahama, waan mara dhabini, beela hin quufamne namatti ta'a'' jechuun miira biyya irraa fagaatanii turuun qabu nutti himeera.

Madda suuraa, Bakkalacha kabiir
Godina Baalee Gaassaraatti kan dhalate weellisaa Muktaar Usmaan, sirboota isaa Ijoollee Meettaa Gamaa, Hasaasii hin hasaasaanaa, Bontuu Arsii fi kaan hedduun dinqisiifattota hedduu weellisaa horachuu danda'eedha.
Waggoota biyya alaa ture keessattis, welluuwwan haaraa jaallatota isaa biraan kan gahe Weellisaa Muktaar, hojii waliin hedduu mijaataa hin turree jedha.
''Hojii koo guyyaa guutuu hojjedhu miti, gatees lafa hin keenyee, garuu xiqqo irraa fagaadheera jechuun'' turtii biyya hambaa keessatti hariiroo aartii waliin qaburratti gabaabsee yaada isaa nuu kenneera.
Weellisaa Muktaar Waggoota muraasa dura haadha warraa isaa du'aan dhabuun ijoollee waliin qofa biyyatti deebi'uun miira gaddaa isaatti uumuu namoota dhiyeetti isa beekaniifi isa simachuu dhaqan irraa odeeffanneerra.














