Laampedusaa: Iyyaafi gadadoo lammiilee Ertiraa Laampedusaatti dhagahame

Madda suuraa, Getty Images
Jalqaba ji'a kanaatti dargaggoonni lama magaaloota Xaaliyaan kan akka Sisiliyaa, Lampedusaa, Poolrimoo Kataniyaa fi biroo keessaa bakkeen awwaalchaa jiranitti yeroo deddebi'an hubatamaniiru.
Awwaalchoota maqaa hin qabneefi lakkoofsii bilbilaa irra ka'aamee filatanii bilbila isaaniin kan viidiyoo waraaban dargaggooni kun eenyu?- Maaliif kana godhu? Gaaffiiwwan akkanaa namootni kaasan hedduun turani.
Dargaggoonni kun Yooseef fi Adahanoom jedhamu. Lampesuudaatti dargaggoota Eertiraa hedduu qabattee bidiruu dhidhimtee keessaa hiriyyoota akka carraa lubbuun oolanidha.
Hiriyyummaan isaan waliin guddachuun kan dhufe osoo hin taanee rakkoo fi godaansaan kan uumamedha.
Imala godaansaa isaanii irratti rakkoo hedduu isaan qunname keessa waliin darbani.
Itoophiyaa irraa Sudaan achiimoo gara gammoojjii Sahaaraatti imalaniiru.
Gammoojji ho'aa sana keessatti bishaan xiqqoo qooddachaa, ansoolaa lamatti uffachaa, abdii kutatanii carraa isaanii yaaluuf Libiyaa magaalaa Tiraabloos seenani.
Goodantootaaf Tiraabloos seenuun akka waan abdii qabachuutti ilaaalama. Biyya abdatan ga'uuf achiirra imala galaanarra halkan lamaa qofaatu hafaafi jechuudha.
Dargaggoonni Laapedusaatti lubbuun isaanii darbe, rakkoo kunneen darbanii abdiin ture gara bidiruu sanatti kan ol ba'an.
Imala godaansaa kanarratti kan gargar hin baane Yooseefi fi Adahaanoom waliin ture kan bidiruu kana yaabbatan.
Bidiruun kun nama 520 feetee erga xiqqoo sochootee booda Kaappiteenni bidiruchaa dallaalota waamuun bidirun kun madaallii isaa waan dhabef namoota akka hir'isaniif isaan gaafata.
Dallaallonni immoo uleetiin reebaa namoota 26 humna bidiruuwwan xiqqootiin akka deebi'an godhani.
Halkan waan tureef Adahaanom hiriyyaan isaa Yooseef warra deebi'an keessa tokko ta'uusaa hin barre ture.
Bidiruun kun imala isaa fixee rakkoo malee Laampedusaa geese. Garuu qarqara galaanaa ga'uuf gara meetirri 800 yeroo hafuuf gargaarsa gaafachuuf dhaabbatte ture.
Osoo hin carroomin haftee, gargaarsi hatattamaa hin geenyeeni.
Imaltoonni kun bidiruurra ta'anii fagootii ibsaa magaalichaa waan arganiif kana booda balaan nu qaqqaba jedhanii hin yaadne ture.
Bidiruu sanarraa isaan fudhachuun kan isaan ceessistu bidiruu gargaarsa atattamaa eegaa turani.
Utuu aduun hin ba'iin gargaarsa argachuuf jecha, akka namni isaan arguuf jedhanii uffannii isaan ibidda itti qabsiisanii turan garuu babal'atee balaa ibiddaa hin eegamne isaanitti fide.
Bidiruun kun madaalli ishee dhabdee warri irra keessa turan galaanatti darbatamanii warra keessa turan ammoo qabattee dhidhimte.
Kanarraa kan ka'e balaan hammaataan uumame. Dubbii ijoo addunyaas ta'e.
Adahaanom namoota galaanatti darbatamanii daakanii lubbuun isaani hafe 155 keessaa tokko ture.
"Akkamiin akkan ba'e hanga ammaattiyyuu na ajaa'iba. Namootni daakaa danda'an hedduun du'aniiru. Akkakoo namootni daakaa hin beekne ammo ayyaana Waaqayyoon lubbuun keenya hafeera," jedha.
Guyyaa kana akka guyyaa dhaloota isaatti akka kabaju hima.
Namootni akka deebi'an taasifaman ammo oduun balaa kana dafee isaan hin geenye ture. Yeroo addunyaan oduu kana naanneessu dhaga'ee garuu Yooseef hiriyyoota isaa yaadaa gaddaan baay'ee boo'e.
Isaan keessa kan lubbuun hafan xiqqoon jiraachuu isaanii yeroo dhaga'u ammo tarii hiriyyoonni isaa lubbuun oolaniiru jechuun abdii horate.
Adahaanom immoo hiriyyaan isaa Yooseef bidiruu irraa dursanii dirqamaan buufamuu isaa waan hin barreef namoota reeffi isaanii galaana keessaa baafame keessa isa barbaadu eegale.
Garuu isa argachuu hin dandeenye.
Yooseef warra lubbuun oolan keessa Adahaanom tokko ta'uusaa yeroo dhaga'e baayyee gammade.
Boodarras bilbilaan wal argatani boo'aa 'baga lubbuun oolte' waliin jedhani.
Erga balaan sun qaqqabee ji'a lama booddee bakka yaade osoo hin ga'iin hafuu waan hin dandeenyeef Yoseef bidiruu biraatiin carroomee galaana qaxxaamuree Xaaliyaan gale.
Achittis Adihaanom waliin qaamaan wal arganii waan ta'e mara haasa'aniiru.
Lamaanuu osoo baayyee hin turiin gaffiin kolu-galtummaa isaanii deebii argateefii biyya Siwiidin galan.
Waggaa waggaadhaan gara bakka balaan itti qaqqabee sana deemuudhaan balaan akkasii akka hin uumamne hubannoo uumu.
Bara kanas kaayyoodhuma kana qabatanii ture kan gara sanatti imalan. Yaadannoo waggaa torbaffaa balaa Laampeeduusaa irratti hirmaachuuf gara Siisiliitti imalan.
Adihaanom haala ture yeroo ibsu, "Mudannoon sun waggaa waggaan natti dhufa. Boo'ichaafi waawwannaa yeroo sana ture, bifa namootaafi reeffa isaanii yeroo galaanarra bololi'u arguu yaadachuun baayyee ulfaataadha," jechuun kanaa ol dubbachaa turuu hin dandeenye.
Wanti hirriba isa dhorke tokko garuu jira. Haadhotiin baayyeen ijoollee isaanii waan hin awwaallanneef hanga har'aa gaddi isaanii keessaa hin baaneef.
Bara darbe akka carraa yeroo gara Itoophiyaa dhufetti haadha dhalli ishee jalaa du'e tokko argee mucaan ishee lubbuun jira jechuun akka itti himte yaadata.
Bara kana keessa Yoseefifi Adihaanom wanta adda ta'e tokko gochuuf yaadaniiru.
Tokkoo tokkoo awwaala lakkoofsi kennameef adda baasuudhaan, awwaalcha isa kamitu kan eenyuudha kan jedhu adda baasuun, maatiin guyyaa tokko dhufee bakka sanatti argamuun akka hirmii baafatan haala mijeessaa jiru.
Kana gochuun garuu hojii salphaa miti. Awwaala isa kamitu kan eenyuuti kan jedhu adda baasuun rakkisaa itti ta'eera. Kana irraa kan ka'e hedduu gaddi itti dhaga'ameeras.
Mootummaan dhimma kanaaf quuqama qabu dhabuu isaaniitiin, akka aadaattis reeffi gara biyyaatti deebisamanii haalli ittiin awwaalamuu danda'u mootummaa Ertiraas waan hin hayyamneef dhaabbileen dhimma baqattootaa irratti hojjetan akka gargaaraniif waamicha taasisaniiru.
Yeroo kaayyoo kanaaf socho'anitti namoota isaan gargaaraniifis maqaa reeffawwan maqaa hin qabneetiin galata galchaniiru.














