Ertiraan yeroo bilisa baate hoggantoonni 'Singaappoor ishee goona' jedhanii turan

Madda suuraa, Getty Images
Ertiraan bara 1992tti biyya Afrikaa 52ffaa ta'un walabummaa ishee wayita labsiteetti, lammiileefi xiinxaltoonni imala kana hordofaa turan, ''yeroo gabaabaa keessatti guddina diinagdee galmeessuun fakkeenya biyyoota naannichaa taati'' abdii jedhu qabu ture.
Hojii raawwachiiftoonni bulchiinsa cehumsaa walabummaan booda turanis ‘’Ertiraa akka Singaapoor goona’’ jechuun dubbatu turan.
Biyyattiin imaammata maakroo diinagdee bara 1994tti raggaasifteen, qonnaa fi indastirii, qurxummii fi ashaboo, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, bishaaniifi elektiriika babal’isuu akkasumas ergama barnootaafi fayyaa babal'iisu jedhu qabatee ture hojii kan jalqabde.
Seensa sanada kanaa irrattis ‘’Ertiraan waraanaafi lola akkasumas bulchiinsa cunqursaa irraa bilisoomtee gara badhaadhinaafi nagaa haaraatti galaa jirti. Nagaan wareegaan argame kun jijjiirama demookiraatawaa saffisaa agarsiisaa jira. Diinagdee waraanaan barbadaa’e ijaaruuf yaaliin godhamaa jira,’’ jedha.
Qorataan siyaasa Afrikaa Piroofeesar Mangista'aab Kidaane, mootummaan Ertiraa invastimantii abbootii qabeenyaa dhuunfaa biyya alaatiin hogganamuufi oomisha al-ergii irratti xiyyeeffate wixineessuu yaadatu.
‘’Mootummaan diinagdee paartii biyya bulchuu, kan mootummaafi kan invastmeentii dhuunfaa jechuun imaammanni hojiirra oolche kan haala ifaafi itti gaafatamummaa hinqabneen harkasaa keessa galchuu waan jalqabeef karaa dheeraa osoo deemuu hin deemiin gufateera,'' jedhan.
Sababii hojmaata wal-dhahaa kanaatiin mootummaan qabeenya uummataa kan paartii irraa adda baasuu akka hindanda’amne kan dubbatu Mangistaab, ’’fakkeenyaaf albuudni mootummaa ykn paartii keessaa eenyu akka bulchu ummanni hin beeku ture,’’ jechuun sirni diinagdee burjaaja’aa tahuu dubbata.
Landan Yunivarsiitii Saawuuz Baankitti piroofeesara kan tahe Gaayim Kibraab gamasaatiin, uummanni rakkoo bulchiinsaa gama mootummaan ture ‘’hanga muuxannoo argatanitti,’’ jechuun yeroo kennuufillee, yeroon sirreessuu waan hindandeenyeef diinagdeen biyyattii boodatti hafuu danda’eera jedha.
Sababii kanaatiinis lammiileen invastimantii irratti hirmaachuu barbaadan baayyeen qarshii isaanii qabatanii baqannaarraa biyyatti deebi’anillee, diinagdeen dhuunfaa paartii gibira seeraa hinkaffalle waliin dorgomuu waan hindandeenyeef adeemsa keessa kasaaruu dubbata.

Hojimaata kanaan eenyu maal akka bulchu waan hinbeekamneef malaammaltummaaf saaxilamaa ta'u kan himu Piroofeesar Mangistaab, paartiin biya bulchu daldala damee hundaa keessatti waan hirmaatuuf daldaltoota dhuufaa carraa dhorkuun diinagdeen haalaan sochii dhorke jedha.
‘’Mootummaafi paartiin sharafa alaafi iiqaa to’achuun inavstimantii dhuunfaa dadhabsiisan. Kanarratti dargaggoonni tajaajila biyyaalessaatiin waan qabamaniif maatiin hojjataa qonnaafi hojii humnaa dhabuun diinagdeen kufeera,’’ jechuun ibsa.
Kanas ta'ee osuma jiruus lammiileen daldalaafi invastimantii irratti hirmaachuun dinadgeen biyyattii bara 196tti guddina parsantaa 6.7 galmeessuu himu Piroofeesar Gaayiim.
Ministeera Faayinaansiitti ittigaafatamaa diinagdee kan ture Obbo Kibroom Daaflaa turtii yeroos sab-himaalaa Ertiraa waliin taasiseen, waajjirri isaan hoogganaa turan'Himbool Sharafa Alaafi Hawaalaa' qofarraa waggaatti doolaarri miiliyoona 80 ni jijjira ture jedhee ture.
Dabalataan dhaabbileen tajaajila sharafa alaa kanarratti hirmaatan 29f eeyyamni kan keennameef ta'u himee ture.
Waraana Itiyoo-Ertiraafi wal-dhibdee waggaa 20f ture
Lolli Itiyoo-Ertiraa, diinagdee biyyattii rakkinaafi dhiibbaa bulchiinsaatiin walqabatee ofiisaatiin tirachaa ture caalaa miidhuunsaa isaan hinoolle.
Waraana kana hordofees wal-dhibdee waggoota 18 darbaniif itti fufeen lammiileen baayyee tajaajila biyyaalessaa akka kennaniif dirqamuun, diinagdeen tirachaa ture lolichaan dhaabbachuu himu Pirof. Gaayiim.
‘’Ertiraan baajata biyyaalessaa ilaachisee gabaasni waan hindhiyaanneef, sababa waraanichaan kasaaraan diinagdee qaqqabe hangam akka ta'e beekamuu baatus, qabeenyi manca’uunsaa garuu ifa ture,’’ jedhan.
Qondaaltonni mootummaa Ertiraa garuu, ‘’jalqaba walabummaan biyyaa mirkanaa'uu waan qabaatuuf, biyya eegsifnee booda waa’ee dhimmoota keessoorratti haasa’uuf yeroo ni arganna,’’ jechaa turaniiru.

Odeessaalee walfakkaatan kanneenis dubbisaa:

Caasaan diinagdee mootummaa filannoowwan diinagdee waan to’ateef sirni deemookiraataawaa tahe akka hinjiraaanne godheera. ‘’Mootummaan diinagdee mataasaa waan ijaareef uummata waliin hidhata hinqabu,’’ jedha.
Kanaaf hamma har’aatti uummataaf gaaffii hindhiyeessine. Uummannis karaa itti sagaleesaa dhageessisuu hinqabnees mormii dhiyeessuu hindandeenye,’’ jedha Mangistaab.
Biyya demookiraataawaa keessatti paartiin kan geggeefamu baasii miseensota irraa kennamuun.
Ertiraatti ammoo sirni mootummaa heeraan bulu waan hinjirreef paartiin biyya bulchu tokkoof tokko qofaadha.
Sababiin diinagdeen biyyattii itti hinguddanne tokko, sirni demookiraasii waan hinjirref jedhu.
Qoqqobbii
Ertiraan bara 2009tti Somaaliyaa waliin, 2011tti immoo Jibuutii waliin wal-dhabdee uumteen Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii bittaa meeshaa waraanaa akka hin taasifneefi herreegni baankii qondaalota muraasaa akka hinsochooneef qoqqobbii kaa’ee ture.
Mootummaan Ertiraa ammoo waan qabatamaa hintaaneen kun shira Ameerikaan Ertiraa dadhabsiisuuf taasistudha jedhe. Lola Itoophiyaa waliin jiru fayyadamuunis Gaanfa Afrikaa to’achuuf kan godhamudha jedhee ture.
Bara 2019 Itoophiyaafi Ertiraan waliigaltee nagaa yeroo mallatteessaniitti qoqqobbaan kun irraa ka’e. Waliigalteen booda daangaan cufame yoo banamu diinagdeen biyyattii sochii agarsiisee ture.
Tahus daangaan sababii hinbeekamneen deebi’ee waan cufameef, gatiin meeshaalee bu’uuraa deebi’ee ol-ka’e.
Piroofeesar Gaayim qoqqobbaa kana dura Ertiraa irratti kaa’ame ture diinagdee irratti dhiibbaa taasiseera amantii jedhu qabu.
Gama biraatiin ammoo bara 2015tti motummaan sharafa alaa seeraan alaa to’achuuf jecha qarshii biyyattii geeddaruun, maallaqni uummataafi daldaltoota harka ture gara baankiitti akka deebi’u erga godheen booda, jijjirraawwan daldalaa gurguddaan karaa baankiin akka raawwatamaniif ajaja dabarse.
Seerri lammiileen qarshii Ertiraa Naaqfaa 5,000 caalaa baankii baasuu akka hindandeenye dhorku hojiirra oolee ittiin hojjatamaa jira. Kunis diinagdeen akka dadhabu taasiseera jedhu.
Uummanni Ertiraa haala danda'ameefin dhaabbilee bilisummaaf qabsaa'aa turaniif gargaarsa gochuusaatti injifannoof gahaniiru kan jedhan Piro. Mangista'aab, haadholiin Xaaliyaaniifi biyyoota biraatti godaansarra turan deeggarsa diinagdeefi hamilee olaanaa gochaa turuu himan.
Lola daangaa bara 1998-2000tti tureef walabummaa biyyaa eegsisuuf jecha uummanni hedduun boondii bituufi maallaqa callaa kennuun deeggaraa ture jedhan.
Keessattuu haadholiin ‘biyya koo, badhaasakoo’ jechuun kennaa isaanii kan gumaatan tahulleen waraanarraa bu’aan argamu hinjirus jedhan Piro. Mangista'aab.
Dabalataanis waraana booda jijjiiramni deemookiraasii osoo hin dhufiin hafusaatti qondaalonni mootummaa olaanoo fi gaazexeessitoonni jijjiramaaf gaaffii dhiyyeessan seera malee hidhaniiru. Kunis jireenyi biyyattii hedduun keessattuu diinagdeen akka miidhamu taasiseera jedhu.
Kanaafuu ‘’jijjiiramni siyaasaa yoo dhufe malee guddinni diinagdee kan hinyaadamnedha,’’ jechuun Piroofeesar Gaayiim, jijjiirama bu’uuraa gochuuf qajeelfamoota diinagdee xixiqqaa irra deebiin ilaaluun barbaachisaadha jedhan.














