Mootummaa Naannoo Oromiyaa: 'Miseensonni 'Abbaa Torbee' ragaa waliin to'ataman'

Hogganaa Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa

Madda suuraa, EPA

Komishiniin Poolisii Oromiyaa Lixa Oromiyaafi iddoowwan garaa garaatti namoota ajjeechaa, akkasumas saamicharratti bobba'un shakke 48 to'achuu beeksise.

Kunneen maqaa 'Abbaa Torbeetin' socho'aa turani jechuun Komishinarri Itti - aanaa akkasumas Hogganaa damee qorannoo yakkaa Girmaa Galaan miidiyaaleef himaniiru.

Bakkeewwan shakkamtoonni badii raawwatan jedhamee himamees Godina Qeellam Wallaggaa, Magaalaa Naqamteefi magaalaa Buraayyuudha.

Akka poolisiin jedhetti namoonni kuni badii raawwatan 'amananiiru'.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa ''namni ragaan irratti hin jirre to'atame hin jiru,'' jedhan.

''Sagalee isaaniin gocha sana raawwachuu isaanii kan dhugoomsanidha.''

Kunneenis ''humnoonni maqaa abbaa torbeetin of moggaasanii gochaa shororokeessummaa magaalaa keessa raawwataniifi ajjeechaa,'' raawwatanidha jechuun ibsaniiru.

Kanneen to'atamanis 'kan raawwatan, kan qindeessaniifi qooda keessatti kan fudhatanidha.'

Wanti raawwataa jiru 'gocha diinummaati' kan jedhan Obbo Getaachoon badii ''dhaloonni dhalootarratti walii waliisaarratti raawwatamaa jirudha,'' jechuun seeraan akka gaafataman ibsaniiru.

''Namni lafumaa ka'e ajjeechaafi qaama hir'isuu raawwatu kun balaaleffatamuu qaba.''

'Tooftaa 4 fayyadamu'

Poolisiin akka ibsetti kanneen badii ajjeechaan shakkaman kunneen tooftaalee afuritti fayyadamu.

'Tooftaa hidhannoo bosona keessaa, maqaa Abbaa Torbeen abbootii qabeenyaafi aanga'oota mootummaa ajjeesuu, aktivistii ta'un miidiyaa hawaasummaa gubbaa barreessuu, akkasumas filannoorratti hidhannoo fayyadamuuf kan qophaa'aa turanidha,' jedhameera.

Komishinar Itti - aanaa Girmaa Galaan, hanga ammaatti Godina Qeellam qofatti namoonni 212 garee hidhatee socho'uun miidhamuu ibsaniiru.

Magaalaa Sayyoo keessattis namoonni 114 humna hidhatee socho'uun ajjeefamuu himan.

Turtii waggaa tokko caalu keessatti bakkeewwan hidhattoonni kana dura ABO jala turaniifi amma akka qofaa bahan himan socho'anitti namoonni 770 yeroo ajjeefaman 1, 344 miidhamaniiru.

Dabalataan, 72 kan ta'an hidhattootaan ukkaamfamaniiru jechuun ibsuun isaa ni yaadatama.

'Abbaan torbee' eenyu?

Ajjeechaa yeroo garaa garaatti qondaaltota mootummaa akkasumas namoota nagaafi invastaroota irratti raawwatuuf mootummaan garee 'Abbaa Torbee' himata.

Miseensonni garee kanaa hidhamuun isaanii yeroo himamuus kan duraa miti. Garuu eenyudha?

Hogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaa Obbo Jibriil Mohaammad gareen kuni 'damee waraana hidhatee bosona jiruufi magaalaa keessa socho'udha' jechuun ibsaniiru.

Gareen kunis hidhattoota gama Lixa Oromiyaa socho'an ajaja jedhamee kan amanamuufi maqaa Marroon kan beekamun kan ajajamudha jedhaniiru.

Gareen kuni garuu yeroo gara garaatti himannaa akkanaa ni balaaleeffata.

Ta'us, gareen Abbaa torbeefi garee sonsaa jechuun of waamu ergaan fuula Fesbuukii irratti barreessuun hidhattoota waliin akka quba qaban agarsiisa.

Mootummaan yeroo garaa garaatti miseensota garee kanaa akka hidhe himus ajjeechaan garuu hin dhaabbanne.

Torban darbe magaalaa Najjootti qondaaltonni mootummaa afur yoo ajjeefaman 3 madaa'aniiru. Sadiimmoo miliqani jalaa bahuu qondaaltonni kan himan.

Torban kanammoo magaalaa Naqamteetti poolisoonni lama garee kanaan haleellaan irratti raawwate kan jedhame yoo ta'u tokko lubbuun darbuun isaa ni yaadatama.

Oduulee walitti dhihaatan: