Ertiraatti biiraan kaardiidhaan gurguramuu jalqabe

Weerara koroonaavaayirasii dhaabuuf jecha kaaffeewwanii fi manneetii nyaataa kan cufte Eritiraan biiraa kaardii bittaan gurguruu jalqabdeetti.
Gosti biiraa tokkichi Meelotii jedhamu kaardii bittaa yookaan kuppooniin gurguramaa akka jiru maddeen BBC Afaan Tigriffaaf mirkaneessaniiru.
Maamilootni biiraa kana suuqiidhaa qofa bituu danda’u. Biiraan tokko Naaqfaa 10 ykn birrii 25nin akka gurguramuu ibsameera.
Namoonni kaardii bittaa qabatan kunneen torbeetti qaruuraa saddeet qofa bituutu isaaniif eeyyamama.
Eritiraatti miyoota bu’uuraa kanneen akka daabboo, zayita, sukkaaraafi misingaa lakkoofsa maatiin gandarraa qofa dha kan bitamuu danda’u.
Maamilooti daabboo bituuf erga galmaa’aniin booda yeroo hunda ganama lakkoofsa maatii isaaniin akka bitatan isaaniif eeyyamama.
Biiraan Meelootiis akkuma daabboofi zayitaa kaardiidhaan gurguramuun warreen dhugaatii daldalan hin gammachiifne.
Daldalaan magaalaa Asmaraa jiraatu akka maqaansaa hin dhahamne gaafate, ''namoonni eeyyama daldalaa qabnu mana keessan cufaa jedhamnee, hojjettootaaf immoo qarshii kaffalaa jedhamneerra.
Biiraan nuti gurguruu qabnu suuqiitti gurguramaa jira,’’ jechuun dubbata.
Daldalaan kun akka jedhutti manneetiin dhugaatii kan cufaman namni akka walitti hin qabamneef tahuu hubatus, suuqii qofatti gurguramuun garuu naan galle jedha.
Manneetiin dhugaatii akkuma suuqiiwwanii biiraa gurguruu ni danda’u ture jedheera.
''Ji’a torba guutuu hojiin ala taaneerra,’’ haatahu malee, yeroo ammaa biiraan suuqiitti gurguramuu jalqabnaan dargaggootni walitti qabamanii akka dhugan taajjabeera jedha.
Biyyattiin tamsa’ina koroonaavaayirasii ittisuuf labsii yeroo muddamaa keessee turte, amma labsii kana suuta suuta laaffisaa jirti.
Namoonnis iddoodhaa iddootti akka garaa sosocho’aa jiru.
Keessumaa biyyattii keessa, namoota biyya alaarraa deemaniin alatti weerarichi hagas mara kan hin jirre yoo tahu, namoonni qabamanis hin jiran.
Haa tahu malee labsichi ifattii maaliif akka hin kaane namooti baayyeen gaafatu.
Ertiraan erga labsii yeroo muddamaa labsiteen as sochiin daldalaa kan dhaabbate yoo tahu, keessumaa namoonni jireenyi isaanii harkaa gara afaanii tahan mootummaa irraa deeggarsa ijaa hin arganneef jiruun isaanii gadadoo taheera.














