Ajjeechaa qondaaltota motummaa irra deddebiin mul'atuuf maaltu furmaata?

Namoota ajjeefaman keessaa tokko

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii Koominikeeshinii Shawaa Lixaa

Ajjeechaa qondaaltota mootummaarratti irra deddeebiyee mul'atuuf mootummaan Gaaddisa Hoggansaa Oromoo waliin ta'uun fala waara'aa barbaadaa akka jiru beeksiseera.

Itti-aanaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Dheeressaa Tarrafaa BBC'tti akka himanitti Gaaddisa dhaabbate kana jalatti rakkoo akkasii kana furuudhaaf waliin hojjechuuf sochiin guddaan taasifamaa jira.

Obbo Dheeressaan Godina Shawaa Lixaatti qondaaltonni mootummaa Aanaa Jalduufi magaalaa Gojjoo lama gaafa Sadaasa 16, 2012 namoota hin beekamneen rasaasaan ajjeefamuu yeroo ibsanitti ture kan kana ibsan.

Ajjeechaa Anaa Jalduu magaalaa Gojjootti dheengadda sa'aatii 12 booda raawwate kanaan, Itti-aanaan Bulchiinsa Aanaa Jalduu Obbo Raggaanee Kabbabaafi Itti-gaafatamaa ijaarsa siyaasaa magaalaa Gojjoo kan ta'an Obbo Tasfaayee Garramuu lubbuu dhabaniiru jedhan.

Ajjeechaan qondaaltota mootummaa irratti xiyyeeffate yoo raawwatu kuni kan jalqabaa miti. Torbanuma darbellee qondaalli Oromiyaa Godina Wallagga Lixaatti ajjeefamanii turan.

Wiixata dheengaddaas Itti-gaafatamaan qorataa yakkaa magaalaa Naqamtee Komaandar Caalaa Dagaagaa ganamaan ajjeefamuu isaanii Obbo Dheeressaan ni dubbatu.

Rakkoo ajjeechaa qodaalota mootummaa irra deddeebiyuun mul'atu kanaaf kallattii ittiin fala barbaadaa jiran kan cimsanii akka hojjetanis ni ibsu.

''Qaamoleen dhuguma ummata Oromoof qabsoofna jedhan karaa nagaafi nagaan akka dorgomanidha fedhiin mootummaa,'' jedhu.

"Wal-hubachuu dhaabuurraan malee Oromoon Oromoo ajjeesee waan fayyadamu hin qabu, kasaaraadha jechuun," dubbatu Obbo Dheeressaan.

Akka mootummaatti ajjeechaa kana eenyutu raawwata jettu gaaffii jedhuuf: "Qaamni hidhatee socho'u hanga jiruttii gamaafi gamanatti qabachuun ni jira.

Walumaagalatti nuti akka mootummaatti meeshaan nu hin barabaachisu ejjennoo jedhu qabna,'' jedhan.

Dabalataanis, "lafa nageenyi hin jirreefi qaamni hidhatee socho'u kanatu, sanatu raawwate jechuun dimshaashessuun hin tahu.

Inni guddaan qabsoo hidhannoo dhaabuu, meeshaa seeraan alaa to'achuufi olaantummaa seeraa mirkaneessudha jechuun fala waara'aadha kan jedhan dubbatu.