Qondaalli mootummaa Wallagga Lixaatti ajjeefaman

Obbo Tolaa Gadaa Hogganaa Kominikeeshinii Abbaa Taayitaa Daandiwwan Oromiyaa Wallagga Lixaatti ajjeefaman.

Madda suuraa, ODP

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Tolaa Gadaa Hogganaa Kominikeeshinii Abbaa Taayitaa Daandiwwan Oromiyaa Wallagga Lixaatti ajjeefaman.

Kaleessa qondaalli mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Tolaa Gadaa jedhaman osoo hojiif gara Qeellam Wallaggaa deemaa jiranii Wallagga Lixaa aanaa Laaloo Assaabiitti ajjeefamuu BBC odeeffateera.

Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Eeliyaas Uummataa BBCtti akka himanitti, ajjeechaan kun aanaa Laaloo Assaabii bakka gaara Tooree jedhamutti gara ganamaa sa'a shan keessa raawwate.

Qondaalli kun dhukaasni namoota konkolaataan imalaa jiran irratti karaa bitaa fi mirgaan banamee ture jedhan.

Obbo Tolaa Gadaa, Hogganaan Kominikeeshinii Abbaa Taayitaa Daandiwwan Oromiyaa akka ta'an qondaalli godinichaa BBC'tti himaniiru.

Dhaabni Oromiyaa bulchu - ODP'n fuula Facebook isaa gubbaa, du'a qondaala kanaan gadda itti dhagahame ibseera.

''ODPn hoogganaa jabaa tokko dhabeera. Akka paartiitti guddoo gaddine,'' jedha.

Obbo Tolaan ''haleellaa Shaneetiin wareegameera,'' jechuun himatu.

Yeroo ajjeechaan kun raawwate Obbo Tolaa waliin namootni kaanis akka turan himaniiru.

Itti aanaan bulchaa godina Qeellam Wallaggaa, bulchiinsaafi nageenya keessas akkasumas namootni kaan waliin turan jedhanii dhukaasni konkolaataa deemaa jiru irratti baname jedhan.

Dabalataan humni nageenyaas namoota imalaa turan waliin akka turan himanii qaamotni dhukaasa gaggeessan yerosuma waan miliqaniif waliin bu'anii ture jedhan.

Haa tahu malee namootni kaan fiiganii jalaa bahuu himanii rasaasa karaa fuullee konkolaataa galteen lubbuun Obbo Tolaa darbuudha BBCtti kan himan.

Dhukaasa kana jalaas namootni kaan nagumaan bahuu himanii Obbo Tolaa Gadaa akkuma rukutamaniin achumatti lubbuun isaanii darbuu himan.

Reeffi isaaniis hospitaala Aayiraa erga galee booda gara maatii isaaniittii akka gaggeeffame himan.

''Qaamni ajjeechaa kana raawwate eenyu kan jedhu ammatti waan adda bahe hin jiru qorannee kan ibsinu taha'' jedhan Obbo Eeliyaas.

Qaamni nageenyaa nannicha jiru qorannoo gaggeessaa waan jiruuf adda baasnee kan ibsinu taha jedhan.

Bakka haleellaan itti raawwate sanatti Kanaan duras lubbuu namootaa hin galaafatiin iyyuu malee haleellaa wal fakkaataan raawwataa turuu BBCtti himan.

Godinaalee Wallaggaa kan akka Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti ajjeechaan qondaaltota mootummaa irratti xiyyeeffate irra deddeebiin raawwachaa turuun isaa ni yaadatama.

Naannoon kun bulchiinsa Koomaandi Posti jala kan jiru yoo tahu rakkoon nageenyaa naannichaa garuu akka hin furamne jiraattotni dubbatu.