Galaanaa Gaaromsaa: Gammachuu eebba Aalbama koo jechan itti ibsu hin qabu

eebba Aalbama Baallii

Madda suuraa, Galaanaa Gaaromsaa

Weellisaa Galaanaa Gaaromsaa Aalbama isaa haaraa 'Baallii' jedhu hoteela Iskaay laayititti sirna miidhagaan eebbisiise.

Eebba Aalbama isaa haaraa kana irratti Pireezidantii itti aanaan Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Kantibaa Itti aanaan Bulchiinsa Magaala Finfinne Injinar Taakkalaa Uumaan argamuun waan addaa ta'eera.

Sirna kanarratti aangawoota mootummaan dabalataan, abbootiin qabsoo kanneen akka Prof. Mararaa Guddinaa, Aartiistotni Oomoo maqaa guddaa qabanii fi abbootiin qabeenyaa hedduun argamuu Weellisaa Galaanaa BBC'tti himeera.

Waltajjii kanarratti obbo Shimallis Abdiisaa ergaa aartii Oromoo fi Aartiistota jajjabeessu dhaamaniiru.

''Qabsoon Oromoo dhaabbateera jettanii yoo raftan dogongortaniittu, qabsoon dhaag darbachuufi dhukaasn qofa miti diinagdeeniis qabsoodha barnootnis qabsoodha'' ergaa jedhu dabrsuus nutti hime Weellisaa Galaana.

Angawootni mootummaa sadarkaa kanaarra jiran eebba aalbama sirbaarratti yoo argaman kun isa jalqabaa ta'uu akka hin oolle dubbatama.

Galaanaan ''obbo Shimallis waayee sagantaa koo beekanis ni dhufu jedhee dhibbaan dhibbati hin yaadne, 'surprised' ta'eera'' jedha.

''Kana dura sirbootni gulaalamanii jechuutni keessa muramaa, kaanis raadiyoo fi televizhiiniin akka hin dabarre dhorkamaa ture'' jechuun dhiibbaa ture kan yaadatu Weellisaa Galaanaa, ''gammachuu eebba kaleessa miiran ittin ibsu hin qabu jedhe.

''Miseensaaf Bineensaan dur weellisaan adda bahaa ture.''

''Jijjiirama kanatu kana qaba malee, fi jabaatanii hojjechuutu kana qaba malee dur dubbin akkas hin turres'' jedha.

''Oromoon kabajaa fi jaalal nuuf qabu kaleessan sirritti arge, ...humna kootiin ol gammadeen hamman yaadeen ol argadhe.''

Obbo shimallis maqaa mootummaa naannichaatin Kaasetta haara sirboota 14 of keessaa qabu kana qarshii 200,000 bitaniiru.

''Kun weellistoota Oromoof jajjabina guddaa ta'as'' jedha weellisaa Galaanaan.

Bulchiinsi magaalaa Finfinees sagantaan kun sadarkaa kanatti akka milkaahu gumaacha hedduu gochuu Galaanaan nutti himeera.

Aalbama isaa haraa kanaaf beeksisaa dabalatee qarshii miiliyoona 2.5 tilmaamamu baasii godheera jedha.

Walleewwan isaa kana qindeessaa beekamaa walleewwan afaanota biroo hedduu dhiibba uuman qindeessun beekamu Abagaaz Kibrawarqiin hojjechiise.

Keessummootni eebba kanarratti argaman ''gariin kan ani waame gariin ammoo kan Oromummaan waame dha''s nuun jedhe.

''Xiiqin natti dhagaahama ture''

Weellisaa Galaanaa Gaaromsaa Aalbama isaa haaraa kana magaala Finfinnee keessatti haalli itti beeksise sadarkaa kana dura baratamerra kan darbu ture.

Magaala Finfinnee keessatti biilboordiiwwan gurguddaa shan tokkon tokkoon isaanii qarshii 68,000 baasan hojjechiise iddoo ijoo ijootti dhaabeera.

''Magaala kana keessatti Oromoon olaantummaan isaa jalaa fudhatamuun xiiqii nakeessatti uumee ture'' jechuun miira itti hojii isaa sadarkaa olaanaan magaalitti keessatti beeksisuuf sababa ta'eef hima.

''Qe'ee abbootii keenyaarratti Oromoon akka hin jirre ta'uu kana maaliinin cabsuu qaba, maaltu barbaachisa kan jedhu yeroodhuman hojii aalbamaa kana hojjechuu eegalen yaadaa ture.''

'' Aartiin keenya Finfinnee waan lagatuuf hin qabaatu'' kan jedhu Galaanaan, Oromoon akka waan hin jirreetti warra yaadan saalfachiisuufin hojjedhe jedha.

CD wallee Afaan Oroomoo Miiliyoona saditti gurgurame

Sirna eebbaa Hoteela gatii qaalii Iskaay Laayititti qophaaye kanarratti CD'n Aalbama kanaa qarshii miiliyoona 3'tti gurgurameera.

Kuniis seenaa wallee Oromoo keessatti gatii isa guddaa, afaanota kaan biras gaafa wal bira qabamu kan caalu akka ta'e tilmaamama.

''Abbootiin qabeenya kana dura harka lafa jalaanis ta'u aartii Oromoo utubaa waan turaniif galata isaanii hin balleessu'' kan jedhe Galaanaan, amma abbootiin qabeenya aartii Oromoo tumsuurratti akkaan jabaachaa jiraachuuf gurgaartaan CD isaa fi eebba kaleessa fakkeenya ta'uu nutti hime.

Sirna eebba kaaleesa qopheessuf Dhaabbilee daldalaa 6 ispoonsara ta'aniifi jiru.,

CD miiliyoona sadiitti gurgurame ammoo abbootii qabeenyaa 8 ta'untu gumaacha taasise.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Aartii Oromoo fakkiidhaan

Guddina aartii Oromoo keesatti wantoota akka danqaatti himaman keessaa Ispoonsara dhabuun isa ijoo akka ta'e irra deddeebiin himamaa bahe.

Amma kuniis jijiiramaa jiraachuuf qophiin eebba aalbama Galaanaa Gaaromsaa agarsiiftuu ta'eera.

''Ammaa booda abdiin jira, karaa dhiphaa baldhifachuu dandeenyu bannee jirra.''

''Wallee bareedaa hojjedheen jira naa caqasaa'' kan jedhu Galaanaan, CD dhaan raabsuu, Itune, Amazon fi youtube irra kaahuus himeera.